Wongeela Maatewos 14 - Waadaa HaarawaDu'a Yohaannisii Cuupha'aa ( Mar 6:14-29 ; Luq 9:7-9 ) 1 Yeroo sanitti bulchaan kutaa biyya Galiila'aa ka ture Heerodis, waayee gurroo Yesusii ni dhagaye. 2 Tajaajilttoota isaatiin, «Kun Yohaanisii cuupha'aa, inni'llee du'aa ka'ee jira, wonittoonni baasaa kunniin karaa isaatiin ka raawwataman kanaaf» isaaniin jedhe. 3 Heerodis'llee Yohaanisiin qabssiisee mana hidha'aa titti hisiseenii jira ture, kana'llee ka raawwate haadha worraa obboleesa isaa Filiphosii ka turtte, sababa Heerodiyaada'aatiin. 4 Yohaannis Heerodisiin, «Haadha worraa obboleessa keetii akka fuutuuf seerri siif hin eeyyamu!» jedheenii jira ture. 5 Kanaaf Heerodis Yohaannisiin ajjeesu'uuf ni barbaadaan ture, garuu ummanni Yihudotaa akka nabiyyi'ii titti ni laalaniin waan tureef, ummata ni sodaate. 6 Guyyaa dhaloonni Heerodisii itti kabajamutti intaltti Heerodiyaasii dhufittee, worra afeeramttoota duranatti sirba'aa, Heerodisiin ni gammachiiftte. 7 Kanaaf'llee Heerodis, «Waan barbaaddu ana gaafadhu! Ani'llee siif ni kennaa!» jechu'uun kaku'uun waadaa ni aseeneef. 8 Isiin'llee haadha isi'iitiin gorffamttee, «Mataa Yohaannisii cuupha'aa muriitii ammuma qori'iin naa kenni!» jetteen. 9 Nugusichi'llee waan kanaan ni gadde, haa ta'u malee waayee kakuu isaatii fi waayee namoota isaan woliin nyaataaf ta'anii jiranii qaani'iif jedhee, mataan Yohaannisii muramee akka kennamuuf ni ajaje. 10 Kanaaf gara mana hidha'aa nama ergee mataa Yohaanisii mana hidha'aa titti, ni murssiise. 11 Mataa murame'llee qori'iin fidanii mucatti'iif ni kennan, isin'llee fiddee haadha isi'iitiif ni kennite. 12 Barattoonni Yohaannisii'llee dhufaniiti reeffa isaa fuudhanii ni awwaalan, dhaqanii'llee waan kana Yesusitti ni himan. Yesus Namoota Kuma Shanii Akka Nyaachise ( Mar 6:30-44 ; Luq 9:10-17 ; Yoh 6:1-14 ) 13 Yesus du'uu Yohaannisii yeroo dhagayanitti hoboloo yaabbateeti gara bakka udume'ee tokko adda isaa ta'uuf ni deeme. Ummanni'llee kana yeroo dhagayanitti magaalaa maraa baya'aa, miilaan ni horddofaniin. 14 Yesus'llee hoboloo irra yeroo bu'etti ummata baayi'ee argee, garaa isaanii ni laafe, dhukkubisattoota'llee ni fayyise. 15 Yeroo dhiitetti'llee barattoonni isaa gara isaa dhiyaatanii, «Bakki kun gammoojji'i, guyyaan'llee dhiyee jira, kanaaf ummanni gara gandoota dhiyeenna jiranii deemee, nyaata isaanii akka bitataniif, isaan geegessi!» jedhaniin. 16 Yesus garuu, «Isin waan nyaatan isaaniif kennaa malee, akkanumaan deemuun isaanii hin malu!» isaaniin jedhe. 17 Barattoonni isaa'llee, «Nu'u asii ka qabnnu, buddeena shanii fi qurxummii lama qofa» jedhaniin. 18 Yesus'llee, «Isaanuma san gara kiyya naa fidaa!» isaaniin jedhe. 19 Kanaan duubatti ummanni raasaa lafa margaa irra akka taa'an ni ajaje, buddeena shanii fi qurxummiiwwan lamaan ol fuudhee, gara sami'ii ol laaleeti kadhannaa galataa ni taasise, buddeena'llee kukkutee barattootaa isaa titti ni kenne, barattoonni isaa'llee ummataaf ni qoodan. 20 Marrinuu nyaatanii ni quufan, hanbbaa hafe'llee barattoonni isaa, ginddoo kudha lamaa guutanii ni kaasan. 21 Namoonni nyaatan'llee dubartti'ii fi ijoolle'een alatti, kuma shanii ka gayan dhiirota turan. Yesus Garba Ciisaa Irra Tarkaanfata'aa Akka Deeme 22 Kanaan duubatti Yesus barattoota isaatiin, «Haga ani ummaticha geegessutti hoboloo yaabbadha'aa ana durssa'aatii gara gamaa ce'aa» jechu'uun, isaan ni ajaje. 23 Ummata'llee eega geegesseen duubatti kadhanna'aaf adda isaa gara gaara tokkoo irra ni baye, yeroo dhiitetti'llee Yesus achitti adduma isaa ni ture. 24 Yeroo sanitti hoboloon garba ciisaa jidduu taatee, gara kallattii itti deemittutiin dudda gala bubbee bubbisuun dhayama'aa, danbaliin bishaanii garanaa garasitti akka malee ni taasisaan ture. 25 Halkan keessaa saa'aatii sagaliin duubatti Yesus garba ciisaa irra tarkaanfata'aa, gara barattoota isaa ni dhufe. 26 Barattoonni isaa'llee garba ciisaa irra tarkaanfata'aa yoo inni deemu yeroo arganiinitti, haalaan soodaatanii ni nayan, «Kun sawaala!» jedhanii'llee, soda'aan ni iyyan. 27 Yesus'llee bakkumatti, «Jabaadhaa! Anaa hin sodaatinaa!» isaaniin jedhe. 28 Yeroo sanitti Phexiros, «Yaa Gooftaa! Si eega taate, garba ciisaa irra tarkaanfata'aa gara kee akka dhufuuf ana ajaji!» jedheen. 29 Yesus'llee, «Koottu!» jedheen. Kanaaf Phexiros hoboloo irraa bu'ee, gara Yesusii dhaqu'uuf garba ciisaa irra ni tarkaanfate. 30 Garuu huminna bubbe'ee laalee ni sodaate, gara garba ciisa'aa keessaa gad liqimfamuu yoo jala qabetti'llee, «Yaa Gooftaa! Ana oolichi!» jechu'uun, ni iyye. 31 Yesus'llee bakkumatti harka isaatiin hiixatee qabeeniiti, «Ati ka amantiin sitti hanqate nana! Waayee maali'iitiif shakkite?» jedheen. 32 Yesusii fi Phexiros gara hobolo'oo yeroo bayanitti, bubbeen ni caldhise. 33 Hoboloo irra worri turan marrinuu, «Dhugamattuu ati Ilma Waaqaa!» jedhanii, Yesusiif ni sagadan. Yesus Genessaarexitti Dhukkubsattoota Fayyisuu Isaa ( Mar 6:53-56 ) 34 Yesusii fi barattoonni isaa garba ciisaa ce'anii, gara arrdii Genssaarexii ni gayan. 35 Namoonni biyya san turan'llee Yesusiin ta'uu isaa yeroo beekanitti, gara bakkeewwan naannaya jiranii mara wolitti erganii, dhukkubisattoota gara isaa ni fidan. 36 Dhukkubisattoonni'llee qaccee uffata isaa qofa akka tuqan qofaaf ni kadhataniin. Worri tuqaniin marri'llee, dhukkuba isaanii irraa ni fayyan. |