1 Korintho 15 - KITAABA WAAQA1 Amma oboleyaani tiyya, Odu Dansa anini duri isaniti odeese ta isani fud'attani jabaattaniini isani qaabsiisu fed'a. 2 Odu Dansa suniini baafamtani, yo jabeesitani, yo ufumaa d'ugefattani male. 3 Dubbi jabdu ta nati odeesani anileeni isaniti dabarse: ta Kristoni maro daba keennatiifi due jettu, akuma t'aafi keesati t'aafani; 4 jennaani isa awaalani, gaafa sadeeso isa kaasani, akuma t'aafi keesati t'aafani; 5 inni Petroti mullate, duuba eegi suni jara kud'ani lamati mullate. 6 Eegi suni inni guyya toko oboleyaani nama d'ibba shaniti mullate; ta gari ammalle injirti ato ta gari dootele. 7 Eegi suni Yakoboti mullate, ammalle eegi sunile ergattu ch'ufati mullate. 8 Eege qit'isu nati mullate, ato anini aka nama kara mamatiini d'alate jiraad'ele. 9 Wonti akanatiifi anini maand'a ergattu ch'ufaati, ergattu naani jechu himmalle, maro anini gumi Waaqa gaargalcheefi. 10 Ammo maro eeba Waaqaatiifi anini akuma jiru jira, eebiti inni naa kenne ufumaa imbanne. Ammo, anini ergattu ch'ufa ira jabaad'e hojad'e, ato waan anini ufiini tolche tahu d'ibaatele, ammo eeba Waaqaati na keesa tolche. 11 Tanaafi ato naraa d'ufte yokhaani worra iraa d'ufte, nuuni ch'ufti waan kana barsiimna, isanileeni waan kana d'ugefattani. Kaisa worra due 12 Yo d'aamsi keenna, Kristoni duisa keesaa ya kae jed'u, isaniini gari akamiini, Nami due inkau jettani? 13 Yo wonti sunini d'ugaa taate, yoosi Kristole duisa keesaa inkaamne; 14 ammalle yo Kristo duisa keesa inkaasiini nu waan odeesinu inqamnu, isanileeni waan d'ugefattani inqabdani. 15 Waan hagasi ira, nu waan Waaqaani kiyyibu jirru fakaanna, waan nu, Inni Kristo duisa keesaa kaase jenneefi. Inni isa inkaamne, yo aki worra due inkaamne d'ugaa taate. 16 Yo worra due duisa keesaa inkaasiini, Kristole duisa keesaa inkaamne. 17 Ammalle yo Kristo duisa keesaa inkaasiini d'ugefachaani teesani waan d'araati, isani ammalle daba keesa jirtani. 18 Ammalle worri duri Kristo d'ugefate due ya bade. 19 Yo abdiini teenna ta Kristo jireenna kana ch'alla keesa jiraatte, nu nama lafa tana ch'ufa ira naasu feena. 20 Ammo dubbini d'uga tana — Kristo ya duisa keesaa kaasani, inni worra due keesa nama qara ka duisa keesaa kaasani. 21 Akuma nami duani d'ufe, dua keesaa kaitile nami d'ufeeni. 22 Akuma nami ch'ufti Adamu keesa duu, akasuma Kristo keesale nama ch'ufa duisa keesaa kaasani. 23 Ammo nami ch'ufti fulla ufii qaba: Kristoni nama ch'ufa dura jira, eegi suni worra Kristoti, gaafa inni d'ufu. 24 Gaafa muummeeni d'uftu Kristoni hayyootafi jabeennaafi humna ch'ufa dabsateti Finna ch'ufa harka Waaqa Abbati kenna. 25 Kristoni fidu male, haga Waaqi nyaapa ch'ufa dabsate miila isaa jala naquuti. 26 Nyaapi eege qit'isu balleesani duisa. 27 Wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu, Waaqi ya waan ch'ufa miila isaa jala naqe. Yo waan ch'ufa jed'ani, Waaqi ka waan ch'ufa miila Kristo jala naqe keesa injiru. Suni waan gaafi qabaatiiniti. 28 Yo waan ch'ufa miila Kristo jala naqani, yoosi Ilmileeni, Waaqa jala ufi kaya, ka waan ch'ufa isa jala naqe; duuba Waaqi waan ch'ufa kara ch'ufaani fida. 29 Worra maro nama duetiifi batisani maani tolchani re? Worri maani tolchu fed'a? Yo aki worri, Nami due duisa keesaa inkau jed'u d'ugaa taate, maafi maro worra duetiifi batifamani re? 30 Nu maanifu hojja ch'ufa gaargala dua keesa ufi seensimna? 31 Oboleyaani hojja ch'ufa duati harka na qaba! Waan anini maro teesaniifi Kristo Yeso Aabbo keenna keesati ufi guddisuufi anini waan kana jed'a. 32 Ato sila anini Efeso keesati bineensa ala had'e, maro fed'i namaatiifi, anini maani argad'e? Yo sila nama due jireennati inkaamne mammaasi toko waan jed'u, Arra nyaanne d'unna, bori indoona. 33 Insobamiina: waheli hamaani adaba dansa iyaka. 34 Qalbi teesaniti deebia, kara keesani ka daba lakisa. Nami gari waan Waaqa imbeekhu; anini aka isani ch'eertanifi jed'a. Nafa kaisa 35 Nami toko hegeri akana gaafata, Nama due akamiini kaasani? Nafa akami horata? 36 Atini daalle! Yo mid'aani fach'aafte haga biqilaniti imbaani. 37 Wonti atini oobritu sunini sanyuma, hegeri dargaye yokhaani mid'aani d'ibi ammo mid'aani bahu jiruniti. 38 Waaqati nafa fed'u mid'aani suni kenna, isumati nafa maleefi kennaafi. 39 Fooni waan ch'ufa aka takaa injirani: nami fooni ufi qaba, bineensi ka ufi qaba; simpirreeni ka ufi qabdi, qurt'umileeni ka ufi qabdi. 40 Ammalle nafa lafatiifi ka gubbati jira; mid'aagumti ta lafatiifi ta gubbaleeni injirti. 41 Aduuni mid'aaguma ufi qabdi; jiileeni mid'aaguma ufi qaba; urjileeni mid'aaguma ufi qabdi; wonti akanatiifi urji keesale isiini ch'ufti takaaniti. 42 Gaafa worra due jireennati kaasani akana. Reefi awaalani waan duati; hojja kaasani iti deebie induu. 43 Hojja awaalani fuuli hamafi laafa; gaafa kaasani mid'aagaa dansa. 44 Hojja awaalani nafa d'aloota, gaafa kaasani nafa lubbuu. Yo nafi d'aloota jiraate, nafi lubbuleeni injira. 45 Wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu: Nama qara, Adamu, nama jiru uumani; ammo Adamuni muumme lubbu jireenna namaa kennitu. 46 Lubbuuni durati ind'uftu, ammo nafi d'aloota d'ufeti, duuba lubbuuni faana d'ufti. 47 Adamu qara biyye lafatiini uumani: Adamuni lameeso gubbaa d'ufe. 48 Worri biyye aka nama biyyeeni uumani jira; worri gubbaa aka nama gubbaa d'ufe jira. 49 Akuma amma nama biyye fakaannu, akasuma eegi tana nama gubbaa fakaanna. 50 Wonti anini jechu jiru tana, oboleyaani: wonti nafafi d'iiga qaba qooda Finna Waaqa inargatu, ammalle wonti dua dandeete duu ufi ind'owartu. 51 Waan d'ossa kana ch'aqasa: nuuni ch'ufti indoonu, ammo nu jijirani, maro tokotu, 52 aka ila lifsattu, hojja magalata muumme d'aani. Wonti akanatiifi hojja d'aani, worra due aka deebiani indoone duisa keesaa kaasani, nuuni ch'ufti jijiramna. 53 Wonti hobaa waan inhobaane keyachu malte; wonti dua waan indoone keyachu malte. 54 Duuba hojja wonti hobaa waan inhobaane keyatte, ammalle hojja wonti dua waan indoone keyatte, gaafasi d'ugaani t'aafi mullatti ta, Dua la liqimsani; dabsachaani ya qit'oofte! jettu. 55 Ee Duisa dabsachaani tante me? Ee Duisa d'ukubiitini tante me? 56 Duisi jabeenna namaani d'ukubsu daba ira argata, dabileeni jabeenna ufii Seera ira argata. 57 Ammo galati Waaqa imbadiini, ka dabsacha nuu kennu maro Aabbo keenna Yeso Kristotiifi! 58 Tanaafi oboleyaani tiyya, jabaad'a, ejad'a. Huji Aabbo hojja ch'ufa hojad'a, jabeesa; wonti akanatiifi isani imbeetani, hujiini Aabbo ta isani hojattani dandeete lafati inhaftu. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya