Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

1 Korintho 14 - KITAABA WAAQA

1 Jaalala barbaadu maltani. Abdi teesani kenniti Lubbu gubba keyachu maltani, keesuma kenniti dubbi Waaqaatiini hasaani.

2 Nami afaani d'ibiini dubbatu namaani indubbatu ammo Waaqaani dubbata, waan nami tokoleeni waan inni jed'u inhubanneefi. Jabeenna Lubbutiini inni d'uga d'ossani dubbata.

3 Ammo nami Dubbi Waaqa dubbatu namaani dubbateti qarqaare garaafi qalbi jabeesa.

4 Nami afaani d'ibiini dubbatu ufi ch'alla qarqaara, ammo ka dubbi Waaqa dubbatu gumi ch'ufa qarqaara.

5 Anini isani ch'ufa ka afaani d'ibiini dubbattani fed'a; ammo sule ira anini isani ch'ufa ka dubbi Waaqa hasooftani fed'a. Wonti akanatiifi nami dubbi Waaqa hasau ka afaani d'ibiini dubbatu ira jira, yo nami afaani deebisuufi jiraate male, aka gumi ch'ufa qarqaarani.

6 Tanaafi oboleyaani, yo anini gara keesani d'ufe afaani d'ibiini dubbad'e maani isanii baati? Woma tokole, yo anini dubbi Waaqi mulliseeni d'ufe male, yokhaani qalbi woi, yokhaani d'aamsa Waaqaa yokhaani barsiisa woitiini d'ufe male.

7 Me; miha sirba ka aka magalatatifi kiraari herega; yo aka dansa d'ahani male sirba d'au jirani suni nami tokoleeni inhubata?

8 Iyanale yo aka dansa iyani male nami lola wo kurfefata?

9 Akasuma nami akamiini dandae waan atini dubbattu hubata, yo atini afaani d'ibiini dubbi nami hubachu indandeenne dubbatte? Dubbini tante qilleensa keesa baddi!

10 Afaani gosa hedduti lafa keesa jira, ammo ch'ufti wo jed'ani.

11 Yo afaani nami dubbatu anini ind'ageenne, nami suni naa nyaapa, anileeni isaa nyaapa.

12 Waan isani kenniti Lubbu feetaniifi, waan ch'ufa ira ta gumi qarqaarte jabeesitu barbaadu maltani.

13 Tanaafi nami afaani d'ibiini dubbatu ha Waaqa kad'atuuti, aka Waaqi kenniti afaani deebisani isaa kennu.

14 Wonti akanatiifi yo anini kara kanaani Waaqa kad'ad'e, lubbuuni tiyyaleeni inkad'atti, ammo qalbiini tiyya keesa injirtu.

15 Yoosi maani tolcha? Anini lubbu tiyyaani kad'ad'e qalbi tiyyaleeni inkad'ad'a; anini lubbu tiyyaani sirbe qalbi tiyyaleeni sirba.

16 Yo atini lubbu ch'allaani Waaqa galata deebifte, nami gumi teesani keesa tau kaani akami dandae, Amini jed'a? Inni kara waan atini jettuuni hubatu inqabu.

17 Yo kad'achaani tante ta atini galataani deebiftu dansa taatele, namichi kaani qarqaarsa inargatu.

18 Anini Waaqaa galata deebisa waan anini afaani d'ibiini isanii ch'ufa ira dubbachu dandaufi.

19 Ammo kad'acha gumi keesati anini sila dubbi shani ta nami ch'ufti hubachu dandau dubbachu fed'a, aka nama d'ibi barsiisu, fulla dubbi kunki shani afaani d'ibiini dubbad'u.

20 Herega keesani keesa aka ijoolle intahiina, oboleyaani tiyya; waan hameennati ijoolle taha, ammo herega keesani keesati nama gudda taha.

21 Seera Waaqa keesati waan t'aafani. Aabbooni waan jed'u, Anini worra kanati dubbad'a; nama afaani d'ibi dubbatuufi hid'i nyaapatiini iti dubbad'a. Ammo yo sunile gumiini tiyya na inch'aqaftu.

22 Tanaafi afaani d'ibiini dubbachaani worra ind'ugefatiini akheekha, worra d'ugefacha qabu woma keesa injirtu. Ammalle dubbi Waaqa dubbachaani waan worra d'ugefateti, worra d'ugefacha inqamne woma keesa injirtu.

23 Yo gumiini ch'ufti wolwoldeete nami ch'ufti afaani d'ibiini dubbate — yo nami diida ka ind'ugefatiini olseene, Isaniini ch'ufti ya maraattani injed'u?

24 Ammo yo nami ch'ufti dubbi Waaqa hasae, nami diida ka ind'ugefatiini, yo olseene, maro dubbi teesanitiifi aka daba qabu ufi arge ufi qora.

25 Herega isaa ka d'ossa mullisaniti, inni gadi jed'e Waaqa kad'ate waan jed'u, Waaqi d'uguma arma isani woliini jira.


Kara qajeela gumi keesa

26 Wonti anini jechu jiru kunini maani, oboleyaani? Hojja isani wolwoldeetani, nami toko sirba qaba, toko barsiisa qaba, toko waan Waaqi iti mullise qaba, ka d'ibiini afaani d'ibiini dubbata, kaani afaani deebisaafi. Wonti ch'ufti sila gumi qarqaaru malte.

27 Yo nami afaani d'ibiini dubbachu fed'e, nami lamaa sadi ha woli gula dubbatuuti, nami d'ibileeni ha afaani deebisuufi.

28 Yo nami afaani deebisu injirre, nami tokoleeni woldeenna keesa indubbatiini, ammo ha ufiifi Waaqati dubbatuuti.

29 Nami lamaa sadi ka dubbi, Waaqa barsiisu ha dubbatuuti, ato jari kaani waan worri jed'u ch'aqasu.

30 Ammo yo nami gumi keesa tau toko d'aamsa Waaqa ira argate, nami dubbachu jiru ha ch'allisuuti.

31 Nami ch'ufti ha dubbi Waaqa toko tokooni dubbatuuti, aka nami ch'ufti wo barate jabaatu.

32 Kenniti dubbi Waaqatiini dubbatani ha nama dubbatu jala jiraatuuti.

33 Wonti akanatiifi Waaqi aka nu wolti goonu infed'u, ammo inni aka nu nagayaani teennu fed'a. Akuma woldeenna gumi ch'ufa keesa,

34 nad'eeni ch'allisu malte woldeenna keesa. Isiini dubbachu himmalle; akuma Seeri duri jed'e biyya dura deemu himmalle.

35 Yo woi barachu feete ha manati d'iirsa ufi gaafatuuti. Waan guddo ch'eeraati yo nad'eeni woldeenna gumi keesati hasoofte.

36 Dubbini Waaqa fulla teesanii baate? Gara keesani ch'allaa d'ufte?

37 Yo nami tokoleeni ergattu Waaqa ufi sehe yokhaani waan kenniti Lubbu qabu ufi sehe, aka wonti anini t'aafu jiru kunini Seera Waaqa hubachu male.

38 Ammo yo inni waan kana ch'aqasu dide, dubbi isaa inch'aqasiina.

39 Tanaafi oboleyaani tiyya, garaa keesaniini aka dubbi Waaqa hasooftani jaalad'a, ammo afaani d'ibiini dubbacha nama ind'owiina.

40 Waan ch'ufa kara qajeelatiifi ka adabatiini tolchu malani.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan