Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

1 Timotheo 5 - KITAABA WAAQA

1 Nama jaarsa fakatu tokole inch'ersini, ammo aka abbeeti saalfad'ufi gorsi. Kaimale aka oboleyaani teeti tolfad'u.

2 jaarole nad'eeni aka hawaani teeti tolfad'u, kaima nad'eeni aka oboleyaani tanteti tolfad'u, qulqulloomaani.

3 Nad'eeni d'iirsi d'uguma iraa due ch'eerifi qorqorad'u.

4 Ammo yo nad'eeni d'iirsa inqamne ijoolleefi akowaani qabaatte, ijoolleeni suni qara ha aada Waaqa gula worra ufi guutu, kara kanaani worra ufitiifi akowaani ufi galata guddisa baafti, akasi ch'allaani Waaqa gammachiisani.

5 Niiti d'iirsa inqamne, ta nama qorqoratu inqamne, ya abdi ufi Waaqa ira keyatte, halkani guyya qarqaarsa isaa kad'atti.

6 Ammo niitiini d'iirsa inqamne, ta gammada feetu, ato nafaani jiraatele ya doote.

7 Seera kana iti kenni, aka nami tokoleeni wollaala isiiti imurre.

8 Ammo yo nami fiit'a ufi inqorqoranne, keesuma abbaafi haad'a isaa, inni ya d'ugefacha lakise, jara ind'ugefannele ingahu.

9 Haga nad'eeni ganna jaatama geetuuti maqa isii nad'eeni d'iirsa inqamneti indariini. Ammalle nad'eeni maro toko ch'alla fuud'ani ha taatu,

10 ammalle duri huji dansa hojatte gurra dansa qabaachu malte: niiti ijoolle ufi aka dansa guddifatte, keessuma gololchite, miila gumi Waaqa d'it'e, nama gaargala qabu qarqaarte, ufi baafte, huji dansa ch'ufa hojatte ha taatu.

11 Nad'eeni kaima maqa nad'eeni d'iirsa inqamneti indariini, wonti akanatiifi yo akanumati tau dad'abde isiini nama fuud'u feete, akasiini Kristo iraa badde,

12 kakhu ufi ta qara lakifte, wollaala keesa seenti.

13-14 Ammalle isiini aka woma inhojanne baratte mana ch'ufa iraa yaate waan hasau, himmalini hasoofte ufuma teteete. Tanaafi aka kiyya nad'eeni kaima fuud'u malani, aka ilmaani d'alte worra ufi qorqoratte, aka nyaapi keenna qoomni argate waan hamtu nuuni injenne.

15 Wonti akasitiifi nad'eeni d'iirsa inqamne ta gari amma ya Sheet'ana gula yaate.

16 Yo niitiini Kristiana nad'eeni d'iirsa inqamne worra ufi keesaa qabaatte, isumaani ha qorqorattu, gumi ingaargalchiini, aka nad'eeni d'iirsa inqamne ta kobaa jirtu qarqaarttu.

17 Jaarole ta nama dura yaate huji dansa hojattu hori gudda baasuufi malani, keesuma worra aka dansa hojate nama barsiise dubbi odeesu.

18 Wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu, Afaani qotiyo inhid'iini, yo isiini mid'aani d'aantu, ammalle, Nami hojatu gati ufi argachu hu male jetti.

19 Yo jaarsa gumi himatani haga nami lama sadi d'uga iti bahuti dubbi suni inch'aqasiina.

20 Nama daba tolchu ch'ufa diida keesati gorsi, aka nami d'ibiini sodaatu.

21 Fuula Waaqaatiifi ka Kristo Yesotiifi, ka malaika qulqullo durati, anini si kad'ad'a, barsiisa tana gula deemi, nama tokole jaalatte gargari imfiliini.

22 Hurrifte nama tokole harka ira inkayiini. Daba nama tokole keesa inseeniini, ufi qulqulleesi.

23 Bisaani ch'alla ind'ugiini, ammo daad'i diqo toko d'ugi, aka isiini garaa kanke qarqaartu, maro atini hojja ch'ufa fayya d'abduufi.

24 Dabi nama gari guddo mullata, dabi worraa, worra durati, qorsuma d'aqa; ammo dabi nama gari eege mullata.

25 Akasuma huji dansale yoosu argani, ta guddo imullannele dandaani ind'ossani.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan