Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Wongeela Maatewos 12 - Waadaa Haarawa


Waayee Sanbbataatiif Gaafii Dhiyaate
( Mar 2:23-28 ; Luq 6:1-5 )

1 Yeroo sanitti Yesus Guyyaa Sanbbataatiin qonna qamadi'ii keessan ni dabrraayyu ture, barattoonni isaa'llee beelayanii waan turaniif asheeta qamadi'ii muranii sukkumanii nyaachuu jala ni qaban.

2 Fariisoonni kana arganii Yesusiin, «Laali! barattoonni kee guyyaa Sanbbataatiin waan hin eeyyamin ni raawwatan!» jedhaniin.

3 Yesus'llee akkana isaaniin jedhe, «Daawiitii fi namoonni isa woliin ni jiran turan yeroo beelayanitti, waan Daawiitii raawwate gonkumaa isin hin dubbifanne moo?

4 Inni gara Mana Waaqaa aseenee qeesotaa malee isa ta'ee, namoonni isa woliin turan'llee akka nyaataniif ka isaanii hin eeyyamin, hibsittii qulqullaayome ni nyaate.

5 Akkuma kana qeesonni guyyaa Sanbbataatiin Mana Waaqeffanna'aa titti Sanbbataa yoo diigan balleessaa ta'ee akka isaanitti hin laakkayamnne, seera karaa Muse'eetiin kenname keessatti waan barreeffame isin hin dubbifinne moo?

6 Garuu ka Mana Waaqeffanna'aa caalu kunoo, asi ni jira isiniin jedha.

7 Dabalee'llee, ‹ani ka barbaadu dhiifama malee kitima'aa miti› ka jedhu dubbiin kitaabaa maal akka ta'e uduu hubattaniitii, namoota balleessaa hin qabnne irratti hin murtteesitan ture.

8 Gonkumaa Ilmi Namaa Gooftaa Sanbbataati.»


Yesus Nama Harka Naafaa Ni Fayyise
( Mar 3:1-6 ; Luq 6:6-11 )

9 Yesus bakka sanii ka'ee gara bakka wolgayii isaanii ni aseene,

10 Achi'llee namicha harka naafaa tokkotu jira ture, Yesusiin waan ittiin himatan namoonni barbaadan tokko tokko, «Guyyaa Sanbbataatiin dhukkubsataa fayyisuun eeyyamamee jira ree?» jechu'uun ni gaafataniin.

11 Yesus'llee akkana isaaniin jedhe, «Isin keessaa hoolaa tokko ka qabu, hoolaan isaa Guyyaa Sanbbataatiin boolla keessatti yoo jalaa kufe, harkisee ka hin baafnneen eennu?

12 Eegaa, hoolaa irra naminni attamitti hin caallee! Kanaaf guyyaa Sanbbataatiin waan mishaa raawwachuun ka eeyyamame.»

13 Kanaan duubatti Yesus namicha harka naafaatiin «Harka kee diriirssi!» jedheen. Inni'llee yeroo diriirssetti harki isaa fayyee, akkuma harka fayyaalesaa ni ta'eef.

14 Fariisonni garuu achii bayanii Yesusiin attam taasisanii akka ajjeesaniin, ni mari'atan.


Tajajilaa Filatamaa Waaqaa

15 Yesus garuu marri isaanii hama'aa beekee bakka san dhiisee ni deeme, namoonni baayi'een'llee isa horddofanii ni deeman, worra dhukkubisatan mara'llee ni fayyise.

16 Namootaan garuu waayee isaa eennutti'llee akka hin himnneef isaan ni ajaje,

17 kun'llee ka ta'e raaginni nabiyyicha Isaayaasiin dubbatame, akka raawwatamuuf.

18 «Kunoo! Tajaajilaan kiyya ka ani filadhe kana! inni'llee ka ani jaaladhuunii fi itti gammadu, Hafuura kiyya isa irra ni kaaya, inni'llee murttii qajeelaa ummatootaaf ni labissa.

19 Inni hin mormmu, yookiin hin iyyu, karaawwan irratti'llee qoonqqa isaa ka dhagayu hin jiru.

20 Ooyyaa leemmanii tumamee bullaaye'llee, hin cabssu, jirbii aarttu ta dungoo'llee hin dhaamissu, kana'llee ka raawwatu, haga murtiin qajeelaan, injifatee moo'attuuf.

21 Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne'llee, isa abddii ni taasfatan.»


Yesus Fi Bi'el Zebuliin
( Mar 3:1-6 ; Luq 6:6-11 )

22 Kanaan duubatti namoonni namicha jinniin irra bule, jaama'aa fi duudaa hin dubbanne tokko, gara Yesusii ni fidan, Inni'llee ni fayyiseen, namichi'llee dubbachu'uu fi laaluu'llee ni danda'e.

23 Ummanni marri'llee maalalffatanii, «Kun Ilma Daawiitii ta'innaa?» jedhan.

24 Fariisoonni garuu kana yeroo dhagayanitti, «Inni ‹Bi'el Zebul› ka jedhamee, karaa itti gaafatamaa jinnooiiwwaniitiin yoo ta'e malee, jinnii hin baasu» jedhan.

25 Yesus'llee yaada isaanii beekee akkana isaaniin ni jedhe, «Mootummaan tokko adda qoodamee ufii isaatii ka wolitti bu'u yoo ta'e, mootummaan sun ni kufa. Akkuma kana magaalaan tokko yookiin maatiin tokko, ufii isaatii adda yoo fooyame jabaatee jiraachu'uuf hin danda'u.

26 Sheexanni'llee sheexana ka baasu yoo ta'e, ufii isaatiiyyuu gargar fooyame jechu'u, eegaa mootummaan isaa attamitti jabaatee jiraachu'uuf danda'a ree!

27 Akkuma kanaan'llee ani jinniiwwan ka baasu Bi'el Zebuliin yoo ta'e, ijoolleen teessan hoo, maali'iin isaan baasan? Kanaaf ijoolleen teessanuu isin irratti ni murteessan.

28 Ani jinnii ka baasu Hafuura Waaqaatiin yoo ta'e garuu, eegaa Mootummaan Waaqaa isinitti dhufittee jirtti jechu'u.»

29 Akkuma kanaan naminni tokko durssee jabaa uduu hin hidhin gara mana nama jaba'aa aseenee, qabeenna isaa saamu'uuf attamitti danda'a? Jabaa eega hidheen duubatti garuu, qajeelatti qabeenna isaa saamu'uuf ni danda'a.

30 Ka anaan woliin hin ta'in marrinuu, mormmataa kiyya, ka ana woliin wolitti hin qabanne'llee, ni bittinneessa.

31 Kanaaf naminni ka raawwatu cubbuun kamiiyyuu yookiin jecha arrabaa maraafuu dhiifamnni ni taasfamaaf isiniin jedha, Hafuura Qulqulluu irratti dubbii arrabaa nama dubbatuuf garuu, balleessaa isaatiif, dhiifaminni hin taasfamuuf.

32 Ilma Namaa irratti dubbii arrabaa ka dubbatu maraaf balleessaa isaatiif dhiifaminni ni taasfamaaf. Hafuura Qulqulluu irratti dubbii arrabaa ka dubbatu maraaf garuu, biyya lafaa kanatti ta'ee biyya lafaa ka dhufttutti'llee, balleessaa isaatiif dhiifaminni hin taasfamuuf.


Mukinni Mishaan Firii Isaatiin Ka Beekkamu Ta'uu Isaa
( Luq 6:43-45 )

33 «Mukin marrinuu firii isaatiin waan beekkamuuf muka mishaa qabaadhaa, firiin isaa'llee mishaa ni ta'a, mukinni badaa yoo ta'e garuu firiin isaa'llee badaa ni ta'a.

34 Isin yaa ilmaan bofaa! hamaaleyyiiwwan yoo taatan, waan mishaa dubbachu'uuf attamitti dandeettan ree? Naminni afaan isaatiin dubbatu, onnee isaa guutee waan hafe.»

35 «Naminni mishaan galmmee isaa mishaa irraa, waan mishaa ni baasa, naminni hamaan'llee galmmee isaa hamaa irraa, waan hamaa ni baasa.

