Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

1 Korintho 11 - KITAABA WAAQA

1 Akuma anini Kristo akeesu isanileeni na akeesa.


Nad'eeni mata hagogachu malte

2 Anini isani guddisa waan isani hojja ch'ufa na qaabattani barsiisa anini isaniti kenne jabeesitaniifi.

3 Ammo anini aka isani aka Kristoni nama ch'ufa ira jiru barattani fed'a, d'iirsi niiti ufi ira jira, Waaqileeni Kristo ira jira.

4 Tanaafi nami d'iira fulla gumiini jirtuti mata hagogate kad'ate yokhaani dubbi Waaqa hasau mata ufi ch'eersa.

5 Nad'eeni fulla gumiini jirtuti hagogo male kad'atte yokhaani dubbi Waaqa hasooftu mata ufi ch'eersiti; isiini nad'eeni mata haadattu fakaatti.

6 Yo nad'eeni mata hagogachu didde, ha haadattuuti. Ammalle yo nad'eeni mata haadatte yokhaani ch'iratte waan ch'eeraati, tanaafi hagogachu malte.

7 D'iirti mata hagogachu himmalle, waan inni fakeennafi guddinna Waaqa agarsiisufi. Ammo nad'eeni guddinna d'iira agarsiifti;

8 wonti akanatiifi d'iira nad'eeni ira inuumne ammo nad'eeni d'iira ira uumani.

9 Maro nad'eenitiifi d'iira inuumne, ammo nad'eeni d'iirafi uumani.

10 Maro malaikatiifi nad'eeni mata hagogachu malte, aka aka jabeenna d'iirsa isii jala jirtu agarsiiftu.

11 Taatule Aabbo keesa nad'eeni d'iirsa male woma keesa injirtu, d'iirtileeni nad'eeni male woma keesa injirtu.

12 Akuma nad'eeni d'iira ira uumani akasuma nad'eeni d'iira d'alti; ammalle wonti ch'ufti Waaqa iraa d'ufti.

13 Ufii teesanii herega: aki nad'eeni yo hagogo mata inqamne Waaqa kad'attu fullaa?

14 Aka rifeensi d'eeraani d'iiraa ch'eera,

15 ammo nad'eeni faaya, uumami nu imbarsiisu? Rifeensi d'eeraani kunini akuma woya isii kennani.

16 Ammo yo nami tokoleeni naani mormu fed'e, wonti anini jed'u, nufi gumiini Waaqaleeni aada d'ibi imbeennu.


Sagale Aabbo qulqullo
( Matayo 26.26-29 ; Mariko 14.22-25 ; Luka 22.14-20 )

17 Gorsa kana keesati, Isani waan dansa tolchitani injed'u; wonti akanatiifi woldeennaani teesani waan dansa intolchitu ammo waan hamtu tolchiti.

18 Ta qaraa fiit'e, aka nami woli ind'ageenne jiddu teesani jiru la d'agaye; wonti kunini, mala kiyya, hagi toko d'uga.

19 (Wonti suni tahu malte aka nama qajeela jiru argani.)

20 Isani yo wolwoldeetani sagale Aabbo nyaachu ind'umne.

21 Wonti akanatiifi yo sagale nyaattani, nami ch'ufti hurrise sagale ufi nyaata, tanaafi nami gari beelaani gala, ato ka gari machau.

22 Worra keesati nyaattani d'uddani inqabdani? Yokhaani gumi Waaqa tuffattani, worra gaargala qabu ch'eersu feetani? Ana maani isaniini jed'u feetani? Ana waan dansa isaniini jed'u feetani? Anini waan dansa tokole injed'u.

23 Wonti akanatiifi anini waan isani barsiise Aabbo ira argad'e: aka halkani isa gurgurani suni Aabbo Yesoni qit'a fuud'e,

24 Waaqaa galata deebise ch'ach'abse waan jed'e, kunini nafa kiyya ka isanii jed'ani baasani. Waan kana tolcha na qaabad'a.

25 Akasuma eegi sagale nyaatani inni mudunu fuud'e waan jed'e, Mudunuuni tunini wold'aqisa haraa ka d'iiga kiyya beesisu. Yo d'uddani ch'ufa naa qaabad'a jed'e.

26 Wonti akanatiifi haga Aabbooni d'ufuuti, yo qit'a kana nyaattani mudunu tana keesa d'uddani ch'ufa isani duisa isaa odeesitani.

27 Tanaafi yo nami adaba hamaani qit'a Aabbo nyaate yokhaani mudunu Aabbo d'uge, inni ya nafa Aabbootiifi d'iiga Aabboleti dabe.

28 Nami ch'ufti ufi qorqorachu male, duuba qit'a nyaate mudunu ha d'ugu.

29 Wonti akanatiifi yo inni ulfinna nafa Aabbo hojja inni sooratu ingarre, yo nyaate d'ugu ch'ufa qorsuma ufitiini d'ufa.

30 Maro waan kanatifi isaniini hedduuni fayyaa d'abdani laaftani, hagi tokoleeni raawattani.

31 Nu yo sila qaraa fiit'e ufi ilaale, qorsuma Waaqa keesa induunu.

32 Ammo Aabbooti nu qore nu qajeelcha, aka nama lafa woliini nu inqorre.

33 Tanaafi oboleyaani tiyya, yo wolwoldeetani sagale Aabbo nyaattani, woli eega.

34 Yo nami beela qabaate ha mana ufiti sagale nyaatu, aka yo wolwoldeetani qorsuma Waaqa keesa inseenne. Waan hafe kaani anini hojja d'ufu mid'aasa.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan