1 Timotheo 3 - KITAABA WAAQA1 Jechi kunini ka d'ugaati, yo nami jaarsa gumi Waaqatiini deemu tahu fed'e, inni waan dansa barbaada. 2 Nami suni nama wollaala qabu intahiini; ha niiti toko ch'alla qabaatu, nama qalbi dansa qabu tahu male, ka ufi qorqoratu, adaba qabu, ka amala dansa qabu; inni keessuma bulchu male, namale aka dansa barsiisu male; 3 inni nama machau ka namaani woldidu intahiini, ammo nama laana ka nagaya fed'u ha tahuti, nama hori jaalatu intahiini; 4 ha worra ufi aka dansa qorqorate ijoolle ufi saala foko barsiisu. 5 Wonti akanatiifi nami ka dandae worra ufi injabeesine akami dandae gumi Waaqa tissa? 6 Inni nama d'io d'ugefate intahiini; hegeri ufi guddise, aka Sheet'ani duri tahe wollaala iti murani taha. 7 Inni nama nami alaleeni saaddu ha tahuti, aka ch'eere t'urura Sheet'ana keesa inseenne. 8 Nami huji gumi Waaqa hojatu ha adaba dansaafi d'uga qaabaatu; guddo farso d'uge insabdaiini; 9 herega dansaani aada d'uga ta d'ugefacha teenna ha jabeesuti. 10 Qara ha ilaalani, yo quufani ha huji iti kennaniti. 11 Nad'eeni worraleeni ha adaba dansa qabaattuuti, isiini nama inhamaatiini; ha qalbi dansaafi d'uga qabaattuuti waan ch'ufa keesati. 12 Nami huji gumi Waaqa hojatu ha niiti toko ch'alla qabaatuuti, ha ijoolleefi worra ufi aka dansa qorqoratuuti. 13 Worri huji dansa hojatu maqa dansa argate, d'ugefacha nu kristo d'ugefannu waan isii aka dansa odeesu dandaa. D'ossa guddo 14 Yo tatabe tana sii t'aafu waan d'iotu d'ufe si argu seha. 15 Ammo yo anini turele, tatabeeni tunini aka nu mana Waaqa adaba dansaani keesa tau malle siti himti. Mani suni gumi Waaqa jireenna, utubafi yayaba waan d'uga. 16 Nami tokoleeni dandae aka aadaani teenna d'ossa qabdu imormu! Inni nafa namatiini d'ufe, aka inni qajeela Lubbuuni himte, malaikaleeni isa agarte. Gosa ch'ufati waan isaa odeesani, lafa keesati isa d'ugefatani, guddinnaani gubbati olfuud'ani. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya