Wongeela Maatewos 7 - Waadaa HaarawaKaanniin Irratti Murtteesuun Ka Hin Malle Ta'uu ( Luq 6:37-42 ) 1 Itti aanssee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Isin irratti akka hin murtteeffamnneef, eennuun irratti'llee hin murtteessinaa, 2 murtima kaaniin irratti murteessitaniin isin irratti'llee ni murtteeffama, akkuma kana safarttuma ittiin safarttaniin isiniif'llee ni safarama. 3 Gudeelcha ija kee keessa jiru uduu hin argin, waayee maali'iitiif huuba ija obboleessa keetii keessa jiru laaltta? 4 Akkuma kana ija kee keessa gudeelchi uduu jiru, obboleessa keetiin, ‹mee huuba ija kee keessa jiru siif haa baasuu!› attamitti jettaan? 5 Ati fakkeessaa nana! Durssiitii gudeelcha ija kee keessa jiru baasi, saniin duubatti'llee, huuba ija obboleessa keetii keessa jiru baasu'uuf, qulqulleessitee ni argita.» 6 «Waan Qulqulluu ta'e sariiniif hin kenniinaa, dooqan keessan'llee booyyeewwan duranatti hin gatinaa, booyyeewwan dooqan teessan miila isaaniitiin ni dhidhiitaniin, sariin'llee deebi'anii isin ni ciniinan.» Bu'aa Kadhanna'aa ( Luq 11:9-13 ) 7 «Kadhadhaa isinii kennama, barbaadaa ni argatan, balbala dhadhayaa isiniif banama, 8 ka kadhatu marrinuu ni fudhata, ka barbaadu'llee ni argata, balbala ka dhadhayuuf'llee ni banama. 9 Isin jiddu'uu finni isaa daabboo yoo kadhateen, dhagaa ka kennuuf eennu? 10 Qurxummii yoo kadhateen, bofa ni kennamaaf ree? 11 Eegaa isin hamaaleyyii taatanii uduu jirttan, ijoollee teessaniif waan mishaa kennuu eega beekittan, eegasuu, ka samii jiru Abbaan keessan ammoo worra isa kadhataniif, attam caalichisee waan mishaa isaaniif hin kennine!» 12 Eegaa waan namoonni akka isinii raawwatan barbaaddan maraa, isin'llee isaaniif akkuma kana raawwadha'aafii, barsiifnni seeraa fi nabiyyootaa'llee ka jedhan kanuma. Waayee Balbala Dhipho'oo ( Luq 13:24 ) 13 «Balbala dhipho'oon aseenaa, gara badi'ii titti balballi aseensisu baldhaa, karaan'llee gudda'a. Namoonni garasi aseenan'llee baayi'eewwan. 14 Balballi gara jireennaa aseensisu garuu dhipho'oo, karaan'llee rakkisa'a» namoonni isa argatan'llee muraasota. Mukinni Firii Isaatiin Ni Beekkama ( Luq 6:43-44 ) 15 «Kaldhoo hoola'aa uffatanii worra isinitti dhufan, keessa isaanii titti garuu akka yayyii buttu'uu kata'an, nabiyyoota dharaa irraa ufi eeggadhaa, 16 Isaan'llee ka beekitan firii hujii isaaniitiin. Ximirroo qore'ee irraa firii woyinni'ii, qoree shishiikkoo irraa'llee firiin harbbu'uu ni guuramaa ree? 17 Akkuma kana mukinni mishaan marrinuu firii mishaa ni daraara, mukinni badaan garuu firii badaa ni daraara. 18 Mukinni mishaan firii badaa daraaru'uuf hin dandda'u, mukinni badaan'llee firii mishaa daraaru'uuf hin danda'u. 19 Firii mishaa mukinni hin daraare marrinuu, muramee gara ibiddaa titti ni gatama. 20 Kanaaf nabiyyoota dharaawwanii firii hujii isaaniitiinuu isaan ni beekittan. 21 Yaa Gooftaa! Yaa Gooftaa! ka naan jedhu marrinuu gara Mootummaa Sami'ii titti hin aseenu, gara Mootummaa Waaqaa titti ka aseenu, fedhii Abbaa kiyya ka samii jiruu ka raawwatu.» 22 Guyyaa murti'ii titti baayi'eewwan, yaa Gooftaa! yaa Gooftaa! Maqaa keetiin raaga hin dubbannee ree? Maqaa keetiin hafuurota jinni'ii hin baafnne ree? Maqaa keetiin'llee baasota baayi'ee hin taasfinnee ree? naan jedhan. 23 «Ani'llee guyyaa sanitti ‹gonkumaa isin hin beeku! Isin hamaa raawwattoota ana irraa achi fagaadhaa!› isaaniin ni jedha.» Fakkeenna Manniin Siidaa Dhagaa Yookiin Cirracha Irratti Ijaaramanii ( Luq 6:47-49 ) 24 «Dubbii kiyya kana dhagayee hujii irra ka oolichuun marri, nama isaa hunddee dhaga'aa irratti ka ijaare, nama qaruutee ni fakkaata. 25 Roobinni roobe, lolaan lola'e, bubbeen'llee bubbiseeti mana san ni dhiibeen, haa ta'u malee, manni hunddee dhaga'aa irratti waan ijaarameef hin jiginne. 26 Dubbii kiyya kana dhagayee ka hujii irra hin oolichine garuu, nama mana isaa cirracha irratti ijaare gowwaa fakkaata. 27 Roobnni roobe, lolaan'llee lola'e, bubbeen'llee bubbiseeti mana san ni dhiibeen, manni'llee bakkumatti ni kufe, kufaatiin isaa'llee ol aanaa ni ta'e.» 28 Yesus wonittoota kanniin dubbatee yeroo xumuretti, ummanni barsiisa isaa ni maalaliffatan. 29 Ka baaseffatan'llee inni akka barsiisota isaanii ka seeraa titti uduu hin ta'in, akka nama aangoo qabuu titti, isaan barsiisa waan tureef. |