Wongeela Maarqoos 13 - Waadaa HaarawaWaayee Diigamuu Mana Waaqeffanna'aa Raaga Yesusii Dubbate ( Mat 24:1-2 ; Luq 21:5-6 ) 1 Uduma Yesus Mana Waaqeffanna'aatii bayaa'aa jiru barattoota isaa keessaa tokko, «Yaa barsiisaa! Dhagaayyii kunniinii fi gamoowwan kanniin mee laali, isaan ka baaseffachiisan!» 2 Yesus'llee, «Gamoowwan guguddaa kanniin ni argitaamii ree? Dhagaayyiin kunniin marrinuu ni diigaman, dhagaan dhagaa irratti tuulamee hafu hin jiru» jedhee, deebiseef. Mallattoowwan Muummee Barichaa ( Mat 24:3-14 ; Luq 21:7-19 ) 3 Yesus fuundura Mana Waaqeffanna'aatiin Gaara Ejjerssaa irra taa'ee uduma jiru Phexiros, Yaaqoob, Yohaannisii fi Indriyaas adda isaanii titti gara isaa dhiyaatanii, 4 «Wonitti kun ka ta'u yoom? Kun marri'llee raawwatamu'uuf yoo dhiyaatu, mallattoon isaa maali'i? Mee nutti himi» jechu'uun, ni gaafataniin. 5 Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Eennu'llee akka isin hin dogoggorssineef ufi eeggadhaa, 6 baayi'eewwan, ‹ani Masihicha!› jedha'aa, maqaa kiyyaan ni dhufan, namoota baayi'ee'llee ni dogoggorssan. 7 Dhiyeenna keessantti woraanni yoo taasfamuu fi fago'otti'llee oduu woraanaa yoo dhageettan hin nayinaa, kun marrinuu ta'uuf dirqamaatii, haa ta'u malee muummeen isaa ufi durana. 8 Ummanni ummata irratti, mootummaan'llee mootummaa irratti woraana ni kaasa, bakka marattuu sochiin lafaatii fi beelli ni ta'a, kun marrinuu akka ciniinssu'uu ka jiru jalqaba sarddamaati.» 9 «Isin'llee mataa keessaniif ufi eeggadhaa, namoonni mana murtii yaa'iitiif dabarssanii isin ni kennan, bakka woligayii isaanii maratti'llee isin ni dhaanan. Ragaa akka naa taataniif waayee kiyyaan bulchitootaa fi nugusota durana murti'iif, ni dhaabattan. 10 Kun marrinuu ta'uun duranatti garuu, wongeelli biyya lafaa mara wolgayuun ni qaba. 11 Namoonni qabanii gara murti'ii yoo isin dhiyeessan, ‹maal dubbanna laata?› jechu'uun dursitanii hin sarddaminaa, ka dubbatu Hafuura Qulqullu'u malee isinii miti. Kanaaf yeroo sanitti waanuma isinii kennu qofa dubbadhaa. 12 Obboleessi obboleessa isaa, abbaan'llee ilma isaa du'aaf dabarssee ni kenna, ijoolleen'llee maatii isaanii irraatti diinumma'aan ni ka'an, isaan'llee ni ajjeesan. 13 Waayee maqaa kiyyaatiif nama mara biratti ka jibbamttan ni taatan, haga muumme'ee titti ka obissaan dhaabatu garuu, ni fayya.» Rakkinna Makkaraarssaa ( Mat 24:15-28 ; Luq 21:20-24 ) 14 «Akkuma kana bakka itti argamuu hin qabnnetti waan batteessaa fi jibbisiisu ni argitan, kana'llee dubbifataan haa hubatu, yeroo sanitti worri Yihudaa jiran, gara gaarrotaa haa dheessan. 15 Ka baaxii manaa irra jiru gara mana gad bu'ee mana isaatii waan tokko fudhachu'uuf, yeroo hin balleesin, 16 bakka qonnaa ka jiru'llee uffata isaa fudhachu'uuf, gara duuba hin deebi'in. 17 Yeroo sanitti worra ulffaatii fi haawotii daa'imaa hoosisaniif uunsha'a! 18 Kun marrinuu yeroo gannaatiin akka hin taaneef, kadhadhaa. 19 Ji'oota sanitti yeroo Waaqinni biyya lafaa uume irraa jalaqabee haga ammaa titti, rakkinni muldhatee hin beekinne ni ta'a, ufi durana'llee rakkinni isa fakkaatu, gonkumaa hin gayu. 20 Gooftaan guyyoota sanniin gabaabssuu uduu dhabaatee eennu'llee fayyu'uuf hin danda'u ture, garuu namoota filatamaniif jecha guyyoonni sunniin, ni gabaabatan.» 21 «Eegaa eennu'llee yoo ta'e, ‹Masihiin kunoo asi ni jira!› yookiin ‹kunnoo achi ni jira!› yoo isiniin jedhe, hin amaninaa.» 22 Masihoonni dharaatii fi nabiyyoonni dharaa'llee ni dhufan, isaan uduu danda'anii worruma filatamanuu dogoggorssu'uuf, baasaa fi wonittoota maalale'ee ni raawwatan. 23 Waan maraa durssee isinitti himee jiraatii, eegaa ufi eeggadhaa! Deebi'ee Dhufiinssa Kristosii ( Mat 24:15-28 ; Luq 21:20-24 ) 24 «Yeroo sanitti, rakkinna kana maraan duubatti, aduun ni dukkanooftti, jiin'llee ifa isi'ii hin kennitu, 25 urjjiiwwan sami'ii ni kufan, huminnoonni samii jiran'llee ni raafaman. 26 Achiin duubatti'llee Ilmi Namaa huminna isaa ol aana'aa fi ulfinnaan duumessan yoo dhufu ni mulidhata, 27 Maleykkoota isaa'llee ni erga, isaan'llee kallattii arfaniinuu deemanii daangaa arddi'iitii haga daangaa sami'ii titti worra argaman, namoota isaaf filataman wolitti ni qaban.» Dhufaatii Goofta'aa Ka Muldhifttuu Fakkeenna Muka Harbbu'uu ( Mat 24:32-35 ; Luq 21:29-33 ) 28 «Fakkeenni muka harbbu'uu barnnoota isiniif haa ta'u, dameewwan isi'ii yoo bayanii fi baalliin isi'ii'llee yoo lalisan, yeroo sanitti bonni akka dhiyaate ni beekittan. 29 Akkuma kana isin'llee kun marrinuu ta'uu isaa yoo argittanitti, yeroon Ilmi Namaa itti dhufu balbalatti akka dhiyaate beekaa. 30 Dhugamaan isiniin jedha, dhaloonni kun uduu hin dabrrniin duranatti, kun marrinuu ni raawwatama. 31 Sami'ii fi arddiin ni dabrran, dubbiin kiyya garuu jabaatee ni jiraata.» Guyya'aa Fi Saa'aatii Gooftaan Itti Dhufuu Eennu'llee Hin Beeku ( Mat 24:36-44 ) 32 «Garuu waayee guyyaa saniitii fi waayee saa'aatii sanii Waaqa Abbaa malee eennu'llee ka beeku hin jiru, maleyikkoonni sami'ii'llee hin beekan, Ilmi'llee hin beeku. 33 Yeroon isaa yoom akka ta'u hin beekittaniitii ufi eeggadhaa, ka'aa. 34 Kun'llee, mana isaa dhiisee gara biyya fago'oo nama deeme ni fakkaata, inni'llee tokko tokkoo tajaajilaa isaatiif itti gaafatama hujii adda addaa irratti ramadee, woriddiyyichi'llee dammaqee akka eeguuf ni ajajeen. 35 Kanaaf gooftaan abbaan manaa yeroon inni itti dhufu hin beekittaniitii, ufi eeggadhaa, yookiin gara galgalaa titti, yookiin halkan qixxe'etti, yookiin lukkuun yoo iyyu, yookiin ganama obboro'oon ni dhufa ta'a. 36 Dimmaa dhufee raffittanii, akka isin hin arganneef dammaqaa.» 37 «Akkuma isinitti hime, kaanniin maraan'llee dammaqaa! Jedha.» |