1 Yohona 4 - KITAABA WAAQA1 Jaalaani tiyya, nama, Anini Lubbu Waaqa qabu jed'u ch'ufa ind'ugefatiina, ammo gargari hubad'a aka lubbuuni suni gara Waaqati d'ufte. Wonti akanatiifi raagi d'ara hedduuni ya lafa d'ufe. 2 Kara kanaani Lubbu Waaqa beetani: Lubbuuni Yeso Kristoni nama tahe jettu ch'ufti gara Waaqati d'ufte. 3 Ammo lubbuuni Yeso mormitu gara Waaqati ind'umne. Lubbuuni tunini gara Nyaapa Kristoti d'ufte; aka isiini d'uftu ya d'ageetani, amma ya d'ufte, lafa jirti. 4 Ammo ijoolle tiyya, isani ka Waaqaati, raagoota d'ara ya dabsattani; wonti akanatiifi Lubbuuni isani keesa jirtu lubbu worra lafa keesa jiru ira jabdu. 5 Worri worra lafaati, waan lafa dubbata; maro tanaafi lafti worra ch'aqafti. 6 Ammo nu ka Waaqaati. Nami Waaqa beekhu ch'ufti nu ch'aqasa; ka Waaqa imbeenne nu inch'aqasu. Kara kanaani lubbu d'ugatiifi lubbu d'ara gargari beenna. Waaqi jaalala 7 Jaalaani tiyya, woljaalanna, waan jaalalti gara Waaqati d'uftuufi. Nami jaalala qabu ch'ufti ijoolle Waaqaati, Waaqale imbeekha. 8 Nami jaalala inqamne Waaqa imbeekhu, waan Waaqi jaalalatiifi. 9 Waaqi kara kanaani jaalala ufi nuu garsiise: inni Ilma ufi tokocha lafati erge, aka nu isaani jireenna argannu. 10 Jaalalti tana: waan nu Waaqa jaalannefiiniti, ammo waan inni nu jaalate, Ilma ufi nu erge, akanaani maro huji isaatiifi daba keenna nu araaramani. 11 Jaallani tiyya, yo Waaqi hagana nu jaalate, nuleeni woli jaalachu malle. 12 Nami taka Waaqa arge injiru; yo nu woljaalanne Waaqi nu keesa jira, jaalalti isaa nu keesati qit'oomti. 13 Kara kanaani aka d'uguma Waaqa keesa jirru ammalle aka Waaqi nu keesa jiru beenna: inni ya Lubbu ufi nuu kenne. 14 Ammalle nu ya garre ammalle biyyati odeesina aka Abbaani Ilma ufi erge, aka Qarqaarsa lafaa tahu. 15 Nami, Yesoni Ilma Waaqa jed'u ch'ufa Waaqi isa keesa taa, innileeni Waaqa keesa taa. 16 Nuleeni imbeenna, ammalle ind'ugefanna jaalala Waaqi nuu qabu. Waaqi jaalala, nami jaalalaani tau ch'ufti Waaqa keesa taa. 17 Maro waan kanatifi jaalalti nuu qit'oofti, aka nu Guyya Qorsuma woma insodaanne, maro jireenni keenna lafa tana keesa aka ka Kristo jiruufi. 18 Sodaani jaalala keesa injirtu; jaalalti d'uga soda balleesiti. Tanaafi nama soda qabu keesati jaalalti inqit'oomne, waan sodaani gaargala qabduufi. 19 Wonti nu jaalannuufi, Waaqati qara nu jaalate. 20 Yo nami, Anini Waaqa jaalad'a ufiini jed'e, ammo oboleesa ufi jibbe, inni kiyyiba. Inni dandae Waaqa ka ilaani ingarre injaalatu, eegi oboleesa ufi ka ilaani argu injaalanne. 21 Tanaafi seeri Kristoni nuu kenne kana: nami Waaqa jaalatu oboleoleesa ufile jaalachu male. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya