Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

2 Korintho 9 - KITAABA WAAQA

1 Wonti waan qarqaarsa gumi Waaqa ta Yudea keesa jirtuuti ergani ka anini t'aafuufi injirtu.

2 Anini aka isani nama qarqaaru feetani imbeekha, tanaafi anini waan kana worra Makedoniati odeese. Anini waan jed'e, Oboleyaani Akaya jirtu haga ganna dabreti kurfo jirti aka worra qarqaartu. Hujiini teesani tunini ya nama heddu kokhorsite.

3 Anini amma oboleyaani tana gara keesani erga, aka wonti nu waan keesaniini ufi guddimneefi d'ara intaane; ammo, akuma anini jed'e, isani qarqaarsa keesaniini kurfo taha.

4 Yo akasi intahiini, gaafa worri Makedonia na woliini d'ufe aka isani kurfo intahiini arge, guddo nuu ch'eera, ch'eera keesani lafa d'aaba, waan nu guddo isani d'ugefanneefi!

5 Tanaafi anini herege oboleyaani tana kad'ad'e, aka worri nu dura dabre waan inkennina jettani durati kurfeesani. Gaafa anini d'ufe ya kurfo taate, Duuba wonti sunini aka isani irre male kennu feetani agarsiifti.


Aka hori baasu malani

6 Waan kana qaabad'a: nami sanyi diqo oobru mid'aani diqo murata; ka sanyi guddo oobru mid'aani guddo murata.

7 Tanaafi nami ch'ufti waan kutate ha baasuuti, garaa tokooni, irreeni injirtu, waan Waaqi nama gammadaani wo kennu jaalatuufi.

8 Waaqi waan isani feetani ira isanii kennu indandaa, aka isani waan feetani ch'ufa argattani ammalle ira isanii haftu, aka huji dansa ch'ufaani guutattani.

9 Akuma t'aafiini jettu, Inni arjoomaani hiyyeeyii kenna, dansumti isaa haga hegeri teeti.

10 Waaqi ka sanyi oobranifi qit'a nyaatani namaa kennu, sanyi isani feetani ch'ufa isanii kenna ammalle inni sanyi suni imbaasa, aka mid'aani guddo d'altu; maro arjooma keesanitiifi.

11 Waaqi isani duroomsa aka isani hojja ch'ufa arjaa taatani; duuba nami hedduuni maro waan isani baaftani harka keennati kennitani, ka nu worraa kenninnefi galata Waaqa deebisa.

12 Hujiini isani hojatani tunini, gumi Waaqati, waan isiini feetu ch'alla intolchitu, ammo galata gudda Waaqa deebifti.

13 Hujiini teesani tunini d'ugefacha teesani agarsiifti, tanaafi nami hedduuni Waaqa guddisa, waan isani akuma d'uga Odu Dansa ta Kristo jaalattani guuttaniifi, ammalle waan isani arjoomtani worraafi nama d'ibile geetaniifi.

14 Tanaafi worri garaa jaalalatiini isani kad'ata, maro eeba guddo ta Waaqi isanii kenneefi.

15 Maro qarqaarsa gudda kanatifi galata Waaqaa deebisu malle.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan