2 Timotheo 2 - KITAABA WAAQA1 Atini duuba, ilma kiyya, maro eeba Kristo keesa jirtu qabduufi jabaad'u. 2 Dubbi tiyya ta anini si durati nama barsiise heddu nama atini d'ugefattu, ka dandae nama d'ibile barsiisuti kenni. 3 Qooda kanke ka gaargala fud'ad'u, aka askarti dansa ta Kristo Yeso. 4 Askartiini huji hojattu gudda isii gammachiisu feeti, waan d'ibi ka huji askartii intahiini keesa seenu imfeetu. 5 Nami utaalu, aada woldogoomsu guutu male, woma inargatu. 6 Abbaani oobru ka aka dansa hojate, mid'aani qara ka oobru ufi argachu male. 7 Waan anini siini jed'e kana heregi, Aabbooni waan ch'ufa keesa si hubachiisa. 8 Yeso Kristo qaabad'u, ka duisa keesaa kaasani, ka d'aloota Daudi, akuma Odu Dansa ta anini barsiisu keesati himani. 9 Waan anini Odu Dansa hasaeefi gaargala, ammalle aka nama wo yake na hid'ani. Ammo dubbini Waaqa hid'aansa keesa injirtu; 10 maro waan kanatifi anini gumi Waaqi fohate jed'e obsa, aka worrileeni baafama Kristo Yeso keesa jiru argatu, guddinna hegeri woliini. 11 Jechi kunini ka d'ugaati: Yo nu isa woliini doone, nu isa woliini jiraanna; 12 yo obsine, isa woliini lafa finna: Yo nu isa mormanne, innileeni nu mormata; 13 yo nu d'ugefacha iraa gorrele, inni ka d'ugefatani, waan inni dandae ufi imormanneefi. Hojattu d'uga hojatu 14 Gumi tante waan kana qaabsiisi, Waaqa durati gorsi, aka worri maro dubbitiifi wolindinne. Wonti suni woma namaa imbaatu, ammo worra ch'aqasu ch'alla balleesiti. 15 Ufi qorqorad'u, aka Waaqi huji tante quufu, aka hojattu huji ufiiti inch'eere, ammo ka d'aamsa Waaqa qajeelche himu. 16 Hasaa nama Waaqa imbeenne; ka daalluma, ka Waaqa ira nama fageesu, lagad'u. 17 Wonti worri barsiisu aka mada diimtu namaa nyanyaatu jirti. Nami waan akana barsiisu Himenayofi Filetofa. 18 Worri kunini ya kara d'uga lakise, d'ugefacha jara d'ugefate ka gari yake, Kaisi keenna yayu dabre jed'ani. 19 Ammo yayabi Waaqi keyate dandae inchochou; ammalle dubbi tana irati t'aafani: Aabbooni worra isaa ch'ufa fuula beekha; ammalle, Nami nama Waaqa ufiini jed'u hameenna lakisu male jed'ani. 20 Mana gudda keesa miha gosa hedduti jira. Ka gari qarsifi worqi, ka gari faarafi mukha; ka gari gatiini guddo ka gari gatiini diqo. 21 Yo nami waan hamtu ch'ufa iraa ufi d'owe ufi qulqulleese, nama suni waan jabdu dandaani isani tolchani, waan inni aka huji dansa ch'ufa hojatu ufi baase abba ufiiti wo bahefi. 22 D'araa kaimooma lakisi, jara garaa qulqullooni Aabbo yaamatu woliini d'ugaafi, d'ugefachaafi jaalalafi nagaya barbaadi. 23 Ammo hasaa daalluma ka nama woma imbeenne lagad'u; wonti kunini woldidiisaani d'ufti, imbeeta. 24 Hojattuuni Aabbo woldidu himmalle. Inni nama ch'ufaa nahu male, barsiiftu dansaafi ta obsa qabdu, 25 ka laanatu kara nama isaani morku garsiisu tahu male. Hegeri Waaqi daba ira worra deebise, d'uga worra barsiisa. 26 Duuba qalbiini worraa deebinaani t'urura Sheet'ani worraani qabe mohate keesaa baqatani. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya