Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

2 Korintho 1 - KITAABA WAAQA

1 Maqaani kiyya Paulo, ergattu Kristo Yeso fed'i Waaqa gula, ammalle oboleesa keenna Timotheo woliini jirra. Gara gumi Waaqa ta Korintho jirtuufi gumi Waaqa ch'ufa ta Akaya keesa jirtu:

2 Waaqi Abba keennafi Aabbo Yeso Kristoni eebafi nagaya isanii kennina.


Pauloni galata Waaqaa deebisa

3 Waaqa Abba Aabbo keenna Yeso Kristoti galata deebimna, inni Abba naasu, Waaqa qarqaarsa aka ch'ufa namaa kennu!

4 Gaargala keenna ch'ufa keesati nu qarqaara, aka nuleeni dandeenne nama gaargala qabu ch'ufa qarqaarru, qarqaarsa nu Waaqa ira arganne suniini.

5 Akuma nu gaargala Kristo gudda qoodannu, akasuma maro Kristotiifi qarqaarsa isaa guddale qoodanna.

6 Yo nu gaargalle, maro qarqaarsafi baafama keesanitiifi gaargalla; yo nu qarqaarani isanile ya qarqaarani, irre ta isani gaargala aka keenna obsitaniini isani kennani.

7 Tanaafi abdiini nu isani abdannu diqole inchochoone; nu imbeenna aka, akuma gaargala keenna qoodattani, akasuma qarqaarsa nu argannule qoodattani.

8 Oboleyaani, nu gaargala lafa Asia keesati arganne isani qaabsiisu feena. Baani nura kayani waan guddo, ammalle aka male nuti ulfaate, tanaafi nu waan jiraannu ufi inseene.

9 Waan ijeecha nuti murani seene. Ammo wonti kunini aka nu ufi inabdanne ammo Waaqa ka nama due kaasu abdannufi taate.

10 Inni gaargala duisa kana keesaa nu baase, hegerile nu baasa; nuleeni abdi teenna isa ira keyanne aka inni ammalle nu baasu,

11 akuma isanileeni kad'acha teesaniini nu qarqaartani. Kara kanaani kad'acha heddu ta nuu kad'atani d'agayani, Waaqileeni nu eebisa; duuba nami hedduuni qonqo olfud'ate maro teennaafi galata deebisa.


Herega Paulo gaargalchani

12 Wonti nu ufi guddimnuufi tana: heregi keenna aka dansa nu beesisa, aka lafa tana keesa, keesuma jiddu teennaafi teesani, nu garaa tokooni d'uga Waaqi nu kenneefi eeba Waaqaatiini teenne, ammo qalbi namatiini inteenne.

13 Nu waan isani soomtani hubattani ch'alla isani t'aamna. Anini inheregad'a aka isani waan ammatana aka dansa inhubatiini

14 hegeri hubattani, aka Guyya Aabbo Yeso isanileeni akuma nu maro teesaniifi ufi guddimnu maro teennaafi ufi guddiftani.

15 Waan kana aka dansa beennaani, anini aka imaltu gara keesani d'aqu herege, aka maro lama eeba argattani.

16 Gaafa Makedonia deemuufi gaafa galule isani ira bahu fed'e, aka imaltu tiyya ta Yudea keesa na qarqaartani.

17 Gaafa waan kana herege anini waan aka injirre tahe? Anini yo woi heregu, aka nama lafa herega? ka Ee, Ee yokhaani Hiyyo, Hiyyo fulla tokotu jed'u?

18 Waaqi ka d'ugaati, kakhuuni tiyya gara keesani Ee yokhaani Hiyyoniti.

19 Wonti akanatiifi Yeso Kristoni Ilmi Waaqa ka anaafi Silafi Timotheoni isaniti odeesine, ka Eetiifi Hiyyo jed'uuniti. Inni Eeti Waaqaati;

20 wonti akanatiifi waan Waaqi kakhate ch'ufa inni ee jed'a. Maro waan kanatifi maro Yeso Kristotiifi nu Amini jenne Waaqa guddimna.

21 Waaqati nu jabeesa isani woliini, jireenna keenna ka Kristo keesa; ammalle isumati biyya ira koba nu baase,

22 beesisa ufi nura kaye, ammalle Lubbu Qulqullo ufi nuu kenne, aka qabdo nuu taatu.

23 Anini Waaqa ka d'uga tiyya yaamad'a, inni garaa kiyya imbeekha! Anini aka isani ingaargalchineefi Korintho d'aqu dide.

24 Waan isani d'ugefachaani jabaatanifi nu waan isani d'ugefachu maltani isaniti himuti injiru. Ammo nu aka gammada argattani isani woliini hojachuuti jira.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan