Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

1 Timotheo 6 - KITAABA WAAQA

1 Tisseleeni ch'ufti ha aabbooti isiiti saalfatu, aka nami tokoleeni waan hamtu maqa Waaqaatiifi barsiisa teennaani injenne.

2 Tisseleeni abbooti ufi ta Kristiana intufatiini maro worri oboleyaantifi. Ammo ha aka dansa hojattufi, wonti akanatiifi hujiini worraa, abbooti worraa ta d'ugefate ta worra jaalatu suni wo baati. Waan kana nama barsiisi, odeesi.


Barsiisa d'aratiifi durooma d'uga

3 Nami barsiisa d'ibi barsiisu, ka dubbi Aabbo Yeso Kristo ka d'ugatiifi waan aadaani teenna nama barsiiftu didu

4 kiyyiba, woma imbeenne. inni dubbi wolmormitifi woldidda ch'alla beekha, wonti kunini qot'eefi woldiddafi arabaafi wolsehacha hamtuuni d'ufti.

5 Ammalle wolmormiti nama qalbi inqamne ka d'uga inqamneeni d'ufti. Worri waan aadaani Waaqa nama duroomsitu seha.

6 D'uguma aadaani Waaqa guddo nama duroomsiti, yo nami suni waan qabu quufe.

7 Nu maaniini lafa d'umne? Womaniti. Maani dandeenne lafa keesaa fud'anna? Womaniti.

8 Tanaafi yo woyafi sagale qabaanne nuu geeti.

9 Ammo worri dureesa tahu fed'u ilaalacha keesa seene, t'urura daallumatiifi ka d'araa hamtu keesa seenani, ka baditi nama hirkisu.

10 Wonti akanatiifi jaalalti hori hamenna aka ch'ufaatini d'ufti. Nami gari guddo dureesa tahu fed'e akanaani d'ugefacha iraa bade, gugubate lalefata.


Timotheo gorsani

11 Ammo atini, nami Waaqa, waan kana ch'ufa lagad'u. Waan d'ugaafi ta Waaqi fed'ufi d'ugefachaafi jaalalafi obsafi laana deemiti barbaadi.

12 Utaalcha d'ugefacha keesati aka dansa utaali, jireenna hegeri argad'u; wonti akanatiifi maro jireenna kanatifi Waaqi sii yaame, gaafa atini d'ugefacha tante gumi durati himatte.

13 Waaqa ka jireenna waan ch'ufa kennuufi Yeso Kristo, ka Pontio Pilato durati d'uga himate, durati anini siti hima:

14 Haga Guyya Aabbooni keenna Yeso Kristoni mullatuuti, seera ch'ufa, wollaala male, jabeesi guuti.

15 Yo hojjaani geete, Waaqi eeba, ka inni ch'allaani nama fidu, Hayyuuni Hayyoota ch'ufa, Abbaani Abbooti ch'ufati isa mullisa.

16 Nami indoone isa ch'alla; inni ifsa nami iti d'ufu indandeenne keesa taa. Nami tokoleeni taka isa ingarre, tokoleeni dandae isa inargu. Ulfinnafi jabeenni ka isaa tahinna, haga hegeri! Amini.

17 Dureeyi lafa tanatiini ufi inguddisiina, abdi teesani durooma lafa tanaa, ka nami waan isi aka imbeenne ira inkeyatina, ammo Waaqa ka arjoomaani waan ch'ufa namaa kennu gubba keyad'a jed'iini.

18 Waan dansa tolcha jed'iini, Huji dansaani durooma jed'iini, Arja taha, waan qabdani namaa qooda jed'iini.

19 Kara kanaani yayaba hori ka hegeri namaa tahu tolfatani. Duuba akanaani jireenna d'uga argatani.

20 Timotheo, waan harka keetiti lakisani jabeesi. Hasaa Waaqi imfeene, ka daalluma ka nami gari wollaale Beekhuma jed'uuni lakisi.

21 Wonti akanatiifi nami gari waan beekhuma suni qabu ufi seha, tanaafi d'ugefacha ufi balleesa. Eebiti Waaqa isani ch'ufa woliini tahinna.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan