Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

1 Yohona 2 - KITAABA WAAQA

1 Ijoolle tiyya, anini waan kana isanii t'aafa, aka isani daba intolchine; ammo yo nami daba tolche, nu Yeso Kristo ka d'uga qamna, ka Abba nu kad'atu.

2 Maro huji isaatiifi daba keenna nu araaramani, keenna ch'allaaniti ammo ka nama lafa ch'ufale.

3 Aka Waaqa beennu yo seera isaa guunne beenna.

4 Nami, Anini isa beekha jed'e, ammo seera isaa inguunne d'articha, ammalle d'ugaani isa keesa injirtu.

5 Ammo nami dubbi isaa guutu ch'ufti ya akuma d'uga qit'eese Waaqa jaalate. Maro waan kanatifi nu imbeenna aka nu Waaqa keesa jirru:

6 nami, Anini Waaqa keesa jira ufiini jed'u, aka Kristoni tahe tahu male.


Seera haraa

7 Jaalaani tiyya, anini seera haraa isanii t'aafuuti injiru; ammo seera dullacha ka duru jiru. Seeri dullachi suni dubbi isani duru d'ageetani.

8 Taatule, seeri anini isani t'aafu hareesa, aka inni d'uga, isanifi Kristole keesati inargani. Wonti akanatiifi dukanti dabru jirti, ifsaani d'uga yayu ifse.

9 Nami, Anini ifsa keesa jira jed'e ammo oboleesa ufi jibbu ammalle dukana keesa jira.

10 Nami oboleesa ufi jaalatu ifsa keesa taa, wonti isa gufachiisa tokoleeni injirtu.

11 Ammo nami oboleesa ufi jibbu dukana keesa jira, ammalle dukana keesa dedeema; gara deemule imbeekhu, waan dukanti lafa argu isa d'owarteefi.

12 Anini isanii t'aafa, ijoolle tiyya, waan daba keesani maro Kristotiifi isanii araaramaniifi.

13 Anini isanii t'aafa, abbooti, waan isani nama haga duriiti jiru beetaniifi. Anini isanii t'aafa, kaima, waan isani woni hama suni dabsattaniifi.

14 Anini isani t'aafa, ijoolle, waan isani Abba beetaniifi. Anini isanii t'aafa, abbooti, waan isani ka haguma qara jiru beetaniifi. Anini isanii t'aafa, kaima, waan isani jabaattani, dubbini Waaqaa isani keesa jirtuufi, ammalle waan isani Hama Kaani dabsattaniifi.

15 Lafafi waan keesa jira tokole injaalatiina. Yo nami lafa jaalate, jaalalti Abba isa keesa injirtu.

16 Wonti lafa keesa jira ch'ufti, d'araa nafatiifi d'araa ilaatiifi finna nami jaalatuleeni gara Abbaati ind'umne, ammo lafuma keesaa d'ufe.

17 Lafafi d'araani isileeni indabarti, ammo nami fed'i Waaqa tolchu haga hegeri taa.


Nyaapa Kristo

18 Ijoolle tiyya, muummeeni ya d'iaatte! Aka nyaapi Kristo d'ufu ya isaniti himani; nyaapi Kristo hedduuni amma yayu mullate, tanaafi aka muummeeni d'iaate imbeenna.

19 Worri kunini qarale gumi teennaaniti, tanaafi nu biraa yaa; yo sila gumi teenna keesa jiraatani, nu woliini taani. Ammo wonti worri nu biraa yaeefi aka tokoleeni gumi teenna intahiini agarsiifti.

20 Lubbu Qulqullooni ya isani muudani, tanaafi isaniini ch'ufti d'uga beetani.

21 Anini waan kana maro isani d'uga imbeenneefi isanii int'aamne; ammo maro isani d'uga beetaniifi isanii t'aafe, ammalle isani imbeetani, aka d'arti tokoleeni d'uga keesaa imbaane.

22 Eentu d'articha, nama Yesoni Kristoniti jed'u male? Nami kunini Nyaapa Kristoti, Abbaafi Ilmale indida.

23 Nami Ilma didu Abbale ya dide, ka Ilma fud'atu ya Abbale fud'ate.

24 Wonti isani haguma duriiti d'ageetani ha isani keesa teetu. Yo wonti isani haguma duriiti d'ageetani isani keesa teete, isani Ilmaafi Abba keesa teetani.

25 Tunini waan Kristoni nuu kakhate, aka jireenna hegeri nuu kennu.

26 Anini waan worra isani sobu fed'u t'aafa.

27 Yayu muudani; haga Lubbuuni suni isani woliini jirtu, nama isani barsiisu imfeetani. Lubbuuni waan ch'ufa isani barsiifti, wonti isiini isani barsiiftu waan d'ugaati, d'araaniti. Barsiisa Lubbu ch'aqasa, Kristo keesa taa.

28 Ee, ijoolle tiyya, Kristo keesa taa, aka yo inni mullate, nu jabaanne, Guyya inni d'ufu inch'eere.

29 Yo isani aka Kristoni d'uga beetani, aka nami waan d'uga tolchu ch'ufti ijoolle Waaqa beetani.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan