Wongeela Maatewos 15 - Waadaa HaarawaWaayee Aadaa Abbooti'ii ( Mar 7:1-13 ) 1 Kanaan duubatti, Farisonni Yerusaalemii dhufanii fi barsiisonni seeraa gara Yesusii dhiyaatanii akkana jechu'uun ni gaafataniin, 2 «Barattoonni kee maali'iif aadaa jaarsotaa diigan? Kunoo! Nyaata yeroo nyaatan harka isaanii uduu hin miicatin nyaatan!» 3 Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebisee, «Isin aadaa teessan jabeessu'uuf jettanii, ajaja Waaqaa maali'iif diigiddan? 4 Waaqinni, ‹abbaa keetii fi haadhaa kee'llee kabaji, abbaa yookiin haadha isaa irratti dubbii arrabaa ka dubbate du'aan ni adabama› jedhee, ajajee jira. 5 Isin garuu, naminni tokko abbaa isaa yookiin haadha isaatiin, ‹gargaarssa ana irraa ni arggattan ture Waaqaaf kennaa taasisee dhiyeessee jira› yoo isaaniin jedhe, 6 ‹naminni sun abbaa isaa [yookiin haadha isaa] kabajuu isa hin barbaachisu› jettan, kanaaf aadaa teessan jabeessu'uuf jettanii seera Waaqaa ni diigidan, 7 isin sareeganttoota nana! Isaayaas waayee keessan akkana jechu'uun raaginni dubbate sirri'i, 8 ‹ummanni kun afaanuma isaatiin ana kabaja, onneen isaa garuu ana irraa ka fagaate, 9 aada'aa fi naamusa naminni baase akka seeraa taasisee barsiisa'aa, tasaan ana waaqeffata.› » Wonitti Nama Batteessu ( Mar 7:14-23 ) 10 Itti aansee'llee Yesus namoota gara isaa waamee akkana isaaniin ni jedhe, «Dhagayaa! Hubadha'llee! 11 Nama ka batteessu afaan isaatii waan bayu malee, gara afaanii waan aseenuu miti!» 12 Kanaan duubatti barattoonni isaa gara isaa dhiyaatanii, «Farisoonni waan ati dubbatte kana dhagayanii, akka gufatan beekittee jirta?» jechu'uun ni gaafataniin. 13 Inni garuu akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Biqilttuun Abbaan kiyya ka sami'ii hin dhaabin marrinuu ni buqqifama, 14 isaan jaamotaa fi jaamota worra eemaran waan ta'aniif isaan dhiisaa, jaamaan jaamaa yoo eemare lamaanuu boolla keessatti ni kufan.» 15 Phexiros garuu Yesusiin, «Hiikkaa fakkeenna nu hubachiis» jedheen. 16 Yesus'llee akkana ni jedhe, «Isin'llee haga ammaa titti worra hin hubanne turttanii ree? 17 Gara afaanii wonitti aseenu marrinuu gara'aa gad bu'ee, gara alaa titti akka bayu hin hubattanii moo? 18 Ka afaanii bayu garuu onnee keessaa baya, nama'llee ka batteessu isa. 19 Hamaa yaaduu, nama ajjeesuu, sagaagaluu, gocha sagaagalaa raawwachuu, hatuu, dharaan ragaa bayuu, maqaa namaa balleessuu, kun marrinuu onnee namaa keessa ni baya. 20 Nama ka batteessan wonittoota kanniin malee, harka hin miicaminiin nyaachuun, nama hin batteessu.» Amantii Dubarttii Takkaa ( Mar 7:24-30 ) 21 Yesus achii bayee gara magaalaawwan Xiiroosiitii fi Sidoonaa ni deeme, 22 achiin duubatti'llee dubarttiin nama biyya Kana'aanii taate takka gara Yesusii dhufittee, «Ilma Daawiitii yaa Gooftaa! Mucattiin tiyya hafuura batti'iin qabamttee makkaraara'aa jirttiitii yabo'oo naaf nayi!» jedha'aa iyyite. 23 Inni garuu waan tokko'llee isi'ii uduu hin deebisin ni caldhise, yeroo sanitti barattoonni isaa gara isaa dhiyaatanii, «Dubarttiin tun nu horddofa'aa waan iyyituuf, yabo'oo geegessiin!» jechu'uun ni kadhataniin. 24 Inni'llee, «Ka ergameef mana Israa'eeliitii akka hoolotaa worra badan qofaaf» jechu'uun ni deebise. 25 Dubarttiin garuu dhiyaatte miila isaa jalatti jilbbiiffatteeti, «Yaa Gooftaa! Yabo'oo ana gargaar!» jetteen. 26 Yesus'llee, «Buddeenna ijoolle'ee fuudhee sariiniif gatuun waan malee miti!» jedhe. 27 Isiin'llee, «Yaa Gooftaa sirri'i!, Garuu sariin'llee nyaata goofttota isaanii irraa hanbbaa bu'u ni nyaatan» jetteen. 28 Yeroo sanitti Yesus, «Dubarttii nana amantiin kee gudda'a! Kanaaf akka fedhii keetii siif haa ta'u!» ni jedheen. Initaltti dubarttiin'llee yeroma sanitti ni fayyite. Yesus Dhukkubsattoota Baayi'ee Fayyisuu Isaa 29 Yesus achii ka'ee gara garba ciisaa Galiila'aa bira ni dhufe, Garaa irra'llee ol bayee achi ni taa'e. 30 Namoonni baayi'een hokkolttoota, jaamota, naafota, duudotaa fi dhukkubissattoota kaanniin'llee qabanii gara Yesusii ni dhufan, miila isaa bira'llee isaan ni teessisan, inni'llee isaan ni fayyise. 31 Kanaaf ummanni duudonni yoo dubbatan, naafonni yoo fayyan, hokkolttoonni nagayaan yoo tarkkaanfatan, jaamonni yoo laalan yeroo arganitti baaseffatanii, Waaqa Israa'eelii ni galateeffatan. Yesus Namoota Kuma Afurii Nyaachisuu Isaa ( Mar 8:1-10 ) 32 Yesus barattoota isaa waamee, akkana isaaniin ni jedhe, «Namoonni kunniin ana woliin guyyaa sadihi waan turanii fi waan nyaatan'llee waan hin qabnneef garaa isaaniif ni laafa, Yoo deemanitti'llee karaa irratti dadhabanii akka hin kufnneef, uduu womaa hin nyaatin, isaan geegessu'uuf hin barbaadu» jedhe. 33 Barattoonni isaa'llee, «Eegaa, nama kana maraaf nyaata gayu gammoojjii kana keessatti eessaa arganna ree?» jedhaniin. 34 Yesus'llee, «Buddeena meeqa qabddan?» jechu'uun, isaan ni gaafate. Isaan'llee, «Buddeena torbaa fi qurxummii didiqqoo muraasa ni qabnna» jedhaniin. 35 Kanaan duubatti Yesus ummanni lafa irra akka taa'an isaan ni ajaje, 36 buddeenna torbaa fi qurxummii'llee ol fuudhee, kadhannaa galataa ni taasise, kukkutee'llee barattoota isaatiif ni kenne, barattoonni isaa'llee ummataaf ni qoodan. 37 Marrinuu nyaatanii ni quufan, ka hafe'llee barattoonni isaa wolitti qabanii, ginddoo torbaa guutuu hanbbaa ni kaasan. 38 Namoonni nyaatan'llee dubarttootaa fi ijoolleen uduu hin lakkaayamin, dhiiraan kuma afurii ni turan. 39 Kanaan duubatti Yesus ummata ni geegesse, hoboloo'llee yaabbatee gara kutaa biyya Magadoon ni deeme. |