Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Wongeela Maarqoos 6 - Waadaa Haarawa


Yesusiin Naaziree Titti Mormmiin Akka Irra Gaye
( Mat 13:53-58 ; Luq 4:16-30 )

1 Yesus achii bayee gara biyya isaa ni dhufe, barattoonni isaa'llee ni horddofaniin.

2 Guyyaa sanbbataatiin bakka woligayii isaanii titti barsiisuu jala ni qabe, namoonni baay'een'llee achitti argamanii ni dhageeffataniin turan, isaan'llee, «Naminni kun waan kana mara eessaa argate? ogummaa attamiititu isaaf kennamee jira? Wonittoota baasotaa kanniin hoo ka raawwatu attamitti?» jedha'aa, ni maalaliffatan ture.

3 Itti aanssanii'llee, «Haa ta'u malee kun ilma Maariyaamii muka bocaa sanii mitii? Obboleessa Yaaqoobii, Yoosaa, Yihuda'aa fi obboleessa Simooniitii mitii? Obboleetiiwwan isa ka dubaraa'llee worruma asi nu woliin jiranii mitii?» jedha'aa, tuffachu'uun, uduu ufitti hin fudhatiniin, ni hafan.

4 Yesus garuu, «Nabiyyiin kaaniin biratti ni kabajama, biyya isaa titti, firoota isaatii fi maatii isaa jiddu'uutti garuu ni tuffatama» jechu'uun, isaanii ni deebise.

5 Achitti'llee dhukkubisatoota muraasa irra harka isaa kaayee fayyisu'uun alatti, baasa bira'aa taasisu'uuf hin dandeenne.

6 Ummanni amanuu dhabuu isaatiin haalaan ni maalale, kanaan duubatti Yesus ganda mara keessa nanaya'aa, ni barsiisa ture.


Ergamittoonni Kudha Lamaan Akka Barsiisaniif Ergamuu Isaanii
( Mat 10:5-15 ; Luq 9:1-6 )

7 Kudha lamaanuu gara isaa waamee lama lama taasisee isaan ni erige, Hafuurota battiiwwan irratti'llee aangoo isaaniif ni kenne,

8 Karaa isaaniitiif ulee malee buddeena ta'ee qaraaciitii, qarshii'llee sabata isaanii titti akka hin qabanneef isaan ni ajaje.

9 Akkana'llee isaaniin ni jedhe, «Miila keessantti'llee kophee godhadhaa malee, kittama'llee jala hin uffatinaa.»

10 Bakka kamittuu, «Gara mana nama tokkoo yeroo aseenittan, haga bakka san gad dhiifittanitti achuma turaa,

11 bakka namoonni isin ufitti isin hin fudhannee fi isin jalaa hin dhageenne marattuu, awwaara miila keessan dhadhayadha'aatii achii baya'aatii deemaa, kun'llee isaaniif ragaa ufi eegganna'aa itti ni ta'a.»

12 Worri ergaman'llee achii bayanii namoonni marrinuu dhiifamaan gara Waaqaa akka deebi'aniif, ni barsiisan.

13 Jinniiwwan baayi'ee'llee ni baasan, namoota baayi'ee'llee zayiitii ejerssaa diba'aa ni fayyisan.


Ajjeefamuu Yohaannisii Cuupha'aa
( Mat 14:1-12 ; Luq 9:7-9 )

14 Gurroon Yesusii mara birattuu waan beekkameef, nugusichi Heerodis waayee isaa ni dhagaye. Namoonni tokko tokko, «Yohaannisiin cuuphaan du'aa ka'ee jira, kanaaf wonitti baasaa kun marrinuu isaan raawwatama» ni jedhan ture.

15 Kuunniin'llee, «Eliyaas» jedhan ture, kuunniin'llee, «Nabiyyoota duraanii keessaa akka tokkooti,» ni jedhan ture.

16 Heerodis garuu kana maraa dhagayee, «Kun ka ani mormma isaa murssiise Yohaannis, kunoo! Inni du'aa ka'ee jira!» jedhe.

17 Heerodis haadha worraa obboleessa isaa Filiphosii Hirodiyaadaa waan fuudheef, Yohaannisiin sababa isi'iitiin qabsiisee, mana hidha'aa titti hidheenii ture.

18 Yohaannis'llee ka hidhame Heerodisiin, «Haadha worraa obboleessa keetii fuudhuun kee sirri'ii miti!» jedheenii, waan tureef.

19 Heerodiyaadaan'llee waan kanaan komattee Yohaannisiin ajjeesisu'uuf ni barbaadda ture, garuu hin dandeenne.

20 Heerodis jalqaba Yohaannis qulqullaayomichaa fi Qulqulluu ta'uu isaa waan beekuuf, ni sodaataanii fi ni eegaanii'llee ture. Heerodis haasaya Yohaannisii adaduma dhagayuun ni raafama ture. Haa ta'u malee gammachu'uun ni dhageeffataan ture.

21 Heerodis guyyaa itti dhalate kabaju'uuf namoota aangoo qaban ka mootumma'aatiif, filatamittoota woraanaa, namoota Galiila'aa ka beekkaman jiraattotaaf afeerrii ol aanaa ni taasise, kun'llee Heerodiyaada'aaf carraa mishaa ni ta'eef.

22 Kanaaf intaltti Heerodiyaada'aa gara galmma afeerri'ii aseenittee, sirba'aa Heerodisii fi afeeramttoota isa woliin jiran ni gammachiiftte. Nugusichi'llee intalatti'iin, «Waan barbaadu kamiinuu ana gaafadhu, siif kenna» isi'iin jedheen,

23 «Wolakkama mootummaa kiyyaa'llee yoo ta'e, waan ana gaafattu maraa siif kenna!» jechu'uun, ni kakateef.

24 Isiin'llee gara haadha isi'ii dhaxxee, «Maal haa gaafadhu isi'iin jette, haati'llee, ‹mataan Yohaannisii cuupha'aa haa naaf kennamu› jedhii gaafadhu» jetteen.

25 Intaltti'llee bakkumatti dadafaan gara nugusichaa deebitee, «Mataan Yohaannisii cuupha'aa qori'iin ta'ee amma akka naa kennamu barbaada» jechu'uun, ni gaafate.

26 Nugusichi'llee waan kanaan haalaan ni gadde, haa ta'u malee afeeramittoota duranatti waayee kakuu raawwateetiif jecha, waan isiin gaafatte dhoogachu'uuf hin barbaanne.

27 Kanaaf nugusichi bakkumatti lolttuu eegaa wordiyya'aa keessaa tokko mataa Yohaannisii muree akka fiduuf ni ergeen, Lolttichi'llee gara mana hidha'aa dhaqee mataa Yohaannisii ni mure,

28 mataa murame'llee qorii keessa kaayee fideeti intalatti'iif ni kenne, intalattiin'llee haadhaaf ni kennite.

29 Barattoonni Yohaannisii kana yeroo dhagayanitti dhufaniiti, reeffa isaa fudhatanii ni awwaalaniin.


Yesus Namoota Kuma Shanii Nyaachisuu Isaa
( Mat 14:13-21 ; Luq 9:10-17 ; Yoh 6:1-14 )

30 Ergamittoonni bakka itti ergamanii deebi'anii dhufanii Yesusiin duratti wol ni gayan. Waan raawwatanii fi waan barsiisan mara itti ni himan.

31 Inni'llee, «Isin adda keessan gara bakka udume'ee tokkoo deema'aatii yeroo muraasa boqadhaa!» isaaniin jedhe. Kana'llee sababaan jedheef gara isaanii ka dhufanii fi ka deemaan'llee namoota baayi'ee waan turaniif, nyaachisu'uuf, yeroo argachu'uuf waan dadhabaniif.

32 Kanaaf adda isaanii ta'u'uuf hoboloo yaabatanii, gara bakka udume'ee tokkoo ni deeman.

33 Haa ta'u malee yeroo isaan deemanitti namoonni baayi'een arganii isaan ni beekan, magaalaa maraa'llee bayanii miilaan fiiga'aa isaan durssaniiti, isaa biratti wol ni gayan.

34 Yesus hoboloo irraa yoo bu'utti namoota baayi'ee ni arge, akka hoolota tissee hin qabnnee ta'uu isaaniitiin'llee isaanii ni gadde, waan baayi'ee'llee isaan barsiisuu jala ni qabe.

35 Yeroon dhiya'aa deemuu isaatiin ergamittoonni isaa gara Yesusii dhiyaatanii akkana ni jedhaniin, «Bakki jirru gammoojji'i, yero'oon'llee dhiiyee jira,

36 waan nyaatan hin qabaniit gara baadiyyootaa fi gandoota naannoo jiranii deemanii waan nyaataa akka bitataniif, namoota kanniin haa geegessinuu» jedhaniin.

