Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

1 Timotheo 4 - KITAABA WAAQA

1 Lubbuuni Waaqa akuma dansa himti, aka nami gari eegi tana d'ugefachu lakise; lubbu d'aratiifi barsiisa jinni gula yau.

2 Barsiisaani tunini soba nama d'aratiifi ka heregi worra aka waan ibidaani gubani jiru iraa d'ufti.

3 Worri kunini nad'eeni fuud'itiifi sagale gosa gari nyaati fullaaniti jed'a. Ammo Waaqi sagale tana aka, eegi galata deebisani, worri d'ugefate d'uga baratu nyaatufi mid'aase.

4 Wonti Waaqi uume ch'ufti dansa; waan tokole didu himmalle, ammo waan ch'ufa galata deebisani fud'achu malani;

5 wonti akasitiifi dubbi Waaqaatiifi kad'achati waan kana Waaqa durati qulqulleesa.


Hojattu dansa ka Kristo Yeso

6 Yo barsiisa tana oboleyaaniti himte, hojattu Kristo Yeso dansa taata, ka dubbi d'uga fud'ate barsiisa d'uga gula deemu.

7 Ammo odu duri ta aada Waaqa intahiini, ta nami himu himmalini lagad'u. Jireenna Waaqi fed'u barad'u.

8 Fayyafi irreeni nafaa wo namaa darti, ammo fayyafi irreeni lubbu kara ch'ufaani wo namaa darti, maro jireenna ka ammatiifi ka hegerile namaa kennituufi.

9 Jechi kunini ka d'ugaati, ka fud'atani d'ugefachu malani.

10 Maro waan kanatifi aka jaba hojanna, waan nu abdi teenna Waaqa jiru ka nama ch'ufa baasu, keesuma worra d'ugefatu, gubba keyanneefi.

11 Waan kana namati himi aka dansa barsiisi.

12 Nami tokoleeni maro atini kaimatiifi si intufatiini, ammo akheekha jara d'ugefate tahi, dubbifi adabaafi jaalalafi d'ugefachaafi qulqulloomaani.

13 Haga anini d'ufuuti, T'aafi Waaqa namaa soomi, dubbi Waaqa hasai, nama barsiisi, jabeesi hojad'u.

14 Kenna lubbu si keesa jirtu inded'ini, ta gaafa raagooti dubbatte jaaroleeni harka sira keete argatte.

15 Waan kana iti jabaad'u, guuti, aka nami ch'ufti, aka atini dura deemte, si argu.

16 Ufiifi barsiisa teetile eegi. Waan kana guuti: wonti akanatiifi yo atini waan kana guute ufiifi jara si ch'aqasule imbaafta.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan