2 Timotheo 3 - KITAABA WAAQA1 Waan kana qaabad'u! Guyyaani muumme gaargala hama qaba. 2 Nami ufo tahe, sabdae, ufi guddise, ufi saada; wolarabsani, worra ufiiti saalfachu didani, galata deebisu, didani, aada Waaqa lakisani; 3 arja tahu didani, naasu lakisani, maqa wolt'ureesani, woldidani, wolhad'ani, waan dansa jibbani; 4 wolballeesu fed'ani, mata jabaatani, ufi guddisani, Waaqa ira gammada jaalatani; 5 nama aada Waaqa guutu ufi tolchani, ammo jabeenna isi didani. Jara akana kana ira fagaad'u. 6 Nami gari mana nad'eeni d'aqe, nad'eeni lalaaftu ta qara dabi iti ulfaate d'araa gosa ch'ufa gula yaatu fud'atani. 7 Nad'eeni tunini hojja ch'ufa wo barachu feeti, ammo haguma jirtu d'uga imbarattu. 8 Akuma duri Yanefi Yambreni dubbi Musa didde, akasuma worri kunileeni d'ugaa dida — nama herega inqamne, ka d'ugefacha argachu dad'abe. 9 Wonti kunini garu ind'at'u, waan nami ch'ufti aka worri daalle arguufi akuma jari kaani duri tahe. D'aamsa waan huji 10 Ammo atini ya barsiisa tiyyaafi adaba kiyyafi jireenna kiyya gula deemte; atini ya d'ugefacha tiyyaafi obsa kiyyafi jaalala tiyyaafi jabeenna kiyyafi, 11 gaargala kiyyafi d'aanicha kiyyale agarte. Waan Antiokiafi Ikoniofi Listra keesati na tolchani quba qabda, gaargala hama anini argad'e ch'ufa! Ammo Aabbooni ya waan suni ch'ufa keesaa na baase. 12 Nama Kristo Yeso woliini jireenna Waaqi fed'u keesa tau ch'ufti ingaargalchani; 13 ammo nama hamafi kiyyibaani ch'ufti ira hamaata, ufi sobani nama d'ibile sobani. 14 Ammo atini, d'uga si barsiisani aka dansa d'ugefatte keesa tai. Wonti akanatiifi atini nama si barsiise imbeeta, 15 ammalle haga ijoolluma teetiti ya T'aafi Qulqullo, ta dandeete hubacha baafama, maro d'ugefacha Kristo Yesotiifi sii kennitu baratte. 16 Wonti akasitiifi t'aafiini ch'ufti hafuura Waaqaa qabdi ammalle wo baati, isi d'ugani barsiisani, wollaalaani gorsani, qajeelaani garsiisani, waan jireenna dansaatiini barsiisani, 17 aka nami Waaqa ch'ufti qit'ae kurfo tae, huji dansa ch'ufa hojatu. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya