2 Yohona 1 - KITAABA WAAQA1 Anini Jaarsi, gara Jaarti Waaqa fohatetifi ijoolle isii ta ani guddo jaalad'u t'aafa. Anini ch'allaani isani injaalad'u, ammo nami d'uga beekhu ch'ufti isani jaalata; 2 wonti akanatiifi d'ugaani nu keesa jirti, ammalle haga hegeri nu woliini teeti. 3 Abba Waaqafi Yeso Kristoni, Ilmi Abba, eebafi naasufi nagaya nuu kenninna; wonti kunini ch'ufti ha d'ugaafi jaalalaani teenna taatu. D'ugaafi jaalala 4 Anini aka ijoolleeni tante ta gari d'uga keesa teetu arginaani guddo gammade, akuma Abbaani nuti hime. 5 Tanaafi anini si kad'ad'a, Aato, nuuni ch'ufti woljaalanna. Seeri anini sii t'aafu kunini hareesaaniti; seeruma haga duriiti harkaa qamnu. 6 Jaalalti anini waan isi dubbad'u tunini, Seera Waaqa guutu maltani nuuni jetti. Seeri, isani haguma duriiti d'ageetani, kana: Woljaalad'a. 7 Nami nama sobu hedduuni ka Yeso Kristoni fakaata nama intaane jed'u, ya lafa d'ufe nami akana kunini nama soba, inni nyaapa Kristoti. 8 Ufi eegad'a, aka waan hojattani argattani imballeesine, ammo galata keesani aka dansa argattani. 9 Nami barsiisa Kristo keesa inteenne, ammo biraa dabru, Waaqa inqabu. Nami barsiisa suni keesa tau Abbaafi Ilmale inqaba. 10 Yo nami d'ufe barsiisa tanaani siti ind'umne, nama suni balbala mana keti duraa imbaniini; nagayale infuud'iini. 11 Wonti akanatiifi nami nagaya isa fuud'u ch'ufti waan hamtu inni tolchu isa woliini qoodata. Dubbi eege 12 Anini waan heddu ka siti himu qaba, ammo tatabe irati t'aafu imfed'u; taatule la heregad'e aka d'ufe siini hasau, aka nuuni ch'ufti gammannu. 13 Ijoolleeni Oboleeti tante, ta Waaqi fohate, nagaya sii d'aamti. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya