Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

1Tasaloonqe 3 - KITAABA WAAQA

1 Obsu dad'amnaani nu aka Athene keesa koba teennu buufanne,

2 oboleesa keenna Timotheo, ka nu woliini Waaqa hojate Odu Dansa ta Kristo odeesu ergine. Nu isa ergine, aka inni isani jabeese d'ugefacha teesani qarqaaru,

3 aka isaniini tokoleeni maro ilaalachatiifi ilaalaamne. Isani imbeetani aka gaargali akana kunini fed'i Waaqa.

4 Wonti akanatiifi, ato isani woliini jirru, aka nu gaargalchani durati isaniti himne; aka isani beetani wonti sunini ya taate.

5 Maro waan kanatifi anini obsu dad'abe Timotheo erge, D'aqi, d'ugefacha worra suni ilaali jed'eeni, aka Sheet'ani isani ilaalate, hujiini teenna ch'ufti lafati inhamne!

6 Timotheoni amma ya fulla teesani nuti deebie, ya Odu Dansa ta d'ugefachaafi jaalala teesani nutiini gale. Inni ya aka isani hojja ch'ufa waan keenna dansa hereddani nuti hime, ammalle akuma nu isani argu feenu isanileeni nu argu feetani.

7 Tanaafi gaargalafi lalefacha teenna ch'ufa keesati ya maro teesaniifi garaa jabaanne, oboleyaani teenna. D'ugefacha teesaniti nu jabeese;

8 wonti akanatiifi yo isani jireenna keesani keesati Aabbo keesa jabaattani nu injiraanna.

9 Ammatana maro teesaniifi galata Waaqa deebisu indandeenna. Nu galata Waaqaa deebimna waan isanii jenne gammada arganeefi.

10 Nu halkani guyya garaa keenna ch'ufaani kad'anna, aka nu woli agarre waan d'ugefachaani teesani feetu isanii kenninu.

11 Waaqa Abba keennafi Aabbo Yesoni kara nu hariinna, aka nu gara keesani d'umnu!

12 Aabbooni jaalala isani woli jaalattani nama d'ibile jallattani isanii guddisiina, akuma nuleeni isani jaalannu.

13 Kara kanaani inni garaa isani jabeese, fuula Waaqafi Abba keenna durati qit'ooftani qulqullo taatani, gaafa Aabbo Yesoni jara isa d'ugefatu ch'ufa woliini d'ufu.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan