1 Yohona 3 - KITAABA WAAQA1 Haga Abbaani nuu jaalate ilaala! Jaalati isaa waan guddo, tanaafi ijoolle isaa nuuni jed'ani, nuleeni akasuma. Wonti nami lafa nu imbeenneefi waan Waaqale imbeenne. 2 Jaallani tiyya, nu amma ijoolle Waaqati, ammo ammalle waan iti yaanu aka dansa imbeennu. Ammo waan kana imbeenna: Yo Kristoni mullate nu aka isaa taana waan nu aka inni jiru arginufi. 3 Nami abdi tana Kristo keesa qabu ch'ufti akuma inni qulqullo ufile qulqullaa. 4 Nami daba tolchu ch'ufti yayu seera Waaqa ch'abse, wonti akanatiifi daba tolchitini seera ch'absiiti. 5 Isani imbeetani, Kristoni aka daba ch'ufa fud'atuufi d'ufe, ammo dabi isa keesa injiru. 6 Tanaafi nami Kristo keesa tau sila daba intolchu; ammo nami daba tolchuma tolchu taka isa ingarre yokhaani isa imbeenne. 7 Nami tokoleeni isani insobini, ijoolle! Nami waan qajeela tolchu ch'ufti nama d'ugaati, akuma Kristoni ka d'ugaa. 8 Nami daba tolchu ka Sheet'anaati, waan Sheet'ani haguma duriiti daba tolchuufi. Ilmi Waaqaa aka huji Sheet'ana dabsatuufi d'ufe. 9 Nami Waaqaani d'alate daba intolchu, waan jireenni Waaqa isa keesa taufi; ammalle inni dandae daba intolchu, maro inni Waaqaani d'alateefi. 10 Maro waan kanatifi ijoolle Waaqatiifi ijoolleeni Sheet'ana gargari gorti: nami d'uga intolchine yokhaani ka oboleesa ufi injaalanne ch'ufti ka Waaqaatiiniti. Woljaalad'a 11 D'aamsi isani haguma duriiti d'ageetani kana: aka nu ch'ufti woljaalachu malle. 12 Aka Kaini tahu himmalle; inni goli Sheet'ana tahe, oboleesa ufi ijeese. Kaini maafi isa ijeese? Maro wonti oboleesi isaa tolche qajeela taate, ta inni tolche hameenna taateefi. 13 Tanaafi himamiina, oboleyaani tiyya, yo nami lafaa isani jibbe. 14 Nu aka dua lakimne jireennati baane beenna; maro oboleyani teenna jaalannuufi waan kana beenna. Nami nama injaalanne duisa keesa jira. 15 Nami oboleesa ufi jibbu ya nama ijeese; isani imbeetani aka nami nama ijeesu jireenna hegeri ufi keesa inqamne. 16 Aki nu jaalala beennu kana: Kristoni jireenna ufi nuu baase. Nuleeni duuba jireenna keenna oboleyaani teenna baasu malle. 17 Yo nami hori lafa tana qabaate ammalle oboleesa isaa ka gaargala qabu arge ammo garaa iti jabaate, inni akamiini, Waaqa jaalad'a ufiini jed'a? 18 Ijoolle tiyya! Jaalalti teenna dubbi afaani ch'alla intahiini; ammo jaalala d'uga tahu malte, ta huji dansaani ufi mulliftu Waaqa durati nu woma insodaannu 19 Kara kanaani nu aka d'uga keesa jirru ufi beenna. Kara kanaani Waaqa durati garaa ufi jabeesina. 20 Yo heregi keenna wollaala nuti mure nu aka Waaqi herega keenna ira gudda ka ammalle waan ch'ufa beekhu imbeenna. 21 Tanaafi jaallani tiyya yo heregi keenna wollaala nuti imurini, nu Waaqa durati woma insodaannu. 22 Waan kad'annu ch'ufa isa ira inarganna, maro nu seera isaa guunne waan isa gammachiisa tolchinufi. 23 Wonti inni fed'u tana: aka nu Ilma isaa Yeso Kristo d'ugefanne, aka Kristoni nuti hime woljaalannu. 24 Nami seera Waaqa gula deemu ch'ufti Waaqa keesa jira, Waaqileeni isa keesa jira. Kara kanaani aka Waaqi nu keesa jiru beenna, waan inni Lubbu ufi nuu kenneefi. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya