1 Timotheo 2 - KITAABA WAAQA1 Qaraa fiit'e, waan anini jed'u, kad'achaafi yaamachafi galata Waaqa deebisiti maro nama ch'ufatiifi tolcha; 2 ammalle hayyootafi worra lafa fidu ch'ufa kad'ad'a aka nu jireenna dansa ka nagayaa ke teennu, Waaqa beekhitiifi adaba dansaani. 3 Wonti kunini dansa, ammalle Waaqa Qarqaarsa keenna gammachiifti. 4 Inni nama ch'ufa ka baafame d'uga baratu fed'a. 5 Wonti akanatiifi Waaqa toko ch'allati jira, ammalle ka Waaqafi nama woltiini d'ufu namicha toko, ka Kristo Yeso jed'ani, 6 ka nafa ufii kenne akasiini nama ch'ufaa baasu. Guyyaani geennaani, dubbi suni ya d'ugeesani. 7 Maro waan kanatifi aka anini ergattufi, barsiiftu gosa d'ibi tahu na ergani, aka d'aamsa d'ugefachaatifi ka d'ugaa odeesu. Anini kiyyibuuti injiru d'uga dubbachuu jira! 8 Anini nama ch'ufa ka fulla ch'ufati Waaqa kad'atu fed'a, nama Waaqa jaalatu ka dalansufi wolmormiti male harka olqabate kad'atu. 9 Anini nad'eenile ta ch'eerte woya isi fakaattu keyattu fed'a; mata aka shooba filatani, worqifi dooqafi woya gati gugurdo keyachu himmalle, 10 ammo isiini huji dansa aka nad'eeni aada beetu ha hojattuuti. 11 Nad'eeni ch'alleesafi obsaani wo barachu malte. 12 Anini nad'eeni d'iira barsiiftu yokhaani ta d'iira fiddu imfed'u; ch'allisu malte. 13 Wonti akanatiifi duri qara Adamu uumani, eege Hawai uumani. 14 Adamuni insobamne, ammo niitiini sobamte, seera Waaqa ch'absite. 15 Ammo nad'eeni yo ijoolle d'alte baafamti, yo isiini d'ugefachaafi jaalalafi qulqulloomafi adaba dansaani teete. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya