Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Wongeela Maatewos 5 - Waadaa Haarawa


Barnnoota Yesus Gaara Irra Uduu Jiru Barsiise ( Mat 5—7 )

1 Yesus ummata isa horddofu baayi'ee yeroo argetti, gara gaaraa bayee ni taa'e, barattoonni isaa'llee gara isaa ni dhiyaatan.

2 Akkana'llee jedha'aa isaan barsiisuu jala ni qabe,


Eebba Dhuga'aa Namoota Argachu'uuf Jiran
( Luq 6:20-23 )

3 «Mootummaan Sami'ii ta isaanii waan taateef, jireenna isaanii ka hafuuraatiin hiyyeeyyii ta'uun isaanii worri itti dhagayamu, ka eebbifaman.

4 Waaqinni jajjabinna waan isaanii kennuuf, worri gaddan ka eebbifaman.

5 Gara laafeyyiin arddii waan dhaalaniif, isaa ka eebbifaman.

6 Qulqullaayoma worri beelayanii fi worri dheebotan waan quufaniif, ka eebbifaman.

7 Dhiifama waan argataniif, dhiifama worri taasisan ka eebbifaman.

8 Waaqa waan arganiif worri onnee qulqulluu qaban, ka eebbifaman.

9 Namoota jiddu'utti araaraa fi nageenna worri buusan, ijoollee Waaqaa waan jedhamaniif, ka eebbifaman.

10 Waayee qulqullaayomaatiif worri ari'aman, Mootummaan Sami'ii ta isaanii waan taateef, ka eebbifaman.

11 «Sababa kiyyaan namoonni yoo isin arrabssanii fi yoo isin ari'an, sobaan'llee maqaa keessan yoo balleessan gammadaa.

12 Mootummaa Waaqaa titti gatiin argattan guddaa waan ta'eef gammadaa, ilili jedhaa'llee. Isiniin durana worra turan nabiyyoota irra'llee akkuma kana ari'amu'uu fi rakkinni'llee isaan irra gayee jira.»


Waayee Fakkeennummaa Sooqiddaatii Fi Ifaa
( Mar 9:50 ; Luq 14:34-35 )

13 Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Isin akka sooqidda arddi'iit, garuu sooqiddi mi'aa isaa yoo dhabe, mi'aa isaa deebisee argachu'uuf ni danda'aa ree?» Gara alaa titti gatamu'uu fi miila namaatiin dhidhiitamu'uun alatti, ufi durana womaafuu hin fayyadu.

14 «Isin ifa biyya lafaati, magaalaan Gaara irratti ijaaramtte dhokachu'uuf hin dandeettu.

15 Namoonni ibisaa ibssanii mana keessa worra jiran maraaf akka ifuuf, bakka ol fugaatu irra ni kaayan malee, ginboolaa jala hin kaayan.

16 Akkuma kana namoonni hujii keessan mishaa laalanii, Abbaa keessan ka sami'ii akka galateeffataniin, ifin keessan'llee namoota duratti haa ifu.»


Waayee Seeraa Waadaa Duraanii

17 Dabalee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Seera waadaa duraaniitii fi barsiisa nabiyyootaa diigu'uuf ka dhufe isinitti hin fakkaatin, ani raawwachu'uu fi taasisu'uuf'llee dhufe malee, isaan diigu'uuf hin dhufnne.»

18 Dhugaa isiniin jedha, sami'ii fi arddiin haga dabrrantti seerri marrinuu ni raawwatama malee, seera keessaa taraarriin takka yookiin tuqaan takkattiin hin diigamttu.

19 Kanaaf ajajoota kanniin keessaa gad aanaa ka taate takkattimaa ka diiguu fi namoonni kuunniin'llee akkuma kana akka raawwataniif naminni barsiisu, Mootummaa Sami'ii titti gad aanaa ni ta'a. Garuu ajajoota maraa ka raawwatuu fi namoonni kuunniin'llee akka raawwatan naminni barsiisu, Mootummaa Sami'ii titti hangafa ni ta'a.

20 Kanaaf qulqullaayoma keessan ka barsiisota seeraatii fi qulqullaayoma worra Fariisotaa yoo hin caalin, gonkumaa gara Mootummaa sami'ii titti akka hin aseenne isinitti ni hima.

21 «Yeroo duraanii namoota ni jiran turaniif waan jedhamee dhageettanii jirttan, kun'llee, ‹hin ajjeesin, nama ka ajjeese itti ni murtteeffama› ka jedhu.

22 Ani garuu isiniin ni jedha, obboleessa isaa irratti ka dallanu mara irrattuu ni murteeffama, akkuma kana obboleessa isaatiin, ‹ati ka faayiddaa hin qabnne!› jedhee, ka arrabssuun yaa'itti itti ni murteeffama, ‹gowwaa!› jedhee ka arrabsu mara irrattuu, ibidda asaabaatiin itti ni murteeffama.»

23 Kanaaf ati kennaa kee furdda irratti Waaqaaf yeroo dhiyeesitutti, obboleessi kee ka sitti gadde jiraachuu isaa yoo yaadatte,

24 kennaa kee furduma san durana kaayiitii deemiitii jalqaba obboleessa kee san woliin araarami, achiin duubatti deebi'iitii kennaa kee dhiyeessi.

25 «Mormmataan kee si himatee isa woliin gara mana murti'ii yeroo deemittutti, uduma karaa irra jirttu dafiitii, mormmataa keetiin wolii gali. Kana ta'uu yoo dhabaate garuu mormmataan kee abbaa seeraatiif, abbaan seeraa'llee ka hidhuuf dabarssee si kenneeti, gara mana hidha'aa ni aseentta.

26 Dhugaa siin jedha, ka sitti murttaaye saantibii muumme'ee kafalttee haga xumurttutti, gonkumaa achii hin baatu.»


Waayee Sagaagalu'uutiif Barnnoota Kenname

27 Itti aanssee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Hin Sagaagalin! Akka jedhame dhageettanii jirttan.

28 Ani garuu, ‹dubarttii laalee ka isii hawween marrinuu, yeroo san onnee isaa titti, isii woliin sagaagale› isiniin jedha.

29 Ijji tee ka mirgaa sababa cubbu'uu yoo sitti taate, baasiitii gatiin! Qaaminni kee marri gara ibidda asaabaa titti gatamuu irraa qaama kee keessaa kutaa tokko uduu dhabiddee, si woyya.»

30 Harki kee ka mirgaa sababaa cubbu'uu yoo sitti ta'e, murii gatiin! Qaaminni kee marri gara ibidda asaabaa titti gatamuu irra qaama kee keessaa kutaa tokko uduu dhabiddee, si woyya.


Waayee Wol Hiiku'uutiif Barnnoota Kenname
( Mat 19:9 ; Mar 10:11-12 ; Luq 16:18 )

31 «Haadha worraa isaa ka hiiku marrinuu, ragaa hiikkamuu isi'ii muldhisu haa kennuuf!» jedhamee jira.

32 Ani garuu, «Waayee sagaagalaatiin yoo ta'e malee, haadha worraa isaa ka hiiku marrinuu akka sagaagalttu isii taasisaan, ka ta hiikamitte fuudhu marri'llee sagaagalaa ni ta'a» isiniin jedha.


Waayee Kakuutiif Barnnoota Kenname

33 «Akkuma kana namoota durssaniif'llee, ‹dharaan hin kakatinaa, garuu kakuu keessan Goofta'aaf raawwadhaa!› ka jedhame, dhageettanii jirttan.

34 Ani garuu gonkumaa hin kakanna!» isiniin jedha. Samiin teessoo Waaqaa waan taateef, sami'iin'llee yoo ta'e,

35 arddiin'llee bakka ijjata miila Goofta'aa waan taateef, arddi'iin'llee hin kakanna, magaalaa nugusa ol aana'aa waan taateef, Yerusaalemiin'llee hin kakanna.

36 Rifeenissa mataa keetii keessaa takkattiiyyuu gurraattii yookiin adii taasisuu hin waan hin dandeenneef, mataa keetiin'llee yoo ta'e hin kakatin.

37 Kanaaf haasofnni keessan, «Ee» yoo ta'e «Ee» yookiin «Miti» yoo ta'e «Mitii» haa ta'u. Kana irraa dubbiin hafe garuu, sheexana irraayyi.


Gadoo fi Haloo Qabachuun Ka Hin Malle Ta'uu Isaa
( Luq 6:29-30 )

38 «Ijji waayee isaatiif, ‹ilkaan'llee waayee ilkaaniitiif› akka jedhame, dhageettanii jirttan.

39 Ani garuu akkana isiniin jedha, nama hamaa isin irratti raawwatu gadoo hin bayina'aanii. Garuu boqoo kee ka mirgaa ka si dhayuuf, boqoo kee ka bita'aa garagalchiif.

40 Naminni tokko kittaa kee fudhachu'uuf barbaadee yoo si himate, kootii kee'llee akka fudhatu dhiisiif.

41 Naminni tokko, ‹anaan woliin karaa muraasa deemi!› jedhee, yoo si dirqamsiise ati ammoo karaa dachaa ta'e deemiif.

42 Ka si kadhatuuf kenni, si irraa liqeeffachuu ka barbaaduuf, dide hin jedhaniin.»


Waayee Diina Jaalachu'uu
( Luq 6:27-36 )

43 Itti aanssee'llee Yesus akkana ni jedhe, « ‹Waahela kee jaaladhu, diina kee jibbi!› akka jedhame, dhageettanii jirttan.

44 Ani garuu diinota keessan jaaladhaa, worra isiin abaaran eebbisaa, worra isin jibbaniif waan mishaa taasisaa, hamaa worra isin irratti raawwatanii fi worra isin ari'aniif'llee kadhadhaa!»

45 Kana yoo raawwattan, Abbaa keessan ka samii jiruuf ijoollee ni taatan. Inni hamootaa fi worra mishaawwaniif'llee aduu ni baasa, akkuma kana qulqullaayotaa fi worra hamaa hojjataniif'llee rooba ni roobisisa.

46 Namootuma isin jaalatan qofa yoo jaalattan gatii maal qabddan? Cubbamoonninuu kanuma raawwatanii mitii ree?

47 Obbolummaa keessan qofa nagaya ka gafattan yoo ta'e, waan caalmaya qabu maal raawwattan? Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanneeyyuu kanuma ni raawwataa mitii?

48 Kanaaf akkuma Abbaan keessan ka sami'ii mud-maleessa ta'e, isin'llee muda maleeyyii ta'aa.

Lean sinn:



Sanasan