36 Dhugamaan isiniin jedha, naminni maalttu nu dhibe'een ka dubbatan jecha tokko tokkoofuu, guyyaa murti'ii itti ni gaafataman.

37 Jecha kee irraa ka ka'een siif ni murtteeffama, jechuma kee irraa ka ka'een'llee' sitti ni murtteeffama.»


Baasa Argu'uuf Gaafii Dhiyaate
( Mar 8:11-12 ; Luq 11:29-32 )

38 Yeroo sanitti barsiisonni seeraa tokko tokkoo fi Fariisoonni Yesusiin, «Yaa barsiisaa! Ati baasaa yoo taasfttu argu'uuf ni barbaanna!» jedhaniin.

39 Inni garuu akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Hama'aa fi dhaloonni hin amanne baasa argu'uuf ni barbaada, garuu baasa nabiyyicha Yoonaasiitiin alatti, baafinni bira'aa hin kennamuuf.

40 Yoonaas garaa qurxummii guddichaa keessa guyyaa saadihii fi halkan sadihi akkuma bule, akkuma kana Ilmi Namaa'llee awwaala keessa guyyaa sadihi fi halkan sadihi ni bula.

41 Namoonni magaalaa Naanayee guyyaa murti'ii titti dhaloota bara kanaan woliin ka'anii isa irratti ni murteessan, namoonni Naanayee lallaba Yohaannisii yeroo dhagayanitti, cubbuu isaaniitiin gaddanii, dhiifamaan gara Waaqaa titti deebi'anii jiraniitii. Amma garuu ka Yoonnaasiin caalu asi ni jira.

42 Mootittiin kibbaa ogummaa Solomoonii dhagayu'uuf daangaa biyya lafaatii waan dhuftteef, guyyaa murti'ii titti dhaloota bara kanaa woliin kaatee isa irratti ni murteessit, amma garuu ka Solomooniin caalu asi ni jira.»


Hafuurri Battiin Deebi'ee Namatti Galuu Isaa
( Luq 11:24-26 )

43 Itti aanssee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Hafuurri battiin nama keessaa yeroo bayetti, bakkee itti boqatu barbaadu'uun bakka bishaan hin jirre, bakkee gogeettii keessa ni naannaya. Garuu hin arigatu,

44 kanaaf ‹gara mana keessaa bayee deebi'ee haa deemuu› jedha. Deebi'ee yoo dhufutti'llee, manni duwwaa ta'ee, qulqullaayee, qophaayee ni argata.

45 Kanaan duubatti, hafuurri battiin deemeeti isaan irra worra hammaatan, kaanniin jinniiwwan torbaa qabatee ni dhufa. Isaan'llee gara duraan mana jinni'ii ture gara onnee namaa titti aseenanii, achi woliin ni jiraatan. Kanaaf haalli nama kanaa ka maa'ii ka jalqabaa irra, ka hammaate ni ta'a. Dhaloota hamaa kana irratti'llee ka ta'u, waanuma kana fakkaate.»


Haadha Yesusiitii fi Obboleeyyan Isaa
( Mar 3:31-35 ; Luq 8:19-21 )

46 Yesus'llee ummatatti uduma dubbata'aa jiru, haati isaatii fi obboleeyyan isaa isa dubbisu'uuf barbaadanii, ala dhabatanii jiran turan. [

47 Namoota achi turan keessaa tokko Yesusiin, «Kunoo haati keetii fi obboleeyyan kee, si dubbisu'uuf barbaadanii ala dhaabatanii jiran» jedheen.]

48 Yesus garuu, «Haati tiyya eennu? Obboleeyyan kiyya hoo eennuun fa'a?» jechu'uun ni deebise.

49 Kanaan duubatti harka isaa hiixatee gara barattoota isaa akeeka'aa akkana ni jedhe, «Haati tiyyaa fi obboleeyyan kiyya'llee kunoo kanniin,

50 Samii ka jiru fedhii Abbaa kiyya ka raawwatu marrinuu, obboleessa kiyya, obboleetti'ii fi haati tiyya'llee isaan» jedhe.

Lean sinn:



Sanasan