Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

1Tasaloonqe 5 - KITAABA WAAQA

1 Wonti hojja woni kunini ch'ufti taatu isanii t'aafuufi injirtu.

2 Wonti akanatiifi isani imbeetani, aka Guyyaani Aabbo aka hattuuni halkaniini d'uftu d'ufu.

3 Yo nami, Wonti ch'ufti nagaya bad'aad'a jed'u, badiini tassa d'ufti! Nami tokoleeni duraa imbahu. Aka nad'eeni ch'iniinfatu jirti.

4 Ammo oboleyaani, isani dukana keesa injirtani, guyyaani suni tassa isaniti ind'ufiini.

5 Isaniini ch'ufti worra ifsa, ka guyyaati. Nu ka halkanitiiniti yokhaani ka dukanaatiiniti.

6 Tanaafi nu aka biyya d'ibi rafu himmalle; hojja ch'ufa kurfo teenne eegu malle.

7 Nami halkani rafe halkani machaa.

8 Ammo nu ka guyyaati, kurfo tau malle. D'ugefachaafi jaalala aka ubaara qomati keyachu malle, d'aabu teenna ta baafamale aka ruufa marachu malle.

9 Waaqi aka nu dalansu isaatiini gaargalu nu imfohanne, ammo aka baafama maro Aabbo keenna Yeso Kristotiifi argannuufi nu fohate.

10 Inni maro teennaafi due, aka nu isa woliini teennu, ato gaafa inni d'ufu nu jiraanne yokhaani doonele.

11 Maro waan kanatifi woljabeesa, wolqarqaara, akuma amma tolchitani kana.


Gorsa eege

12 Nu isani kad'anna, oboleyaani, aka isani worra Aabbooni fohate, ka isani barsiise gorsu, ch'eertanifi fokitani.

13 Ulfeesa, jaalad'a, maro huji worri hojatuufi. Nagayaani woliini taa.

14 Nu isani kad'anna, oboleyaani, worra woma inhojanne gorsa, nama ch'eeru jabeesa, lalaafa qarqaara, nama ch'ufa obsa.

15 Qorqorad'a, aka nami tokoleeni haalo woli imfuune, hojja ch'ufa waan dansa wolifi nama d'ibile tolcha.

16 Guyya ch'ufa gammada,

17 hojja ch'ufa Waaqa kad'ad'a,

18 waan ch'ufa keesati galata deebisa. Wonti Waaqi isani ira fed'u tana, jireenna keesani ka Kristo keesa jiru.

19 Lubbu Qulqullo ind'aamfiina;

20 dubbi hafuura Waaqa qabdu intufatiina.

21 Waan ch'ufa laalad'a: waan dansa olkeyad'a,

22 hameenna aka ch'ufa lagad'a.

23 Waaqi nagaya nuu kennu, ka is isaa isani tolfatiinna, lubbufi onneefi nafa keesani wollaala ira d'owiina, gaafa Aabbo Yeso Kristoni d'ufu.

24 Nami isani yaamu jiru waan suni dandae intolcha, inni ka d'ugefatani!

25 Nule Waaqa kad'ad'a, oboleyaani tiyya.

26 Oboleyaani ch'ufa d'ungo oboleyaanitiini nagaya fuud'a.

27 Anini isani kad'ad'a, jabeenna Aabbootiini, aka isani tatabe tana oboleyaani ch'ufaa soomtani.

28 Eebiti Aabbo Yeso Kristo isani woliini tahinna.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan