Aayubu 12 - KITAABA WAAQA1 Jennaani Ayubuni waan jed'eeni: 2 Ee, qonqooni nama si; hojja dootule qarooma wolumaani doota! 3 Ammo anini qalbi akuma kanke qaba, waan tokoleeni si inhanqad'u; nami waan kana imbeenne injira? 4 Jaalani tiyyaaleeni amma na kofalti, ato anini nama d'uga, ka wollaala inqamne tahele jaalani tiyya, na kofalti, duri Waaqi kad'acha tiyya naa d'agaya. 5 Atini ufii gaargala womatu inqabdu ammo teete na goyeesita: Nama ufiftu diquma inqaariini d'oofta. 6 Ammo shiftaafi nami Waaqa imbeenne nagayaani taa, ato Waaqi worraa irre worraa taatele. 7 Bineensafi simpirrele gaafad'i, worrati si barsiisa; waan garaani lafa ira loatifi 8 simpirrele gaafad'i, worrati siti hima. 9 Wonti kunini ch'ufti aka AABBO Waaqi harka ufiitini worra uume imbeetu? 10 Jireenni waan lubbu qabati ch'ufti harka isaa keesa jira, hafuuri namaaleeni isa iraa baha. 11 Akuma arabi kanke sagale mieefatu, gurri kankeleeni dubbi mieefata. 12 Qaroomi ka jaaroleetiiniti? Hubachaani ta nama lafa buleetiiniti? 13 Qaroomafi jabeenni ka Waaqati, inni hubachaafi irre woini tolchu qaba. 14 Eenuti waan inni ch'abse dandae jaara? Ammalle eenuti dandae nama Waaqi hid'e hiikha? 15 Oolaani, hojja Waaqi roobu didu, d'ufti; bisaani hojja inni bokaya roobu, lafati fach'aani. 16 Waaqi jaba, waan ch'ufa indabsata; ka wo sobuufi ka sobanileeni ch'ufti harkuma isaa keesa jira. 17 Inni qarooma worra lafa fidu iraa fuud'e worra nama dura deemule daallesa. 18 Inni hayyootale hayyuma iraa fuud'e hid'aansa geesa; 19 inni qaalole huji qaalluma iraa fuud'e worra jajabaale balleesa. 20 Inni nama d'ugeefatani ch'allisise, qarooma jaarole iraa fuud'a. 21 Inni worra lafa fidu ch'eerse, worra irre qabu irre isaani balleesa. 22 Inni dukana sipe balleese, ifsaani d'ufa. 23 Inni gosa jabeese irre kennaafi, ammo eege gosa suni firfirse balleesa. 24 Inni worra nama dura deemu qalbi d'owe, lafa kara inqamne keesa marsa. 25 Worri dukana keesa jinjimate, aka nama machae dadaaqa. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya