1Tasaloonqe 2 - KITAABA WAAQA1 Isaniyu imbeetani, oboleyaani teenna, aka imaltuuni nu gara keesani d'anne guddo wo baate. 2 Isaniyu imbeetani, aka Filipi keesati nu d'aanani nu arabsani, ato fulla teesani Thesalonike ind'ufiini. Ammo Waaqi keenna jabeenna nuu kenne, aka Odu Dansa ta gara isaati d'ufte isaniti hasau insodaanne, ato nami hedduuni didele. 3 Wonti akanatiifi woni nu isani kad'annu wollaalafi d'araa hamtuufi sobisa tokole inqabdu. 4 Ammo nu hojja ch'ufa aka Waaqi fed'u hasoomna, maro inni nu jaalate Odu Dansa nuu kenneefi. Nu nama gammachiisu imfeenu, ammo Waaqa ka herega garaa keenna ilaalu gammachiisu feena. 5 Isani imbeetani, aka nu hasaa namaani sosomnuuni ind'ufiini, yokhaani sabdooma keenna hasaani ind'ossine Waaqaati d'uga teenna! 6 Nu nama nu faarsu, isanifi nama d'ibile imbarbaanne, 7 ato aka ergattu Kristo nu waan feenu sila dandeenne isani ira barbaannele. Ammo nu gaafa isani woliini jirru guddo isani qorqoranne, akuma haati ijoolle ufi qorqorattu. 8 Maro jaalala nu isani jaalanneefi, nu kurfo jirra aka Odu Dansa ta Waaqa ch'alla isanii kenninuuniti, ammo aka jireenna keennale isanii kenninu. Nu guddo isani jaalanne! 9 Aka nu gaargalaani hojanne isani inqaabattaniiyu? Nu halkani guyya hojanne aka, ato Odu Dansa ta Waaqa hasoomnu, isani ingaargalchine. 10 Isani nu d'uga, Waaqileeni nu d'uga: adabi keenna isani worra d'ugefateti qulqullo qajeela, wollaalale inqabu. 11 Isani imbeetani, nu isani ch'ufa akuma abbaani ilmaani ufi heregu herenne. 12 Isani jabeesine, isani qarqaare, jireenna Waaqa isani yaame finnafi jabeenna isaa isanii qoodu gammachiisu, keesa taa jenne. 13 Ammalle maro waan kanatifi nu hojja ch'ufa galata Waaqa deebimna. Gaafa nu dubbi Waaqa isanii d'umneeni, isani aka dubbini suni ta namatiini, ammo d'uguma dubbi Waaqaa ch'aqaftani d'ugefattani. Waaqi jiddu isani worra d'ugefate hojachu jira. 14 Isanileeni, oboleyaani tiyya, akuma gumiini Waaqa ta Kristo, Yeso, ta Yudea keesa jirtu taate, taatani. Akuma worri lafa teesani isani gaargalche, akuma suni worrale Yahudiini 15 ta Aabbo Yesofi raagoota ijeefte nule d'ibde worrale gaargalchite. Guddo Waaqa dalansiisani! Nama ch'ufa guddo jibbani! 16 Worri dubbi baafama namaa kennitu aka gosa d'ibiti hasoomnu nu d'owu fed'e. Dabi worri guyya ch'ufa tolchu la ammatana muumme bahe. Amma eege dalansuuni Waaqa ya worra d'aqabde. Pauloni ammalle guddo worra argu fed'a 17 Ammo oboleyaani, gaafa nu diqo toko gargari baane heregaani gargari imbaane ammo nafaani gargari baane guddo ch'ekhoofne sila isani argu feene! 18 Gara keesani deebiu feene. Anini Pauloni maro heddu deebiu fed'e, ammo Sheet'anati nu d'owe. 19 Taatule abdi teennaafi gammada keennafi wonti nu fuula Aabbo Yeso durati, yo inni deebiu, ufi guddimnuufi isanumaaniti? 20 Guddinnaafi gammachuuni teenna isani! |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya