Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Wongeela Maatewos 18 - Waadaa Haarawa


Ka Mara Caalu Eennu?
( Mar 9:33-37 ; Luq 9:46-48 )

1 Yeroo sanitti barattoonni isaa gara Yesusii dhiyaatanii, «Mootummaa Sami'ii titti ka maraa caalu eennu?» jechu'uun, ni gaafataniin.

2 Yesus'llee daa'ima tokko waamee jidduu isaanii ni dhaabachiise,

3 Akkana'llee ni jedhe, «Dhugamaan isiniin jedha, jijjiiramuu yoo dhabaattanii fi akka daai'maa yoo taatan malee, gonkumaa gara Mootummaa Sami'ii titti hin aseenttan.

4 Akkuma daa'ima kanaa titti mataa isaa gad ka qabu, Mootummaa Sami'ii titti hangafa ni ta'a.»

5 Daa'ima akkanaa kana maqaa kiyyaan ka ufitti fudhatu, ana ufitti fudhata.


Namatti Gufuu Ta'uu Irraa Ufi Eeggachuu
( Mar 9:42-48 ; Luq 17:1-2 )

6 «Naminni kumi'llee anatti ka amanan maandhota kanniin keessaa tokko dogoggorssuu irra, dhagaan daakka'aa ulffaataan mormma isaa irratti hidhamee, gara garba ciisaa gad fago'oo titti gatamee uduu liqimffamee isaa woyya.»

7 Itti ansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Sababaa wonittoota namoonni akka dogoggoran taasisaaniitiin, biyya lafaatiif uunsha'a!» Yoom'llee wonittoonni dogoggorssan dhufuun isaanii hin hafu, garuu dhufaatii waan dogoggorssa'aaniitiif ka'uumissa ka ta'u, nama sanii uunsha'a!

8 Kanaaf ijji yookiin miilli kee cubbuu akka hojjatuuf yoo si dogoggorsse muriitii achi gatiin! Harka lama yookiin miila lamaa qabaattee gara ibidda bara baraa titti gatamuu irra, duundumaa yookiin hokkolaa taatee gara jireenna bara baraa titti galuu si woyya.

9 Ijji kee'llee cubbuu akka hojjattuuf yoo si dogoggorsse baasiitii achi gatiin! Ija lamaan qabaattee gara ibidda asaabaa titti gatamuu irra, ija takkaa taatee gara jireenna bara baraa titti, galuu si woyya.

10 Maleyikkoonni isaanii ka samii jiran yeroo maraa fuula Abbaa kiyya ka samii jiruu waan arganiif, maandhota kanniin keessaa tokkoma'llee akka hin tuffanneef ufi eeggadhaa. [

11 Ilmi Namaa'llee ka dhufeef, ka bade fayyisu'uuf.]


Fakkeenna Hoolaa Badee Argamee
( Luq 15:3-7 )

12 Dabalee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Mee maal isinitti fakkaata? Nama tokko hoolota dhibba yoo qabaatee fi isaan keessaa tokko uduu jalaa baddee, sagaltamii sagilanuu gaara irratti dhiisee, ka bade tokko barbaadu'uuf hin deemuu ree?»

13 Dhugamaan isiniin jedha, yeroo argatetti'llee ka hin badin sagaltamii sagal irra, hoolaa baddee argameen ni gammada.

14 Akkuma kana Abbaan keessan ka samii jiru, maandhota kanniin keessaa tokko'llee akka badu hin barbaadu.


Nama Nama Miidheef Maal Taasisuun Akka Malu

15 «Obboleessi kee yoo si miidhe atii fi inni qoftti adda keessan ta'aatii balleessaa isaa itti himi, yoo si dhagaye deebi'ee obboleessa kee akka ta'u ni taasfttan,

16 yoo si dhagayuu dide garuu ragummaan nama lamaa yookiin nama sadihiin waan mikanaayuuf, namoota lama yookiin nama sadihii qabadhuu, gara isaa dhaqi.

17 Isaan'llee hin dhagayu yoo jedhe woldaya amanti'ii titti himi, woldaya amanti'iitiif'llee ka hin dhageenne yoo ta'e, akka nama amantii hin qabnneetii fi akka cubbamaa hin deebinee titti lakkaayiin.»

18 «Dhugamaan isiniin jedha, ka arddii irratti hiitan sami'itti'llee ka hidhame ni ta'a, arddii irratti ka hiikittaniin, sami'itti ka hiikkame ni ta'a.»

19 Akkuma kanaan'llee isiniin ni jedha, isin keessaa lamaan arddii irratti woma kamiinuu kadhachu'uuf woliigalanii yoo kadhatan, Abbaan kiyya ka samii jiru isaaniif ni raawwata.

20 «Lama yookiin sadihi ta'anii bakka maqaa kiyyaan wolgeettanitti, ani jidduu isaanitti ni argama.»


Dhiifama Waayee Taasisu'uu

21 Yeroo sanitti Phexiros gara Yesusii dhiyaatee, «Yaa Gooftaa! Obboleessi kiyya yoo ana miidhe yeroo meeqa dhiifama haa taasisu? Haga yeroo torbbaati moo?» jechu'uun, ni gaafateen.

22 Yesus'llee akkana ni jedheen, «Haga torbaatama yeroo torbbaati malee, haga yeroo torbaa qofa siin hin jedhu,

23 kanaaf Mootummaan Sami'ii nugusa tajaajilttoota isaa woliin herreegachu'uuf barbaade fakkaatti,

24 nugusichi herreegachuu yeroo jala qabetti qarshii kuma baayi'etti laakkayamu tajaajilaan liqaan isa irra jiru, tokko qabamee ni dhufe.

25 Tajajilaan kun'llee liqaa irra jiru kafaluu waan dadhabeef inni mataan isaa, haati worraa isaatii fi ijoolleen isaa', qabeenni qabu marri'llee gurguramee, liqaan isa irra jiru akka kafalamuuf, gooftaan isaa ni ajaje.

26 Tajajilaan garuu miila Gooftaa isaa jalatti jilbbiiffatee, ‹yaa Gooftaa! Yabo'oo naa obissi, maraa si kafala!› jechu'uun, ni kadhateen.»

27 Gooftaan isaa'llee garaa laafeefiiti gad ni dhiiseen, liqaa'llee ni dhiiseef.

28 «Garuu tajaajilaan sun achii bayee uduma deemuu irra jiru, waahela isaa ka woliin hojjatu ka qarshii dhibbaa ka liqeesseefii jiru argeeti, morma isaa hudhee qabee, ‹qarshii si liqeessee ture naa kafali!› jedheen.

29 Tajaajilaan waahela isaa ta'e'llee miila isaa jalatti kufee, ‹Yabo'oo naa obissi, siif kafalaa!› jechu'uun, ni kadhateen.

30 Namichi garuu ni dideen. Gonkumaa qabee deemeeti liqaa isaa haga kafalutti, mana hidha'aa titti ni hiisiseen.

31 Akka isaa ka jiran waahellan isaa kuunniin kana yeroo argantti, haalaan ni gaddan, deemanii'llee maraa Gooftaa isaanii titti, ni himan.

32 Gooftichi'llee tajaajilaa san waamisisee akkana ni jedheen, ‹ati tajaajilaa hamaa nana!› Waan ana kadhatteef liqaa san maraa siif ni dhiise,

33 ‹eegaa akkuma ani liqaa kee siif dhiise, ati hoo tajaajilaa waahela kee ta'eef, liqaa isaa dhiisuun hin malu turee?›

34 Kanaaf gooftaan isaa dalanee liqaa isa irra jiru maraa haga kafalutti, itti gaafatamoota mana hidha'aatiif dabarssee isa ni kenneen.»

35 «Eegaa isin'llee tokko tokkoon keessan obboleessa keessaniif onne'een dhiifama yoo taasisu'uufii dhabaattan, Abbaan kiyya ka samii jiru'llee akkuma kana isin irratti ni taasisa.»

Lean sinn:



Sanasan