Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

1 Yohona 1 - KITAABA WAAQA


Dubbi jireenna

1 Nu waan Dubbi jireenna ta haguma duriiti jirtu t'aamna: nu ya gurra keennaani d'ageenne, ila teennaani agarre dawanne, harka keennaani tunne.

2 Jireenni kunini mullannaani argine; tanaafi waan isaa dubbanna, ammalle waan jireenna hegeri ka Abba woliini jiru, ka nu beesisani, isaniti himna.

3 Nu waan argine d'ageenne isanileti himna, aka isanileeni wold'aqisa nu Abbaafi Ilma isaa Yeso Kristo iraa qamnu argattani.

4 Ammalle aka gammadi keenna qit'aufi waan kana t'aamna.


Waaqi ifsa

5 D'aamsi nu Ilma isaa ira d'ageenne isaniti himnu kana: Waaqi ifsa, isa keesa dukanti tokoleeni injirtu.

6 Yo nu Waaqaani wold'aqisa qamna jenne, ammo dukana keesa yaane, nu d'ara dubbanne d'ugaani nu keesa injirtu.

7 Ammo yo akuma inni ifse keesa jiru nuleeni ifise keesa jiraanne wold'aqisa qamna; ammalle d'iigi Yeso, Ilma Waaqa daba keenna ch'ufa nura d'iqe qulqulleesa.

8 Yo, Nu daba inqamnu jenne, ufi somne, d'ugaani nu keesa injirtu.

9 Ammo yo daba keenna Waaqati himanne, inni ka d'ugefataniifi ka d'ugaati; daba keenna nu araarame, ch'ubbu teenna ch'ufa qulqulleesa.

10 Yo, Nu daba intolchine jenne, isa d'areesina, dubbini isaleeni nu keesa injirtu.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan