2 Timotheo 1 - KITAABA WAAQA1 Maqaani kiyya Paulo, anini fed'i Waaqa gula ergatta Yeso Kristoti, isati na erge, aka anini jireenna maro Yeso Kristotitiifi nuu kakhatani odeesu. 2 Gara Timotheo, ilma ani jaalad'u: Waaqa Abbaafi Kristo Yesoni, Aabbooni keenna, eebafi naasufi nagaya sii kenninna. Waan galata deebisanitiifi gorsa 3 Anini Waaqa ka qalbi dansaani, akuma ababooti teenna tolchite hojad'uufi, galata deebisa. Anini galata isaa deebisa hojja halkani guyya kad'acha tiyya keesati si qaabad'u. 4 Imimaani kanke inqaabad'a, waan kanaafi guddo si argu fed'a, aka guddo gammadu. 5 Anini d'ugefacha tante ta d'uga inqaabad'a, d'ugefacha ta aka akko tante Losifi haate Eunikeni qabani. Atileeni tami akasi qabda, imbeekha. 6 Maro waan kanatifi anini si qaabsiisa, eeba Waaqi gaafa anini harka sira kaye sii kenne jabeesi, huji tantele owisi. 7 Wonti akanatiifi Waaqi lubbu nu daafansiiftu nu inkennine, ammo lubbu jabeennaafi jaalalafi ufi qorqoracha nuu kenne. 8 Aabbo Yeso d'ugeesu inch'eerfatiini; ana ka maro isaatiifi hid'anile inch'eerfatiini. Ammo, maro Odu Dansaatiifi gaargala obsi, akuma Waaqi jabeenna sii kenne. 9 Inni nu baase, jireenna qulqullo iti nu yaame, maro nu waan dansa tolchinefiiniti, ammo maro fed'ifi eeba isaati. Inni eeba tana ato lafa inuumiini Kristo Yeso keesa nuu kenne, 10 ammo amma ya d'ufiisa Qarqaarsa keenna Kristo Yesotiini nuti mullisani. Inni ya jabeenna duisa dabsate, Odu Dansaani jireenna inhobaane mullise. 11 Waaqi ya na fohate, aka anini Odu Dansa odeese, ergattufi barsiiftu tahu; 12 maro waan kanatifi anini akana gaargala. Ammo anini ammalle inch'eerfad'u, waan anini nama abdad'e beekhufi, ammalle imbeekha aka inni haga guyyaani gahuuti waan inni harka kiyyati kenne qorqoratu. 13 Dubbi d'uga ta anini si barsiise ha akheekha sii taatuuti, jabeesi, d'ugefachaafi jaalala ta maro Kristo Yesotiifi teenna taate keesa tai. 14 Waan dansa ka harka keetiti kennani jabeesi, jabeenna Lubbu Qulqullo, ta nu keesa teetuni. 15 Atini imbeeta, aka nami lafa Asia keesa tau ch'ufti na biraa yae, Figelofi Hermogeneleeni. 16 Waaqi worra Onesiforoti nahiinna, waan inni maro heddu garaa na jabeeseefi. Inni waan anini hid'aansa keesa jiruufi na injibine, 17 ammo inni akuma dira Rumitini baheeni na barbaade na arge. 18 Aabbooni aka inni Guyya suni naasu Aabbo iraa argatu tolchiinna! Atini waan inni Efeso keesati naa tolchele akuma dansa beeta. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya