2 Korintho 5 - KITAABA WAAQA1 Nu imbeenna aka yo waaro nu keesa teennu tana tarsaasani — waarooni tuni nafa keenna — Waaqi mana nu keesa teennu nu mid'aasa, mana inni harka ufitiini mid'aasu, ka haga hegeri tau. 2 Amma guddo lalefanna waan worra keenna ka gubba jiru iti galu feenuufi; 3 wonti akasitiifi yo nu worra suni iti galle nama alati galu imfakaannu. 4 Haga nafa keenna kana qamnu aka nama gaargalchani lalefanna; nu nafa keenna injibinu, ammo nafa gubbaa fed'achu feena, aka jireenni waan dua dabsatu. 5 Waaqati waan kanaafi nu kurfeese, duuba inni Lubbu ufi nuu kenne, aka qabdo nuu taatu. 6 Tanaafi nu hojja tokole insodaannu. Nu imbeenna aka haga nu nafaani jirru nu mana Aabbo ira fago jirru. 7 Wonti akanatiifi jireenni keenna waan d'ugefachaati, waan ilaani arganiiniti. 8 Nu insodaannu, worra keenna nafa kanaani biraa yaane Aabbo woliini sila tau feena. 9 Waan ch'ufa ira nu isa gammachiisu feena, worra keenna kana keesafi achileti. 10 Nuuni ch'ufti Kristo dura eju malle, aka inni dubbi teenna qore, nami ch'ufti waan argachu male argatu, waan inni nafaani tolche gula, hamtuufi dansale. Maro Kristotiifi Waaqaani wolti araaramani 11 Nu aka Aabbo sodaachu malani imbeenna, tanaafi biyya garsiimna. Waaqi nu beekha, anileeni waan isanileeni guddo na beetani seha. 12 Nu ammalle isani durati ufi d'ugeesu imfeenu; ammo waan isani maro teennaafi ufi guddisu maltanifi isaniti himna, aka isani worra nafa hameennatifi ufi koorsu ka ammo adaba hameennatifi ufi inkoorsine woi iti himatani. 13 Yo nu maraannele maro Waaqatiifi maraanna. Yo fayya qabaanele maro teesaniifi fayya horanna. 14 Jaalala Kristoni nu jaalatuuti nu mitisa, amma aka nami toko maro nama ch'ufatiifi due imbeenna, akasi jechaani nami ch'ufti ya due jechu. 15 Wonti inni nama ch'ufaa duefi aka nami tokoleeni ufiifi injiraanne, ammo maro nama due duisa keesaa kaasaniifi jiraatu. 16 Nu armaa achi aada nama gula nama tokole inqorru. Yo duri aada nama gula Kristo qorrele, armaa achi intolchinu. 17 Yo nami Kristoni taka tahe inni uumama haraa: wonti dullatiini ya dabarte, hareetiini ya d'ufte. 18 Waan kana ch'ufa Waaqati nu tolche, ka maro Kristotiifi wolti nu araarse, Beena, nama wolti araarsa nuuni jed'e. 19 D'aamsi keenna aka Waaqi Kristo keesa nama ufiti araarsu. Waaqi daba worrati int'aamne, ammalle ya d'aamsa nagaya kana harka keennati kenne. 20 Kuno, nu teenne maro Kristotiifi dubbanna, aka waan Waaqi afaani keenna tahe isaniti dubbatu: maro Kristotiifi isani kad'anna, Waaqaani wolti araarama. 21 Kristoni daba inqabu, ammo Waaqi maro teennaafi isaa daba tolche aka nu maro Kristotiifi d'uga Waaqa argannu. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya