Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

3 Yohona 1 - KITAABA WAAQA

1 Anini Jaarsi, gara Gayo ka anini guddo jaalad'u t'aafa.

2 Jaala kiyya, anini Waaqa kad'ad'a, aka atini nagayaani teete fayya nafa argattu, anini imbeekha, lubbuuni tante fayya.

3 Oboleyaani toko d'ufte, aka atini d'uga keesa jirtu nati himte jennaani anini guddo gammade akuma atini durile d'uga keesa teetu.

4 Wonti ijoolle tiyya ta d'uga keesa teetu ira na gammachiisa injirtu.


Huji Gayo

5 Jaala kiyya, yo oboleyaani qarqaartu, ato worri keessuma taatele, waan guddo dansa tolchita.

6 Jaalala tante ya gumi armaati hasaani. Worra qarqaari, aka imaltuuni worraa kara Waaqi fed'uuni toltu.

7 Worri kaeti imaltu huji Kristo tolchu d'aqe, ka qarqaarsa nama ind'ugefatinle iraa infeene.

8 Nu Kristiani jara kana qarqaaru male, aka nu huji worraa ta d'uga worra woliini qoodannu.


Waan Diotrefefi Demetrio

9 Anini tatabe diqo toko gara gumi t'aafe; ammo namichi Diotrefe jed'ani, ka gudda worraa tahu fed'u, dubbi tiyya womatu indarre.

10 Yo anini d'ufe, waan inni tahe ch'ufa diidati baasa, waan hamtu inni nu tolcheefi kiyyiba inni dubbate! Ammo wonti kunini isa ingeetu; yo oboleyaani d'ufte inni worra ind'ieesu, ammalle jara worra d'ieesu fed'ule d'owe gumi keesaa baasu fed'a!

11 Jaala kiyya, waan hamtu gula indeemini, ammo waan dansa gula deemi. Nami waan dansa tolchu ch'ufti ka Waaqaati; ka waan hamtu tolchu Waaqa ingarre.

12 Nami ch'ufti waan Demetrio dansa dubbata; d'ugaleeni waan isaa dansa dubbatti. Nuleeni d'uga teenna iti dara, atini aka wonti nu jennu d'uga imbeeta.


D'aamsa nagaya

13 Anini waan heddu ka siti himu qaba, ammo tatabe irati t'aafu imfed'u.

14 La heregad'e aka d'iotu si argu, yoosi wolhasoomna.

15 Nagaya keesa tai. Jaallaani tante ch'ufti nagaya d'aamti. Jaallaani teenna ch'ufa nagaya naa fuud'i.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan