Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

1 Timotheo 1 - KITAABA WAAQA

1 Maqaani kiyya Paulo, anini ergattu Kristo Yeso, fed'i Waaqa Qarqaarsa keennatiifi ta Kristo Yeso abdi keenna gula.

2 Gara Timotheo, ilma kiyya ka d'uga d'ugefacha keesa: Waaqa Abbaafi Kristo Yesoni, Aabbooni keenna, eebafi naasufi nagaya si kenninna.


Gorsa gara barsiisa d'ara

3 Anini si Efeso keesa teetu fed'a, akuma anini gaafa Makedonia deeme siti hime kaani. Nami gari achiti dubbi d'ara barsiisu jira, jara suniini, Lakisa jed'i.

4 Odu duritiifi maqa heddu ka ababoota, Lakisa jed'iini; wonti kunini wolmormiti ch'allaani d'ufti; fed'i Waaqa ta d'ugefacha ch'allaani beekhani inguutu.

5 Wonti nu seera kana baamneefi, aka jaalalti ta garaa dansa keesaa baatuufi ta qalbi dansaafi d'ugefacha dansa keesaa baatu, mullattu.

6 Nami gari ya waan kana lakise, hasaa daalluma gula bade.

7 Barsiiftu seera Waaqa tahu fed'ani, ammo dubbi ufitiifi waan jabeesani odeesani suni inhubatani.

8 Aka Seeri dansa imbeenna, yo aada gula tolfatani.

9 Ammo wonti hubachu malani, seera nama dansaafi imid'aasine ammo worra akana tolchuufi mid'aasani — ka seera ch'absufi, ka wo yakufi ka Waaqa imbeenneefi ka daba tolchuufi worra aada Waaqa qulqullo gula iyaanefi worra abbaafi haad'a ufi ijeesufi ka nama fit'ufi

10 sharmut'afi midiisafi, nama nama d'ibi hatufi ka d'ara dubbate kiyyibu, yokhaani ka barsiisa d'uga lakise waan d'ibi tolchu.

11 Barsiisaani Odu Dansa ta harka kiyyati kennani tana, Odu Dansa ta Waaqa gudda abba eeba iraa d'uftu.


Galata maro naasu Waaqaatiifi

12 Anini Kristo Aabbo keenna galata deebisa, ka jabeenna anini huji isaatiini hojad'u naa kenne. Anini waan inni na herege, aka anini huji isaa hojad'u na fohateefi, galata deebisaafi,

13 ato anini duri isa tufad'e gaargalche arabsele. Ammo Waaqi na nahe, maro anini d'ugefacha d'abe ato inhubatiini wollaaleefi.

14 Ammalle Aabbooni eeba ufi guddise naa kenne, d'ugefachaafi jaalala ta Kristo Yeso keesati teenna taate woliini.

15 Jechi kuni ka d'ugaati, fud'atani d'ugefachu malani: Kristo Yesoni aka nama daba baasuufi lafa d'ufe. Guddaani worra suni ana,

16 ammo maro tanaafi Waaqi ka ana gudda worra dabati nahe, aka Kristo Yesoni obsa ufi narati agarsiisu, aka anini worra hegeri isa d'ugefate jireenna argatu akheekha tahu.

17 Gara Hayyu haga hegeri tau, ka indoonefi ka imullanne, Waaqa tokocha, guddinnaafi ulfinni ha isaa tahu, ammafi hegerile! Amini.

18 Ilma kiyya, Timotheo, anini d'aamsa kana siti d'aamad'a. Dubbi fagiisa ta duri waan kanke faddu gula d'aamad'a. Dubbini sunini ha woraanaa wonte sii taatu, hojja atini had'iisa dansa haate,

19 d'ugefachaafi herega dansa horattu. Nami gari herega ufi dansa suni gula yau dide, d'ugefacha ufi balleese.

20 Himenayofi Iskandani jara kana keesa jirani anini ya harka Sheet'anati worra kenne, aka worri iti deebie Waaqa inarabsine.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan