Wongeela Maatewos 27 - Waadaa HaarawaYesus Gara Philaaxosii Fidamuu Isaa ( Mar 15:1 ; Luq 23:1-2 ; Yoh 18:28-32 ) 1 Ganama obboro'oon itti gaafatamoonni qeesotaatii fi jaarsotiin ummataa marrinuu, Yesusiin irratti murtii du'aa murteessisu'uuf, ni mari'atan. 2 Kanaan duubatti Yesusiin hidhanii fudhataniinti, bulichaa ka ta'e Philaaxosiif, dabarssanii ni kennaniin. 3 Yesus akka itti murtteeffame yeroo argetti Yihudaan Yesusiin dabarssee kenne ni gaabbe, qarshii soddomaa fudhate'llee itti gaafatamoota qeesotaatii fi jaarsotaaf akkana jechu'uun deebisee isaanii ni kenne, 4 «Nama qulqulluu du'aaf dabarssee kennuu kiyyaan, balleessee jira» jedhe. Isaan garuu, «Eegaa nu maalttu dhibe! Dhimma mataa keetii!» jedhaniin. 5 Inni'llee qarshii soddomaa fidee Mana Waaqeffanna'aa keessatti bittinneessee, isaan dhiisee ni baye, deemee'llee hudhamee ni du'e. 6 Itti gaafatamoonni qeesotaa'llee qarshii soddomaa fuudhanii, «Qarshiin kun qarshii gatii dhiigaa waan ta'eef, kennaa Mana Waaqeffanna'aatiin wolitti makuun nuuf hin eeyyamamu» jedhan. 7 Kanaaf eega mari'ataniin duubatti keessummootaaf bakka awwaala akka ta'uuf, lafa nama Faara hojjatuu ittiin ni bitan. 8 Waayee kanaan laftti sun haga adhaa titti, «Lafa Dhiigaa» jedhama'aa, ni waamama. 9 Haala kanaan, «Ijoolleen Israa'eelii ka tilmaamanan isaaf gatii ka ta'u, qarshii soddomaa ni fudhatan, 10 Akkuma Gooftaan'llee ana ajajetti, waayee lafa nama faara hojjatuutiif ni kafalan» jedhamee, raaginni nabiyyicha Zakaariyaasiin dubbataman ni raawwatame. Yesus Gara Phiilaaxos Dhiyaachuu Isaa ( Mar 15:2-5 ; Luq 23:3-5 ; Yoh 18:33-38 ) 11 Yeroo sanitti Yesus gara bulicha'aa gara Phiilaaxosii ni dhiyaate, bulichaan'llee, «Ati nugusa worra Yihudotaatii?» jechu'uun, ni gaafateen, Yesus'llee, «Akkuma ati jette» jechu'uun ni deebise. 12 Garuu itti gaafatamoonni qeesotaatii fi jaarsonni'llee, yoo isa himataniin, deebii woyiituu hin kennine. 13 Kanaan duubatti Philaaxos, «Waan meeqaan yoo si himatan, hin dhageettu ree?» jedheen. 14 Yesus garuu haga bulchaan malalffatutti himannaa tokkoof'llee, dubbii tokko hin deebifnneef. Yesus Murtiin Du'aa Akka Itti Murtteeffame ( Mar 15:6-15 ; Luq 23:13-25 ; Yoh 18:39 ; 19:1-16 ) 15 Bulchaan'llee woggamaan yeroo Ayyaana Faasiikaa Yihudotaa titti akka isaaniif hiiku, ummanni hidhamaa tokko hiikee isaaniif akka gad dhiisuu barsiisee ture. 16 Yeroo sanitti «Barabbaan» ka jedhamee fi gocha isaa ka dabaatiin ka beekkame, hidhama'aatu jira ture. 17 Kanaaf yeroo namoonni woligayanitti Phiilaaxos, «Eennuun akka isinii hiiku barbaadan? Barabbaaniin moo yookiin Masihicha ka jedhame Yesusiin?» jechu'uun, isaan ni gaafate. 18 Kana'llee sababaan jedheef, Yesusiin hinaaffa'aan dabarsanii akka kennaniin ni beeka waan tureef. 19 Kanaan duubatti Philaaxos teessoo isaa ka murti'ii irra taa'ee uduma jiru haatii worraa isaa, «Waayee isaatiin halkan dabrre kana eebjju'uun baayi'ee makkaraaree jiraatii, nama qulqulluu san irratti womaayyuu hin raawwatin!» jechu'uun itti ni ergite. 20 Yeroo sanitti itti gaafatamoonni qeesotaatii fi jaarsotiin, «Barbbaan gad haa dhiifamu! Yesus haa ajjeefamu!» jedhanii, akka gaafataniif ummata wolii ni galchan. 21 Bulchaan'llee, «Lamaan keessaa kamiin akka isinii hiikuuf barbaadan?» jechu'uun, ummata irra deebi'ee ni gaafate. Isaan'llee, «Barbbaaniin akka nuuf hiikituuf barbaanna!» jechu'uun, ni deebisan. 22 «Phiilaaxos'llee, eegaa, Masihii ka jedhame Yesusiin hoo maal haa taasisuun?» isaaniin jedhe. Marrinuu, «Haa fannifamu!» jechu'uun, ni deebisan. 23 Bulchaan'llee maaliif? «Balleessaan inni raawwate maal'i?» isaaniin jedhe. Isaan garuu, «Haa fannifamu!» jedha'aa, guddisanii ni iyyan. 24 Kanaaf Phiilaaxos, wonitti kun jeeqama akka kaasuuf malee waan bira'aatiif akka hin fayyadinne yeroo argetti bishaan akka fidan taasisee, «Ani du'a nama kanaatii itti gaafatama'aa miti, itti gaafataminni keessan!» jedhee, ummata duranatti harka isaa ni miicate. 25 Ummanni marrinuu, «Sababa du'a isaatiin adabbiin dhufu, nu'uu fi ijoollee teenna irratti haa ta'u!» jedhan. 26 Yeroo sanitti Philaaxos Barbbaaniin hiikee isaaniif gad ni dhiise, Yesusiin garuu eega dhaansiseeniin duubatti, akka isa fannifamuuf dabarssee ni kenneen. Lolttoonni Yesusiin Irratti Balidduu Isaanii ( Mar 15:16-20 ; Yoh 19:2-3 ) 27 Yeroo sanitti lolttoonni bulcha'aa Yesusiin gara moonaa bulcha'aa ni fidaniin, lolttoota maraa naannaya Yesusii titti wolitti ni qaban. 28 Uffata isaa'llee irraa baasanii, uffata diimaa itti ni uffisan. 29 Gonfata qoree'llee maranii mataa isaa irratti ni kaayaniif, harka isaa ka mirgaa titti'llee ulee ooyya'aa ni qabachiisaniin, isa duranatti'llee jilbbiiffata'aa, «Yaa nugusa worra Yihudaa! Nageenni siif haa ta'u!» jedha'aa, itti ni baliddan ture. 30 Hancufa isaanii'llee itti ni tufan ture, ulee'llee harkaa fuudhanii, mataa isaa keessa ni dhayaniin ture. 31 Eega itti balddaniin duubatti'llee uffata diimaa irraa baasanii uffata isaa itti ni uffisan, isa fannisu'uuf'llee qabanii ni deeman. Fannifamuu Yesusii ( Mar 15:21-32 ; Luq 23:26-43 ; Yoh 19:17-27 ) 32 Moonaa bulcha'aatii baya'aa uduma jiran Simoon ka jedhamu naminni biyya Qareenaa argataniitii, fannoo Yesusii akka baatuuf, ni dirqamsiisaniin. 33 Kanaan dubbatti hiikkaan isaa, «Lafee mata'aa» gara bakka ta'ee, gara Golgota'aa ni gayan. 34 Achiin'llee dhaadhii woyinni'ii ka hadhoofittu'uun wolitti makame akka dhugu Yesusiif ni dhiyeessan, inni garuu afaaniin qabee dhugu'uuf hin barbaanne. 35 Yesusiin'llee eega fannisaniin duubatti, uffata isaa titti carraa buufatanii ni qoodaman. 36 Achi'llee ta'anii ni eeganiin ture. 37 Yakka ittiin himatame'llee ka muldhisu, «Kun nugusa worra Yihudotaa Yesus» barreeffama jedhu, mataajjii fannoo isaa gubbaa ni kaayan. 38 Yeroo sanitti'llee Yesusiin woliin shifttoota lamaa, tokko mirgaan tokko bitaa isaatiin, ni fannisan. 39 Namoonni isa biraan ni dabrran turan'llee ija tufi'iin mataa isaanii itti sochoosa'aa, 40 «Ati Mana Waaqeffanna'aa ka diigidduu fi guyyaa sadihitti ka ijaarttuun! Mee mataa keetuu fayyisi! Ilma Waaqaa eega taate mee fannoo irraa bu'i!» jechu'uun, itti ni balddan ture. 41 Bifuma kanaan itti gaafatamoonni qeesotaa, barsiisota seeraatii fi jaarsotiin woliin akkana jedha'aa, itti ni balddan ture, 42 «Namoota kaanniin fayyisee jira, mataa isaa garuu fayyisu'uuf hin dandda'u! Inni nugusa Israa'eelii yoo ta'e, mee amma fannoo irraa haa bu'uu, nu'llee isatti haa amannuu! 43 Inni Waaqatti amanee jira, ‹ani Ilma Waaqaati› jedhee jira, kanaaf Waaqinni isa ka jaalatu eega taate, mee amma isa haa fayyisuun!» 44 Akkuma kana shifttoonni isa woliin fannifaman'llee, ni arabissaniin ture. Du'a Yesusii ( Mar 15:33-41 ; Luq 23:44-49 ; Yoh 19:28-30 ) 45 Saa'aatii jahaa jala qabee haga saa'aatii sagalii titti arddii mara irratti dukkana ni ta'e. 46 Saa'aatii sagalii yoo ta'u Yesus, «Elohee! Elohee! Lamaa sabaqitaanii?» jechu'uun, qoonqqa ol aana'aan ni iyye, hiikkaan isaa'llee, «Waaqaa kiyya! Waaqaa kiyya! Maali'iif ana dhiifitte?» jechu'u. 47 Namoota Achi dhaabatanii turan keessaa tokko tokkoon isaanii kana dhagayanii, «Kun ammoo Eliyaasiin ni waama!» jedhan. 48 Yeroo sanitti isaan keessaa tokko fiigee fuuttaa fuudhee waan dhangaggaayaa keessatti cuuphee, ulee ooyya'aa titti rarraasee Yesus akka dhuguuf ni dhiyeesseef. 49 Kuunniin garuu,, «Turi mee! Eliyaas dhufee ka isa fayyisuu yoo taate, haa laalluu!» jedhan. 50 Yesus'llee deebi'ee qooniqqa ol aana'aan iyyeeti, lubbuu isaa ni kenne. 51 Yeroo sanitti golganni Mana Waaqeffanna'aa olii haga gadii titti tarssa'ee bakka lamatti ni qoodame, arddiin'llee ni raafamitte, siiddaawwan dhaga'aa'llee ni dhodhooyan, 52 awwaalonni'llee banamanii namoota qulqullaayomota du'anii turan keessaa, baayi'eewwan du'aa ni ka'an. 53 Awwaala keessaa'llee bayaniiti eega Yesus du'aa ka'een duubatti, gara magaalaa Qulqullitti'ii gara Yerusaalemii ni aseenan, achitti'llee namoota baayi'e'etti ni muldhatan. 54 Ajajaan dhibbaatii fi isaan woliin Yesusiin ni eegan worri turan, sochii arddi'iitii fi waan ta'e maraa yeroo arganitti haalaan sodaatanii, «Dhugamaanuu kun Ilma Waaqaa ture!» jedhan. 55 Fagoo ta'anii ka laalan dubarttoonni baayi'een'llee, achi ni turan, isaan'llee Galiila'aa jala qabanii Yesusiin tajaajila'aa ni horddofaniin worra turan. 56 Isaan keessa'llee magdalaawittiin Maariyaam, haati Yaaqoobiitii fi Yooseefii, Maariyaam, haati ilmaan Zabdewoosii'llee isaan keessatti ni argaman turan. Awwaalamuu Yesusii ( Mar 15:42-47 ; Luq 23:50-56 ; Yoh 19:38-42 ) 57 Yeroo dhiitetti'llee Yooseef ka jedhamu, namichi dureessi magaalaa Armaatiyaas tokko garasi ni dhufe, inni'llee barataa Yesusii ni ture, 58 naminni kun'llee gara Phiilaaxosii dhaqeeti reeffa Yesusii ni kadhate, Phiilaaxos'llee reeffi akka kennamuuf, ni ajaje. 59 Kanaaf Yooseef reeffa Yesusii fannoo irraa buusee woyyaa leelashe'ee Qulqullu'uun ni kafaneen. 60 Dhagaa siida'aa irraa bocamee ka qophaaye awwaala mataa isaatiif qophaaye haarawa keessatti ni awwaaleen, kanaan duubatti dhagaa guddaa gangalchee, afaan awwaalaa cufeeti ni deeme. 61 Magdalaawwittii Maariyaamii fi Maariyaamiin bira'aa, achuma awwaalaa afoo, ta'anii jiran turan. 62 Guyyaa itti aanu Sanbbata diqqa'aa titti, itti gaafatamoonni qeesotaatii fi Farisoonni tokkumma'aan gara Phiilaaxosii dhaqaniiti, akkana ni jedhaniin, 63 «Yaa Gooftaa! Dogoggorssaan sun uduma lubbu'uun jiru, ‹guyyaa sadihiin duubatti du'aa ni ka'a› ka jedhe, ni yaadanne. 64 Kanaaf barattoonni isaa dhaqanii akka hin hannee fi ummataan'llee, ‹kunoo, du'aa ka'ee jira› akka hin jenneef, awwaalli isaa haga guyyaa sadihii titti, akka eegamuuf ajaji, kana ta'uu yoo dhabaate dogoggorri maai'ii irraa, ka jalqabaa irra ka hammaate ni ta'a.» 65 Phiilaaxosii'llee, «Kunoo, lolttoota eegan ni qabddan, deema'aatii bifa beekittaniin eegisisaa!» isaaniin jedhe. 66 Kanaaf dhaqaniiti dhagaa afaan awwaalaa irra jiru chaapha'aan cufaniiti, awwaalicha lolttootaan ni eegisisan. |