1 Korintho 2 - KITAABA WAAQA1 Gaafa anini gara keesani d'ufe aka d'ossa Waaqa ta d'uga isani barsiisu, oboleyaani tiyya, anini dubbi gugurdofi waan qarooma indubbanne. 2 Wonti akanatiifi anini haga isani woliini jiru aka waan ch'ufa ded'u kutad'e, Yeso Kristo male, keesuma duisa isaa maskali gubbati. 3 Tanaafi gaafa anini gara keesani d'ufe, lalaafe sodaani holad'e; 4 hasaafi odu tiyyale qaroomaani dubbachu dide, ammo jabeenna Lubbu Waaqatiini hasae. 5 D'ugefachaani teesani duuba qarooma nama keesa injirtu, ammo jabeenna Waaqa keesa jirti. Qarooma Waaqa 6 Ammo worra aka dansa waan lubbu barateti anini qalbiini dubbad'a. Ammo qaroomi sunini ka lafa tanaatiiniti, yokhaani ka jabeenna lafa tana fiduniti — ka hobau jiru. 7 Qaroomi anini dubbad'u qarooma Waaqa ka nama d'ossani, ka Waaqi qara guddinna keennaafi fohate, ato lafti inuumamiini. 8 Hayyooti lafa tana tokoleeni qarooma kana imbeetu. Ato sila beete Abba guddinna maskali irati infanniftu. 9 Ammo akuma t'aafiini jettu. Waan nami taka arge ind'agayiini, waan nami taka inheregiini, Waaqi worra isa jaalatu kurfeeseefi. 10 Ammo Waaqi d'ossa ufi nuti mullise, Lubbu ufitiini. Lubbuuni waan ch'ufa ilaalti, herega Waaqa ka d'ossa jirule. 11 Lubbu nama keesa jirtuti waan nama suni ch'ufa beekha; akasuma Lubbu Waaqa ch'allati waan Waaqa ch'ufa beekha. 12 Nu lubbu lafa tana inarganne; ammo Lubbu Waaqi nuti erge arganne, aka nu waan Waaqi nuu kenne ch'ufa barannu. 13 Tanaafi nu dubbi qarooma ta nami nu barsiise dubbachuti injirru, ammo dubbi Lubbuuni nu barsiifte dubbanna, ato nu worra Lubbu Waaqa qabu d'uga lubbu barsiimnu. 14 Ammo nami Lubbu Waaqa inqamne dandae kenniti Lubbuuni Waaqa namaa kennitu inargatu. Inni dandae inhubatu, woma tokole iti imfakaatu; wonti akanatiifi nama Lubbu Waaqa qabu ch'allati dandae hubata. 15 Nami Lubbu Waaqa qabu dandae waan ch'ufa gargari imbeekha, ammo nami tokoleeni dandae isa imbeekhu. 16 Akuma t'aafiini jettu, Eentu qalbi Aabbo beekha? Eentu dandae isa gorsa? Nu ammo qalbi Kristo qamna. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya