Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Wongeela Maarqoos 12 - Waadaa Haarawa


Fakkeenna Qonnaan Bulttoota Biqilttuu Woyinni'ii
( Mat 21:33-46 ; Luq 20:9-19 )

1 Itti aansee'llee Yesus kana fakkeennaan akkana jechu'uun isaanitti himuu jala ni qabe, «Naminni tokko biqilttuu woyinni'ii ni dhaabe, naanaya isaa'llee ni dallaye, cuunffaa woyinni'iitiif'llee ka ta'u boolla qotee ni midhaasse, eegiddoo woyinni'iitiif ka tajaajilu siree ol fagaatu ka kaabaa dhaga'aa'llee ni hojjate, kanaan duubatti bakka biqilttu'uu qotee bulttootaaf kireessee, gara biyya fago'oo ni deeme.

2 Firiin'llee yeroo gayetti'llee, firii woyinni'ii irraa akka isaa fiduuf tajaajilaa isaa gara qotee bulttootaa ni erge.

3 Qotee bulttoonni garuu tajaajilaa isaa qabanii eega dhaananiiniin duubatti, harka isaa duwwaa ni deebisaniin.

4 Deebi'ee'llee abbaan qabeennaa tajaajilaa bira'aa ni erge, qonnaan bulttoonni tajaajilaa kana'llee dhaga'aan burussan, salphisaniinii, ni deebisaniin.

5 Itti aansee'llee ka bira'aa yoo ergu, ni ajjeesaniin, akkuma kana baayi'eewwa yoo ergu'llee, tokko tokkoo isaanii ni dhaanan, kaanniin'llee ni ajjeesan.

6 Amma raawwachuun ka isa hafe, ilma isaa ka jaalatu erguu qofa ture. Kanaaf, ‹Ilma kiyya ni kabajaniin ta'a› jedhee yaadu'uun, muummee irratti ilma isaa tokko ni erge.

7 Garuu qotee bulttoonni ufii isaaniitii woliin, ‹kun ammoo dhaalaa isaati! Kootaa haa ajjeefinnuuiin! Qabiyyeen isaa'llee nu'uuf ni ta'a› woliin ni jedhan.

8 Kanaaf ilma isaa qabanii ni ajjeesaniin, bakka biqilttuu woyinni'iitiin alatti'llee ni gataniin.»

9 Eegaa abbaan qabeenna biqilttuu woyinni'ii maal raawwata? Abbaan mataan isaatuu ni dhufa, qotee bulttoota'llee ni ajjeesa, biqilttuu woyinni'llee kaanniiniif ni kenna.

10 «Haa ta'u malee, ‹dhagaan kaabddonni tuffataniin, mataa cabssata› » ni ta'e.

11 Kun'llee hujii Goofta'aati, ija teennaaf'llee baasaa! ka jedhu, dubbii kitaaba Qulqullu'uu isin hin dubbifnne moo?

12 Itti gaafatamoonni Yihudotaa fakkeenni Yesus dubbate ka isaan laalu ta'uu waan hubataniif, isa qabu'uuniif barbaadanii turan, garuu ummata sodaatanii dhiisanii ni deeman.


Gaafii Waayee Gibraa Kafalu'uuf Dhiyaatee
( Mat 22:15-22 ; Luq 20:20-26 )

13 Gara worra Fariisotaatii fi worra Heerodisiitii ka ta'an namoonni tokko tokko, Yesusiin haasaya isaatiin isa qabu'uuf jecha, gara isaa ni ergaman.

14 Gara isaa dhiyaatanii'llee akkana ni jedhaniin, «Yaa barsiisaa ati dhugaalessa ta'uu kee ni beekinna, nama'llee sodaachu'uu fi maal naan jedhan jedhee'llee, wonitti raawwattu hin jiru, karaa Waaqaa'llee dhuga'aan ni barsiiftta, eegaa, nugusa Rooma'aatiif gibira kafaluun seera qabeessaa moo? Yookiin miti? Haa gabbarru moo, yookiin haa dhiifinnu?»

15 Yesus'llee fakkeesitummaa isaanii beekee, «Maali'iif ana qabu'uuf barbaadan? Mee qarshii fida'aatii natti muldhisaa» isaaniin jedhe.

16 Isaan'llee qarshii ni fidaniif, inni'llee, «Qarshii kana irra biftti jiruu fi maqaan barreeffame ka eennuuti?» jechu'uun, isaan ni gaafate. Isaan'llee, «Ka Nugusa Rooma'aati» jedhaniin.

17 Yesus'llee, «Eegaa ka nugusaa nugusichaaf, ka Waaqaa Waaqaaf kennaa!» jechu'uun, isaanii ni deebise. Isaan'llee deebii isaa ni maalalffatan.


Waayee Du'oota Du'aa Ka'aniitiif Gaafii Dhiyaate
( Mat 22:23-33 ; Luq 20:27-40 )

18 «Du'aa ka'iinssi worra du'anii hin jiru» Saduuqoonni jedhan gara Yesusii dhufanii, akkana jechu'uun ni gaafataniin,

19 «Yaa barsiisaa, ‹naminni tokko finna uduu hin uumatin haadha worraa isaa irraa du'aan yoo fooyame, obboleessi isaa dubarttii dhaalee, ka du'eef fiixaa bakka haa buusuuf› jedhee, Museen nuuf barreessee jira.

20 Eegaa, obboleeyyan torba turan, hangafnni isaan maraa haadha worraa fuudhee finna uduu hin uumatin ni du'e.

21 Obboleessi lammaffaa'llee dubarttii san dhaalee finna uduu hin uumatin ni du'e, sadaffaa'llee akkuma kana ni ta'e,

22 haala kanaan obboleeyyan torbanuu isii dhaalanii fiixaa uduu bakka hin buusin ni du'an, maraan duubatti ammoo dubarttiinuu ni duute.

23 Obboleeyyan torbanuu tartiibaan isii fuudhanii jiraniitii, eegaa yeroo worri du'an du'aa ka'antti, isiin kamiif haadha worraa taati?»

24 Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Isin ka dogoggorttaniif kitaabban Qulqullu'uu fi huminna Waaqaa'llee beekuu dhabuu keessaniinii mitii ree?

25 Worri du'an du'aa yoo ka'antti, akka maleyikkoota samii jiranii ta'an malee, hin fuudhan, wolitti hin fuusisan.

26 Waayee worri du'an du'aa ka'iinssaa yoo ta'e garuu, Waaqinni ibidda ximmirro'oo keessaan Muse'etti maal akka itti dubbate, kitaaba Muse'ee keessatti isin dubbifnne moo? Kun'llee, ‹ani Waaqa Abrahamii, Waaqinni Yisihaaqiitii fi Waaqa Yaaqoobiiti› ka jedhe.

27 Kanaaf Waaqinni Waaqa jiraattotaati malee, Waaqa du'ootaatii miti, isin garuu haalaan ni dagoggorttan» isaaniin jedhe.


Ajaja Maraa Caalu
( Mat 22:34-40 ; Luq 10:25-28 )

28 Barsiisota Seeraa keessaa tokko wol mormmii isaanii ni dhagaya ture, Yesus haala misha'aan akka isaanii deebise barsiisaan seeraa ni hubate, gara Yesusii'llee dhiyaatee, «Ajajinni maraa caalu kami?» jechu'uun, ni gaafateen.

29 Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Ajajinni maara caalu, ‹yaa Israa'eel, dhagayi!, Waaqinni keenna Waaqa tokko,

30 ati'llee Waaqa kee Gooftaa, onnee kee muda maleessaan, lubbuu kee muda maleetti'iin, yaada kee muda maleessaa fi huminna kee muda maleessaan jaaladhu!› ka jedhu.

31 Kana'llee ka fakkaatu ajajinni lammaffaa, ‹ollaa kee akka mataa keetii taasisii jaaladhu!› ka jedhu. Kanniin lamaan ka caalu ajajinni bira'aa hin jiru.»

32 Barsiisichi seeraa'llee Yesusiin akkana ni jedheen, «Yaa barsiisaa! ‹Waaqinni tokko, isa malee'llee Waaqinni bira'aa hin jiru› jettee, ka dubbatte dhuga'a.

33 Kanaaf naminni onnee isaa muda maleessaan, [lubbuu isaa muda maleetti'iin,] yaada isaa muda maleessaan fi huminna isaa muda maleessa Waaqa jaalachuu ni qaba. Akkuma kana, ollaa kee'llee akka mataa isaa taasisee jaalachuu ni malaan, ciinccaa gubatuu fi ciinccaa bira'aa'llee Waaqaaf dhiyeessuu irra, ajajoota kanniin lamaan eegu'utu caala» jedhe.

34 Yesus'llee barsiisichi seeraa ogumma'aa fi hubanna'aan akka deebiseef argee, «Ati ammoo Mootummaa Waaqaa irraa ka fagaattee miti» jedheen. Kanaan duubatti Yesusii gaafii dhiyeessu'uuf ka ugge, eennu'llee hin jiru.


Gaafii Waayee Masihi'iitiif Dhiyaate
( Mat 22:41-46 ; Luq 20:41-44 )

35 Yesus Mana Waaqeffanna'aa titti yoo barsiisu akkana jedhee ni gaafate, «Barsiisonni seeraa, ‹Masihiin ilma Daawiitii› maali'iif jedhan?

36 Daawiit mataan isaatuu Hafuura Qulqullu'uun eemaramee, ‹Waaqa Gooftaa kiyyaaf (Masihichaaf), diinota kee miila kee jala haga si oolichutti, mirga kiyyaan taa'i› jedheenii jira.

37 Daawit mataan isaatuu, ‹Gooftaa› jedhee eega waameen eegaa, Masihichi Daawiitiif attamitti ilma ta'a?» Ummanni baayi'een'llee gammachu'uun ni dhageeffataniin ture.


Barsiisonni Seeraatii Fi Farisoonni Akka Balaaleffataman
( Mat 23:1-36 ; Luq 20:45-47 )

38 Yesus yoo barsiisu akkana ni jedhe, «Uffata dhedheeraa uffatanii asii fi achi naanayuu, bakka gabaya'aa titti nagaya kabaja'aa fudhachu'uuf worra jaalatan, barsiisota seeraa irraa ufi eeggadhaa.»

39 Isaan'llee bakka woligayii isaanii titti barcumaa ulfinnaa, bakka afeerri'iitti'llee bakka kabajaa ni filatan.

40 «Fakkeessa'aaf ka dhiyeessan kadhannaa isaanii dhedheeraa sababachu'uun, mana haadha hiyyeesotaa ni saaman, kanaaf isaan murtiin caalaan isaan irra ni gaya.»


Kennaa Haadha Hiyyeessaa
( Luq 21:1-4 )

41 Yesus saanduuqa kenna'aa fuunduranaan taa'ee uduma jiru, ummanni sanduuqa keessa qarshii yoo buusan ni arga ture, dureeyyiin baayi'een'llee qarshii baayi'ee ni buusan ture.

42 Haati hiyyeessaa hiyyeettiin takka dhufittee, saantibii shishiikkoo sibiila diima'aa lama gayu achi keessa ni buufitte.

43 Yesus'llee barattoota isaa waamee akkana isaaniin ni jedheen, «Dhugamaan isiniin jedha, sanduuqa keessa qarshii namoota buusan mara irraa caalchifttee ka buufite, haadha hiyyeessaa hiyyeettii tana.

44 Kuunniin marrinuu ka kennan qabeenna qaban irraa ka hafe, isiin garuu hiyyeettii taatee uduu jirttu, womaayyuu uduu hin hanbifatin, waan qabddu maraa ni kennite» jedhe.

Lean sinn:



Sanasan