37 Yesus garuu, «Waan nyaatan isin isaanii kennaa!» jechu'uun ni deebise. Isaan'llee, «Eegaa deeminnee buddeena nyaatan dinaara dhibba lamaan binnee haa kenninuufii ree?» jedhan.

38 Inni'llee, «Buddeena meeqa qabdan? Mee deema'aatii laalaa» isaaniin jedhe, laalanii'llee, «Buddeenni shanii fi qurxummiin lamaa ni jira» jedhaniin.

39 Yesus'llee ummata garee gare'een isaan qoodeeti, raasaa marga lalisa'aa irra akka isaan teesisaniif, barattoota isaa ni ajaje.

40 Kanaaf ummanni dhibbaa fi shantamaan qoodamee, gare'een ni taa'an.

41 Yesus'llee buddeenna shanii fi qurxummii lamaan ol fuudhee, gara sami'ii ol jedhee laaleeti ni eebbise, buddeena'llee kukkutee namootaa akka qoodaniif barattoota isaa titti ni kenne. Akkuma kana qurxummii lamaan'llee maraafuu ni qoode.

42 Marrinuu nyaatanii ni quufan.

43 Barattoonni isaa'llee hambbaa hafe ginddoo kudha lamaa guutuu wolitti ni qaban.

44 Buddeena ka nyaatan laakkofssi worra dhiiraa, haga kuma shanii ni gaya ture.


Yesus Garba ciisaa Irra Tarkaanfata'aa Akka Deeme
( Mat 14:22-33 ; Yoh 6:15-21 )

45 Yesus bakkumatti ummata geegessa'aa uduu jiru barattoonni isaa hoboloo yaabatanii gara gamaa, gara Beetsayida'aa ce'anii akka isa durssan, isaan ni ajaje.

46 Kanaan duubatti isaan biraa fooyamee kadhachu'uuf gara gaaraa ni baye.

47 Yeroo dhiyetti'llee hoboloon garba ciisaa jidduu ni jirtti turtte, inni garuu adduma isaa arddii irra ni ture.

48 Barattoonni isaa sababaa bubbee gara durana isaaniitiin bubbisuutiin, bishaan dhayachu'uuf rakkatanii yoo sarddaman isaan ni arge, halkan keessaa'llee saa'aatii sagalii haga kudha lamaa yeroo jirutti, garba ciisaa irra tarkaanfata'aa gara isaanii ni dhufe, isaan bira dabrree'llee deemu'uuf ture.

49 Garuu isaan garba ciisaa irra tarkaanfata'aa yeroo deemu arganiinii, sawaala isaanitti fakkaatee ni iyyan.

50 Marrinuu yeroo isa arganitti, ni nayan. Inni garuu bakkumatti, «Jabaadhaa!, Anaa bee hin sodaatinaa!» isaaniin jedhe.

51 Gara hoboloo irra'llee bayee isaan woliin yeroo ta'etti bubbeen ni dhaabatte, barattoonni isaa'llee haalaan ni baaseffatan.

52 Eegaa, onneen isaanii hadooddee, baasa buddeenaa uduu hin hubatin hafaniiti malee, wonitti kun isaan hin baaseffachiisu ture.


Yesus Genesaarexitti Dukkubbisatoota Akka Fayyise
( Mat 14:34-36 )

53 Garba ciisaa ce'anii gara Genesaarexii ni gayan, hoboloo'llee gara arddi'ii dhiyeessanii ni hidhan.

54 Hoboloo irraa'llee akkuma bu'aniin bakkumatti, namoonni Yesusiin ni beekaniin.

55 Isaan'llee naannoo biyya sanii keessa asii fi achi jedha'aa, gara bakka Yesus jiruu mara dhukubbisattootaa sire'een baatanii fiduu jala ni qaban.

56 Bakka dhaqan marattuu gandoota, magaala'atti, baadiyya'atti'llee dhukubisattoota gara bakka yaa'ii titti baasa'aa isa duranatti isaan ni dhiyeessan ture, qaccee uffata isaatuu tuqumaaf'llee ni kadhataniin ture, worri tuqaniin marri'llee ni fayyan ture.

Lean sinn:



Sanasan