Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

2 Korintho 8 - KITAABA WAAQA

1 Oboleyaani, nu waan eebiti Waaqa gumi Makedoniati tolchite isani beesisu feena.

2 Gaargali worri argate guddo worra ilaalate; ammo guddo gammadani arjoomaani namaa wo kennani, ato hiyyeeyi tahanile.

3 Waan anini isaniti himu, haguma dandaani kennani, ammalle waan suni ira;

4 worri fed'i ufitiini aka gumi Yudea qarqaarani guddo nu kad'ate.

5 Nu waan worri waan kana tolchu inseene! Qaraa fiit'e Aabbo ufi kennani; lameesole, fed'i Waaqa gula nule ufi kennani.

6 Tanaafi nu Tito, ka huji tana iti keyate, kad'anne, aka inni dura dabre isani qarqaare huji jaalala tana woliini hobaaftani.

7 Isani waan qabdani ch'ufa keesa guddo dureeyi: d'ugefachaafi hasaafi hubachaafi qarqaarsa aka ch'ufatiifi jaalala teenna keesaleti. Tanaafi nu isani kad'anna, aka huji jaalala tana keesaleti jabaattani.


Akheekha Yeso

8 Anini seera isanii tolchuuti injiru. Ammo haga biyyiti d'ibiini qarqaaru feete isani agarsiise, duuba aka jaalalti teesani ta d'uga argu fed'a.

9 Isani eeba Aabbo keenna Yeso Kristo imbeetani: inni dureesa, ammo maro teesaniifi ufi hiyyoomse, aka hiyyuma ufitiini isani duroomsu.

10 Waan kana anini akana herega: sila ira isanii goomti yo waan ganna dabre iti keyatani hobaaftani. Isani worra qaraa ka waan kana tolche; suni ch'allaaniti, ammo isani worruma qara ka fed'i ufitiini waan kana tolchu fed'e.

11 Dura deema hobaasa! Jabaad'a, aka akuma iti keyattani hobaaftani, ammalle waan qabdaniini hobaasa.

12 Yo isani guddo wo kennu feetani, Waaqi waan isani qabdani ka isani baaftani fud'ata, waan isani inqamne imbarbaadu.

13-14 Anini baa ulfo nama d'ibi iraa fuud'e isani ira kayuuti injiru; ammo waan isani amma guddo wo qabdaniifi nama gaargala qabu qarqaaru maltani. Yoosi gaafa isani gaargala qabdani ammo worri waan guddo qabu worrileeni isani qarqaara. Kara kanaani nama ch'ufa wolqitt'eesani.

15 Akuma t'aafiini jettu, Nami nama ch'ufa ira guurate guddo inqabu arge, ammo ka diqo guurate guddo qaba arge.


D'ufisa Titofa

16 Nu guddo galata Waaqaa deebimna ka Tito aka nu isani qarqaarre isani qarqaarsiise!

17 Inni waan nu isa kad'anne ch'alla ee injenne; ammo ufi baase, aka gara keesani deemu heregate.

18 Isa woliini oboleesa gumiini ch'ufti saade aka inni Odu Dansa odeesu beetu ergina.

19 Suni malele, gumiini isa fohate, aka inni haga nu huji jaalala ta guddinna Aabbo hojanne nama qarqaarru nu woliini deemu.

20 Nu guddo ufi qorqoranna, aka nami tokoleeni haga nu hori baasani kana harkaa qamnu nu inhimanne.

21 Nu waan qajeela fuula Waaqa dura ch'allaaniti ammo fuula namale durati tolchu feena.

22 Tanaafi nu oboleesa keenna worra woliini ergine; nu ya maro heddu isa ilaalanne, aka inni hojja ch'ufa aka nama qarqaaru kurfo jiru argine. Amma maro inni guddo isani d'ugefatuufi haga qarale ira kurfo jira aka isani qarqaaru.

23 Yo isani waan Tito d'agayu feetani, inni wahela kiyya, ka na woliini hojatu, aka isani qarqaaru; ammo oboleyaani d'ibi ta isa woliini deemtu gumiti fohate, isiileeni Kristo guddifti.

24 Jaalala teesani worra agarsiisa, aka gumiini ch'ufti quufte, aka wonti nu ufi guddimnuufi ch'ufti d'uga agartu.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan