Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

1 Petro 5 - KITAABA WAAQA

1 Anini jaarole gumi ta jiddu teesani jirtu kad'ad'a, anileeni jaarsa. Anini gaargala Kristo ila tiyyaani arge, duuba guddinna eegi tana mullisani qooda keesaa qaba. Anini isani kad'ad'a:

2 Hooliye Waaqi isanii kenne garaa tokooni tissa, garaa lamaaniti, akuma Waaqi aka isani tolchitani fed'u. Huji teesani hori keesaa argattani ch'allaafi intolchiina, ammo fed'iini tolcha.

3 Worra harka keesaniti kennani imohatiina, ammo akheekha dansa hooliyee taha.

4 Duuba gaafa Tissituuni Guddooni d'uftu, sure hayyuma ta haga jirtu adi ch'aama argattani.


Gorsa nama ch'ufa

5 Akasuma isani kaimi, jaarole saalfachu maltani. Nami ch'ufti ha ufi diqeese woli hojatu; wonti akanatiifi Waaqi worra ufi guddisuuni morka, ammo ka ufi diqeesu ineebisa.

6 Harka Waaqa jalati ufi diqeesa duuba, aka inni, yo hojjaani geete, isani guddisu.

7 Gaargala keesani ch'ufa harka isaati kennad'a, wonti akanatiifi inni isani jaalate qorqorata.

8 Kurfo taa, eegad'a! Nyaapi keesani Sheet'ani, aka nyeench'a itanaa deeme nama nyaatu barbaada.

9 D'ugefacha teesani jabeesa, isa dida; isani imbeetani, aka nami aka keesani d'ugefate, lafa ch'ufa keesa, akuma keesani gaargalu jiru.

10 Ammo eegi isani bulti diqo toko gaargaltani, Waaqi eeba ch'ufa, ka aka guddinna Kristo woliini qoodattani isani yaame, isani qit'eese, jabeenna isanii kenne, yayaba jaba isanii mid'aasa.

11 Inni jabeenna ammatiifi ka hegerile argatinna! Amini.


D'aamsa eege

12 Anini tatabe diqo tana qarqaarsa Silwano, ka anini aka oboleesa d'uga heregad'utiini, t'aafe. Anini isani jabeesu fed'a, ammalle aka eebiti Waaqaaqaaqa d'uga, isaniti himu fed'a. Eeba tanaani jabaad'a.

13 Gumiini Babiloni, ta Waaqi fohate, nagaya isanii d'aamti, ilmi kiyya Marikoleeni nagaya d'aamata.

14 D'ungo jaalala Kristianatiini nagaya wolfuud'a. Nageenni isani worra Kristo ch'ufa woliini tahinna.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan