Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

2 Korintho 10 - KITAABA WAAQA

1 Anini Pauloni, isani kad'ad'a, yo anini isani woliini jiru diqo daafana naani jed'ani, ammo yo fago jiru guddo janna naani jed'ani. Anini isani kad'ad'a, dansoomafi naasu Kristotiini:

2 Gaafa anini d'ufu aka anini jannooma kiyya suni agarsiisu na intolchiina; wonti akanatiifi anini worra, Isani waan lafa tanaatiifi hojattani nuuni jed'u diqole insodaad'u.

3 D'uguma nu lafa tana keesa teenna; ammo nu maro waan lafatiifi inhaanu.

4 Mihi nu waan lafa tanatiini haanu ka lafatiiniti, ammo ka jabeenna Waaqaati, ka fulla jabdu ch'ufa balleesu dandau. Nu wolmormiti d'ara ch'ufa balleesine,

5 waan nu gufachiisa ka kara keesa jira, ka Waaqa hubachu nama d'owa balleesina: herega keenna ch'ufa Kristo kennina, aka inni mohatu.

6 Eegi isani aka nama d'uga ufi agarsiiftani, nu kurfo jirra aka huji hamtu ch'ufa balleesinu.

7 Isani waan ch'ufa gama ala laltani. Eennu nami nama Kristo ufi sehu? Nami suni ha ammalle waan ufi hereguuti, wonti akasitiifi nuleeni akuma isaa nama Kristoti.

8 Anini diqo haganale inch'eerfad'u, ato jabeenna Aabbooni nuu kenne kanaafi diqo ufi guddisele — jabeenna isani ijaaru male, ka isani balleesuniti.

9 Anini nama tatabe tiyyaani isani sodaachiisu tahu imfed'u.

10 Nami gari waan jed'u, Tatabeeni Paulo guddo jajabdu, ammo yo inni nu woliini jiru inni guddo laafa, dubbini isaa woma imbaatu jed'ani.

11 Nami akana kunini, aka dubbini yo nu fago jirru t'aamnuufi yo nu d'io jirru dubbannu taka, ha hubatuuti.

12 Nu jara ufi guddisuuni diqole dandeenne wolbira ufi inqamnu. Worri guddo daalle! Worri seera ufumaani tolfate, duuba seera suniini ufi qorani!

13 Nu haga dabarre ufi inguddimnu; haguma Waaqi nu herege ch'alla ufi herenna, heregi suni huji nu jiddu teesaniti hojannu.

14 Isanileeni herega suni keesa jirtani, tanaafi nu gaafa gara keesani d'umne herega suni indabarre, gaafa Odu Dansa ta Kristo isanii d'umneeni.

15 Tanaafi nu waan huji nami d'ibiini hojateefi, ta qooda keenna keesa injirre jenne ufi inguddimnu. Ammo, nu inabdanna aka d'ugefachaani teesani guddatte nu huji hagasi ira dansa hojachu dandeennu, ammo qooda Waaqi nu herege gula.

16 Yoosi dandeenne Odu Dansa lafa isani duuba keesaleti odeesina, aka nu huji oobru abba d'ibi keesati hojataniifi ufi inguddimne.

17 Ammo akuma t'aafiini jettu, Nami ufi guddisu fed'u, ha huji Aabbooni hojatefiini ufi guddisu.

18 Wonti akanatiifi nami, yo Waaqi waan isaa dansa heregu ch'alla dansa taha, yo inni waan ufi dansa hereguuniti.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan