Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

1 Korintho 3 - KITAABA WAAQA

1 Taatule oboleyaani, anini qara aka nama Lubbu Waaqa qabuti dubbad'u isaniti dubbachu dad'abe; ammo aka nama nafa gula deemu isaniti dubbad'e, aka ijoolle Kristo keesa.

2 Anini aanani isani obaase male sagale jajabdu isani inyaachiimne; wonti akanatiifi isani waan kanaa kurfo intaane. Ammatanale isani kurfo intaane,

3 waan isani ammalle aka nama nafa gula deemu jirtaniifi. Hojja isani wolqot'iiftani woldiddani, wonti kunini aka isani nama lafa ka aada lafa gula fidamu ingarsiiftu?

4 Hojja nami toko, Anini goli Pauloti jed'u, ka d'ibiini, Anini goli Apoloti jed'u, wonti kunini aka isani nama lafa agarsiiftiyu?

5 Apolooni eennu? Pauloni eennu? Nuuni lachu hojattu Waaqaati ka isani d'ugefachiise. Nuuni ch'ufti huji ta Aabbooni nuu kenne tolchina:

6 Anini sanyi oobre, Apolooni bisaani iti nanaqe, ammo Waaqati mid'aani suni baase.

7 Nami oobrufi ka bisaani iti naquleeni woma keesa injiru. Waaqi woi keesa jira, waan inni mid'aani baasuufi.

8 Nami oobrufi ka bisaani iti naqu waan taka; Waaqi nama ch'ufayu huji inni tolche gula wo kennaafi.

9 Wonti akasitiifi nu hojattu Waaqa woliini hojattu, isani oobru Waaqaati. Isanileeni Mana Waaqaati.

10 Eeba Waaqi naa kenneeni anini akuma ijaartu manaa yayaba manaa kaye, yayaba suni gubbati nami d'ibiini mana ijaaru jira. Ammo nami ch'ufti aka ijaaru ilaalu male.

11 Wonti akanatiifi Waaqi ya qara Yeso Kristo yayaba tokocha tolche, dandaani yayaba d'ibi inkayani.

12 Nami gari worqiini ijaara, ka gari qarsi, ka gari d'akha gati guddo qabu, ka gari mukha, ka gari buuyofi aalaani ijaara.

13 Hujiini nama ch'ufa Guyya Kristoni d'ufu mullatti. Ibidi Guyya suni huji nama ch'ufa imullisa. Ibidi ilaaleti jabeenna isii agarsiisa.

14 Yo waan nami yayaba gubbati ijaare ibidi ingumne, nami suni wo argata.

15 Ammo yo isiini gubatte, nami sunini woma inargatu; ammo inni imbaha, akuma nama ibida keesaa bahe.

16 Isani aka mana Waaqa ufi imbeetani? Ammalle aka Lubbuuni Waaqa isani keesa teetu ufi imbeetani?

17 Tanaafi nama Mana Waaqa balleesu, Waaqileeni imballeesa. Wonti akanatiifi mani Waaqa qulqullo, isanileeni mana isaa suni.

18 Nami tokoleeni ufi insobini. Nami waan guddo qalbi qabu ufi sehu, herega nama gula, ha ufi daalleesuuti, aka qaroomu.

19 Wonti akanatiifi wonti nami lafa qarooma sehu fuula Waaqa durati woma imbaatu. Akuma t'aafiini jettu, Waaqi nama qaro qarooma isaa keesati t'urura keesa kaya.

20 T'aafiini d'ibileeni waan jettu, Aabbooni aka heregi worra qaro woma imbaane imbeekha.

21 Tanaafi nami tokoleeni maro waan nami tolchu ufi inguddisiini. Wonti ch'ufti teesani:

22 Paulofi Apolofi Petrofi lafa tanaafi jireennafi duisafi waan ammatiifi ka hegerileeni ch'ufti teesani;

23 isani ka Kristoti, Kristoleeni ka Waaqaati.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan