2 Korintho 4 - KITAABA WAAQA1 Maro naasu ufitiifi Waaqi ya huji tana nuu kenne, tanaafi nu ufi injibaannu. 2 Huji d'ossatiifi ta ch'eera la lakimne; nama insomnu, dubbi Waaqale ind'aareesinu. D'uga diidati dubbanne aka d'uga qamnu nama ch'ufa agarsiimna, Waaqa duraleeti. 3 Yo oduuni dansaani nu odeesinu d'ofamte, worra badu jiru ch'alla duraa d'ofamti. 4 Wonti worri ind'ugefanneefi waan hamaani lafa tana keesa jiru qalbi worra dukaneeseefi. Inni ifsa worrati ifsu argu worra d'owa, ifsa Odu Dansa ta guddinna Kristo keesa d'ufu, inileeni akuma Waaqa jira. 5 Nu waan keenna odeesuti injirru: ammo aka Yeso Kristoni Aabbo, ammalle aka nu maro teesaniifi tissele isaa taane odeesina. 6 Waaqi, Dukana keesa ifsaani ha ifsu jed'eti ifsa kana garaa keenna keesati ifse, aka ifsa hubacha guddinna Waaqa nuu kennu ka fuula Kristoti ifsu. 7 Ammo nu worri hori lubbu kana qabu aka okote faara jirra, aka nu jabeenna inqamne ammo Waaqi jabeenna gudda qabu agarsiisani. 8 Maro heddu nu gaargalchani ammo taka nu imach'arsinne; maro gari irinch'ich'ina ammo taka ufi injibaanne; 9 nyaapa heddu qamna ammo taka jaala ind'amne; maro heddu madoomna ammo taka nu imballeesine. 10 Hojja ch'ufa nafa keenna gubbati duisa Yeso baana, aka jireenni isaa nafa keenna keesati mullatu. 11 Haga jirru ch'ufa diquma maro Kristotiifi indoone, aka jireenni isaa nafa keenna ka duu kana keesati mullatu. 12 Tanaafi dooti nu bira ejiti, ammo jireenni isani bira eja. 13 T'aafiini, Maro d'ugefad'eefi dubbad'e jetti. Akasuma nuleeni garaa d'ugefachaatiini maro d'ugefanneefi dubbanna. 14 Nu imbeenna aka Waaqi ka Aabbo Yeso duisa keesaa kaase, Yeso woliini nule duisa keesaa kaase isani woliini fuula ufi duraani nu d'ufu. 15 Wonti kunini ch'ufti maro teesaniifi taate; duuba akuma eebiti Waaqa nama heddu geetuuni, nami galata Waaqaa deebisa, aka maqa Waaqa guddisani. Jireenna d'ugefacha 16 Maro waan kanatifi nu garaa ilaamnu. Ato nafi keenna guyya ch'ufa shamele, garaani keenna guyya ch'ufa haraa taha. 17 Gaargali diqaani, ka yoosu hobau, ka nu qamnu kunini eegi tana guddinna hegeritiini nu d'ufa, ka gaargala suni ira jiru. 18 Nu waan mullata abdachuti injirru, ammo waan imullanne abdachuu jirra. Wonti mullata haga diqa toko ch'alla teeti, ammo wonti imullanne haga hegeri teeti. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya