Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Wongeela Maarqoos 1 - Waadaa Haarawa


Lallaba Yohaannisii cuupha'aa
( Mat 3:1-12 ; Luq 3:1-18 ; Yoh 1:19-28 )

1 Kun jalqaba wongeela Yesus Kristos Ilma Waaqaa

2 Nabiyyicha Isaayyaasiin, «Kunoo, karaa kee ka haru, ergamaa kiyya si'iin duranatti durssee ni erga.

3 Kun'llee, ‹karaa Goofta'aa qopheessaa, xurree'llee sirreessaa!› jedha'aa, bakka gammoojji'ii titti qoonqqa ol fudhatee nama dubbatu» jedhamee, akkuma barreeffame.

4 Kanaaf Yohaannisiin Cuuphaan, «Dhiifama cubbu'uu akka argattaniif, gara Waaqaa deebi'aa cuuphamaa!» jechu'uun, gammoojjii keessa lallaba'aa ni dhufe.

5 Arddii Yihuda'aatii fi magaalaa Yerusaalemiitii'llee namoonni baayi'een gara isaa ni dhufan ture, cubbuu isaanii'llee himata'aa Laga Yoordaanosii titti, harka isaatiin ni cuuphaman ture.

6 Uffanni Yohaannisii rifeenissa gaalaa irraa ka hojjatame ture, hidha isaa titti'llee teepha ni hidhata ture, nyaanni isaa'llee awwaannisaa fi dammaa daamu'uu ni ture.

7 Akkana'llee ni jedha ture, «Hidhaanuma kophee isaatuu gadi jedhee hiiku'uuf gonkumaa ka hin dandeenne, ka ana haalaan caalu ana duubaan ni dhufa.

8 Ani bishaaniin isin ni cuupha, inni garuu Hafuura Qulqullu'uun isin ni cuupha.»


Cuuphamu'uu Yesusiitii fi Qormaatamuu Isaa
( Mat 3:13-17 ; 4:1-11 ; Luq 13:21-22 ; 4:1-13 )

9 Yeroo saniin duubatti Yesus magaalaa Naazireetiitii ta kutaa biyya Galiila'aa titti argamttu bayee, laga Yoordaanosii titti harka Yohaannisii titti ni cuuphame.

10 Bakkumatti Yesus bishaan keessaa akkuma bayeen, samiin yoo banamuu fi Hafuurri Qulqulluun fakkeenna bifa handari'iitiin, isa irratti yoo bu'u ni arge.

11 Yeroo sanitti, «Ati Ilma kiyya ka ani jaaladhuu fi ka si'itti gammadu» qooniqqi jedhu, sami'ii ni dhufe.

12 Bakkumatti Hafuurri Waaqaa Yesusiin gara lafa gammoojji'ii, ni fideen.

13 Gammoojjii sanitti'llee sheexanaan qormaatama'aa guyyaa afurtamaaf ni ture, bineensota bosonaa woliin'llee ni ture, maleyikkoonni'llee ni tajaajilaniin.


Yesus Hujii Isaa Ka Barsiisu'uu Galiila'atti Akka Jala Qabe
( Mat 4:14-17 ; Luq 4:14-15 )

14 Yohaannis qabamee gara mana hidha'aa eega aseeneen duubatti, Yesus Wongeelaa Waaqaa lallaba'aa gara Galiila'aa ni dhufe.

15 Yoo barsiisu'llee, «Barri raawwatamee jira, Mootummaan Waaqaa dhiyaattee jirrttiitii gara Waaqaa deebi'aa! Wongeelatti'llee amanaa!» jedha ture.


Yesus Qurxummii Qabddoota Afurii Akka Waame
( Mat 4:18-22 ; Luq 5:1-11 )

16 Kanaan duubatti Yesus garba ciisaa Galiila'aa biraan yoo dabrru Simoonii fi obboleessi isaa Indriyaas qurxummii qabddoota waan turaniif, tabbaarrii isaanii gara garba ciisa'aa yoo darbatanitti isaan ni arge.

17 Yesus'llee, «Koota'aatii ana horddofaa! Akkuma qurxummii qabddan mara, namoota'llee akka wolitti naaf qabddan isin ni taasisa!» isaaniin jedhe.

18 Isaan'llee bakkumatti tabbaarrii isaanii dhiisanii, isa ni horddofan.

19 Achi biraa'llee muraasa akkuma dabrraniin, kaanniin obboleeyyan lamaan ni arge, isaan'llee ijoollee Zebdiwoosii Yaaqoobii fi Yohaanisiin turan, isaan'llee hoboloo irra ta'anii tabbaarrii isaanii, ni supphan ture.

20 Yesus bakkumatti isaan ni waame, isaan'llee abbaa isaanii Zabdewoosin hojjattootaan woliin hoboloo irratti dhiisaniinii, Yesusiin ni horddofaniin.


Namichi Hafuurri Battiin Irra Bule Fayyuu Isaa
( Luq 4:31-37 )

21 Bira dabrranii'llee gara magaalaa Qifirnaahoomii ni gayan, bakkumatti Sanbbata itti aanee jirutti Yesus gara bakka wolgayii isaanii aseenee, barsiisuu jala ni qabe.

22 Yesus akka bifa barsiisonni seeraa itti barsiisanii titti uduu hin ta'in, akka nama aangoo qabuu titti isaan ni barsiisa waan tureef, worri isa dhageeffatan marrinuu barsiisa isaa ni maalalffatan.

23 Hafuurri battiin ka irra bule namichi bakka woligayii isaanii ture tokko, akkana jechu'uun ni iyye,

24 «Yaa Yesusii Naazireetii, ati nu'uun woliin dhimma maal qabdda? Nu balleessu'uuf dhufitte moo? Ati eennuun akka taate ani ni beeka, ati Qulqulluu Waaqaati!»

25 Yesus'llee hafuura battichaan, «Caldhisiitii isa keessaa bayi!» jedhee, itti ni baanateen.

26 Hafuurri battiin'llee namicha kuffisee eega dhidhiitachiiseen duubatti, qoonqqa ol aana'aan iyya'aa isa keessaa ni baye.

27 «Kun maali'i? Barsiisa haarawa attamiiti? Hafuuronni battiiwwan'llee uduu hin hafin aangoo isaatiin ni ajaja, isaan'llee ni ajajamaniif» jedha'aa, maalalffachu'uun, ufii isaaniitii wol gaafachuu, jala ni qaban.

28 Bakkumatti, gurroon Yesusii biyyoota naannaya Galiila'aa jiran mara keessattuu, ni dhagayame.


Yesus Dhukkubsattoota Baayi'ee Fayyisuu Isaa
( Mat 8:14-17 ; Luq 4:38-41 )

29 Yeroma sanitti Yesus bakka wolgayii isaaniitii bayee, Yaaqoobii fi Yohaannisiin woliin, gara mana Simoonii fi Indriyaasii ni aseene.

30 Mana keessa'llee soddaatiin Simoonii dhukkuba oo'iinssa qaamaatiin dhukkubisattee ciifttee jirtti ture, waayee dukkubbisata isii'llee bakkumatti Yesusitti ni himan.

31 Yesus'llee gara isi'ii dhiyaateeti harka isi'ii qabee ol ni kaaseen, oo'iinssi qaamaa'llee bakkumatti ni dhiiseen, kaatee'llee isaan ni keessummeeste.

32 Aduun aseenittee yeroo dhiiyetti'llee namoonni dhukkubisattootaa fi worra jinni'iin qabaman mara qabatanii, gara Yesusii ni fidan.

33 Namoonni magaala'aa marrinuu balbalatti wolgayanii jiran ture.

34 Yesus worra dhukkuba adda addaatiin makkaraaran namoota baayi'ee ni fayyise, jinniiwwan baayi'een'llee isaan keessaa ni baase, jinniiwwan'llee inni eennuun akka ta'e ni beekan ture, haa ta'u malee Yesus akka dubbataniif isaanii hin eeyyaminne.


Yesus Galiila'atti Wongeela Barsiisuu Isaa
( Luq 4:42-44 )

35 Bari'uuf yoo dhiyaatutti, Yesus ganama obboro'oon ka'ee bayeeti, gara bakka udume'ee tokkoo dhaqee ni kadhate,

36 Simoonii fi isa woliin worri turan'llee, isa barbaadu'uuf bayanii ni deeman.

37 Yeroo isa argatanitti'llee, «Namoonni marrinuu si barbaadan» jedhaniin.

38 Yesus'llee, «Ani ka dhufe barsiisu'uuf waan ta'eef, wongeela akka barsiisuuf, gara gandoota dhiyoo jiranii haa deeminnuu!» isaaniin jedhe.

39 Kanaaf bakka woligayii isaanii titti barsiisa'aatii fi jinniiwwan'llee baasa'aa, Galiilaa mara keessa ni naanaya ture.


Yesus Namicha Waashayaa Fayyisuu Isaa
( Mat 8:1-4 ; Luq 5:12-17 )

40 Namichi waashaye tokko gara Yesusii dhufeeti miila isaa jalatti jilbbiiffatee, «Yoo eeyyamtte ana fayyisu'uu ni danddeetta» jechu'uun, ni kadhateen.

41 Yesus'llee garaa laafeefiiti harka isaa hiixatee qaqaba'aanii, «Eeyyamee jiraa fayyi!» jedheen.

42 Namichi'llee bakkumatti waashayinna irraa ni fayye.

43 Yesus'llee namicha ciminnaan ufi eeggachiiseenii ni geegesseen.

44 «Waan kana eennutti'llee akka hin himnneef ufi eeggadhu, garuu deemiitii mataa kee qeesichatti muldhis, isaaniif'llee ragaa akka ta'u waayee fayyinna keetiitiif, kitimaa dhiyeessi» jedheen.

45 «Haa ta'u malee namichi achii bayee, waan kana maraa nama marattuu odeessuu jala ni qabe. Waayee kanaan'llee Yesus gara magaalaa kamiituu, ifatti aseenu'uuf hin dandeenne. Garuu magaala'aan alatti bakka naminni hin jirre ni jiraata ture. Ta'u'llee namoonni bakka maraa gara isaa ni dhufan ture.»

Lean sinn:



Sanasan