1 Yohona 1 - KITAABA WAAQADubbi jireenna 1 Nu waan Dubbi jireenna ta haguma duriiti jirtu t'aamna: nu ya gurra keennaani d'ageenne, ila teennaani agarre dawanne, harka keennaani tunne. 2 Jireenni kunini mullannaani argine; tanaafi waan isaa dubbanna, ammalle waan jireenna hegeri ka Abba woliini jiru, ka nu beesisani, isaniti himna. 3 Nu waan argine d'ageenne isanileti himna, aka isanileeni wold'aqisa nu Abbaafi Ilma isaa Yeso Kristo iraa qamnu argattani. 4 Ammalle aka gammadi keenna qit'aufi waan kana t'aamna. Waaqi ifsa 5 D'aamsi nu Ilma isaa ira d'ageenne isaniti himnu kana: Waaqi ifsa, isa keesa dukanti tokoleeni injirtu. 6 Yo nu Waaqaani wold'aqisa qamna jenne, ammo dukana keesa yaane, nu d'ara dubbanne d'ugaani nu keesa injirtu. 7 Ammo yo akuma inni ifse keesa jiru nuleeni ifise keesa jiraanne wold'aqisa qamna; ammalle d'iigi Yeso, Ilma Waaqa daba keenna ch'ufa nura d'iqe qulqulleesa. 8 Yo, Nu daba inqamnu jenne, ufi somne, d'ugaani nu keesa injirtu. 9 Ammo yo daba keenna Waaqati himanne, inni ka d'ugefataniifi ka d'ugaati; daba keenna nu araarame, ch'ubbu teenna ch'ufa qulqulleesa. 10 Yo, Nu daba intolchine jenne, isa d'areesina, dubbini isaleeni nu keesa injirtu. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya