Wongeela Luqaas 6 - Waadaa HaarawaGaafii Waayee Sanbbataatii Fi Dhiyaate ( Mat 12:9-14 ; Mar 3:1-6 ) 1 Guyyaa Sanbbataatiin Yesus oorruu qonnaa keessaan uduma dabrra'aa jiru, barattoonni isaa asheeta qamadii mura'aa, harkatti sukuuma'aa nyaachuu jala ni qaban, 2 Fariisota keessaa tokko tokko barattoota isaatiin, «Guyyaa Sanbbataatiin raawwatamuu waan hin malle, maali'iif raawwattan?» isaaniin jedhan. 3 Yesus'llee akkana jedhu'uun isaaniif ni deebise, «Isaaf namoonni isaan woliin turan'llee yeroo beelayanitti, Waan Daawiiti raawwate isin hin dubbiffine moo? 4 Inni'llee gara Mana Waaqaa aseenee, qeesota malee kaanniniif akka nyaatan ka hin eeyyamin, hibsttii qulqullaayome ka furddaa fuudhee ni nyaate, namoota isa woliin ni jiran turaniif'llee ni kenne.» 5 Itti aansee'llee Yesus, «Ilmi Namaa Sanbbataaf'llee Gooftaa isaati» isaaniin jedhe. Yesus Namicha Harka Naafaa Fayyisuu Isaa ( Mat 12:9-14 ; Mar 3:1-6 ) 6 Guyyaa Sanbbata bira'aa titti'llee Yesus gara bakka woligayii isaanii aseenee ni barsiisa ture, achitti'llee namicha harki isaa ka mirgaa naafa ta'e tokkotu jira ture. 7 Barsiisonni seeraatii fi Fariisonni'llee yakka Yesusiin ittiin himatan argachu'uuf barbaadanii, «Guyyaa Sanbbataatiin ka isa fayyisuun yoo ta'e mee haa laalluu» jedhanii, ni eeggatan ture. 8 Yesus garuu yaada isaanii beekee namicha harka naafaatiin, «Ka'iitii jidduu dhaabadhu!» jedheen, naafttichi'llee ka'eeti, jidduu ni dhaabate. 9 Yeroo kanatti Yesus, «Mee isin haa gaafadhuu, haa ta'u malee guyyaa Sanbbataatiin ka eeyyamamee waan mishaa raawwachu'u moo? yookiin waan hama'a? lubbuu baasu'u moo yookiin balleesu'u?» isaaniin jedhe. 10 Yesus gara namoota naannoo isaa jiran maraa eega laaleen duubatti namicha harka naafttichaatiin, «Harka kee diiririssi!» jedheen. Inni'llee harka isaa yoo diriirssetti, ni fayyeef, akka harka kaanii'llee ni ta'eef. 11 Barsiisonni seeraatii fi Farisonni garuu haalaan dallananii, Yesusiin irratti maal raawwachuu akka qaban, ni mari'atan. Yesus Ergamittoota Kudha Lamaan Filachuu Isaa ( Mat 10:1-4 ; Mar 3:13-19 ) 12 Guyyaa tokko Yesus kadhachu'uuf gara gaaraa ni baye, achitti'llee halkan guutuu gara Waaqaa kadhata'aa ni bule. 13 Yeroo bari'etti'llee barattoota isaa gara isaa ni waame, isaan keessaa'llee kudha lamaan filatee, «Ergamittoota» jedhee, isaan ni moggaase, 14 Isaan'llee itti aananii worra argaman ture, Phexiros jedhee ka moggaaseen, Simoonii fi obboleessa isaa Indriyaas, Yaaqoobii fi Yohaannisiin, Filiphosii fi Bartolomewos, 15 Maatewosii fi Toomaas, ilma Alfewosii Yaaqoobii fi «Hinaaftticha» jedhamee, ka waamamu Simooniin, 16 Ilma Yaaqoobii Yihuda'aa fi Yesusiin dabarssee ka kenne, Yihudaa Asiqoroticha. Yesus Ummata Baayi'ee Akka Barsiisee Fi Akka Fayyise ( Mat 4:23-25 ) 17 Yesus ergamittoota isaa woliin gaara irraa bu'ee raasaa irra ni dhaabate, barattoota isaa keessaa'llee baayi'eewwan achi ni turan, akkuma kana isa dhageeffachu'uu fi dhukkuba isaanii irraa'llee fayyu'uuf barbaadanii ka dhufan, ummanni haalaan baayi'e'ee ni turan. Isaan'llee ka dhufan arddii Yihuda'aatii magaalaa Yerusaalemiitii, garba ciisaa biratti ka argaman, magaalota Xiiroosiitii fi Sidoonaaitti turan. 18 Hafuurota batti'iin qabamanii ni jeeqaman namoonni turan'llee dhufanii, ni fayyaniiyyu ture. 19 Huminni fayyisuu isa keessaa baya'aa maraa ni fayyisa waan tureef, namoonni wol gayan marrinuu Yesusiin tuqu'uuf, ni barbaadan ture. Mallattoowwan Gammachu'uu Fi Gadda ( Mat 5:1-12 ) 20 Yesus'llee ol jedhee gara barattoota isaa laala'aa akkana isaaniin jedhe, Mootummaan Waaqaa teessaniitii, isin hiyyeesonni ka eebbifamittan! 21 Isin amma worri beelofttan, maa'ii ni quufttaniitii ka eebbifamittan! isin amma worri boottan, maa'ii waan kolftaniif ka eebbifamittan! 22 «Sababaa ana ilma namaatiin namoonni yoo isin jibbanii, isin yoo fooyan, isin yoo xureessanii fi maqaa keessan yoo balleessan'llee, isin ka eebbifamittan! « 23 Sami'itti gatiin keessan gudda'aatii kun marrinuu isin irra yoo gaye, isin ka eebbifamittan! Fandalalaa, abbootiin keessan ka duraanii'llee nabiyyoota irratti, hammeenna akkanaa kana isaan irratti raawwatanii jiran turan.» 24 «Isin durreeyyiin garuu, mijaayinna keessaniif waan ta'u maraa, amma argattanii jirttaniitii, Isinii uunsha'a! 25 Isin amma worri quufttan, maa'ii ni beelofttaniitii, isinii uunsha'a! isin worri amma kolftan, maa'ii waan gadditanii fi waan boottaniif, isinii uunsha'a! 26 «Namoonni marrinuu waayee keessan mishaa yoo dubbatan, isinii uunsha'a! Abbootiin keessan'llee nabiyyoota dharaatiif, akkuma kana taasisanii turan.» Diina Jaalachuu ( Mat 5:38-48 ; Mat 7:12 ) 27 Isin worra ana jalaa dhagayuuf garuu akkana isiniin ni jedha, diinota keessan jaaladhaa, worra isin jibbuuf'llee waan mishaa isaaniif raawwadhaa, 28 worra isin abaaran eebbisaa, worra isin miidhaniif'llee kadhadha'aafii, 29 boqoo kee tokko dhabanaassa'aan ka si dhayuuf, boqoo kee ka bira'aa'llee akka dhayu garagalichiif, Waaqaa kee ka sirraa fudhatuuf, kittaa kee dabalii kenniif, 30 ka si kadhatu maraafuu kenni, qabeenna kee nama si irraa fudhatuuf, akka si deebisuuf hin gaafatin. 31 Namoonni isiniif akka raawwataniif waan barbaaddan, isin'llee akkuma kana isaaniif raawwadhaa. 32 Worruma isin jaalatan yoo jaalattan caalimaya maal argattan! Cubbamoonni'llee worra isaan jaalatan ni jaalatan, 33 Waan mishaa worra isinii raawwataniif isin'llee waan mishaa isaaniif yoo raawwattan, caalimaya maal argattan! Cubbamoonni'llee akkuma kana ni raawwatan, 34 harka nuuf deebisan jettanii namoota yaaddaniif yoo liqeessitan caalimaya maal argattan? Kama liqeessitan san deebifittanii fudhachu'uuf ammoo, cubbamoonnin'llee cubbamootaaf ni liqeessan. 35 Isin garuu diinota keessan jaaladhaa! Waan mishaa'llee isaaniif raawwadhaa, harka keenna nutti fakkaata jettanii abddii uduu hin taasisin liqeessaa, kana yoo taasfttan gatiin keessan guddaa ni ta'a, ijoollee Waaqa Jiraata'aa'llee ni taatan, inni worra galata dhabeeyyi'ii fi hamaaleyyi'iif'llee uduu hin hafin arjja'a. 36 «Abbaan keessan ka sami'ii dhiifama taasisaa akkuma ta'e, isin'llee akkuma kana dhiifama taasfttoota ta'aa.» Kaaniin Irratti Murtteessuun Ka Hin Malle Ta'uu ( Mat 7:1-5 ) 37 «Eennuun irratti'llee hin murtteesinaa, isin irratti'llee hin murteeffamu, kaanniin hin ashinaa, isin'llee hin ashamittan, dhiifama taasisaa, isiniif'llee dhiifama ni taasfama, 38 kenna, isiniif'llee ni kennama, safarttuma ittiin safarttaniin akkuma kana isiniif'llee ni safarama, gonkumaa safarttuu misha'aan gad qabameetii fi gad tumamee, haga irraa hafutti safaramee, isiniif ni kennama.» 39 Itti aansee'llee Yesus fakkeenna kana isaanitti ni hime, «Jaamaan jaamaa eemaru'uuf ni danda'aa ree? Akka kana yoo raawwate ammoo lamaanuu wol qabatanii, boolla keessatti ni kufan. 40 Barataan barsiisaa isaa hin caalu, haa ta'u malee barataan barnnoota isaa haalaan yoo barate, akka barsiisaa isaa ni ta'a.» 41 «Gudeelcha ija tee keessa jiru uduu hin argin, waayee maali'iitiif huuba ija obboleessa keetii keessa jiru laaltta? 42 Akkuma kana guddeelcha ija kee keessa jiru uduu hin argin obboleessa keetiin, ‹yaa obboleessa kiyya, mee huuba ija tee keessa jiru si haa baasuu› jechu'uu attamitti dandeetta? Ati yaa fakkeessaa nana, durssiitii guddeelcha ija kee keessa jiru baasi, kanaan duubatti huuba ija obboleessa keetii keessa jiru baasu'uuf, qulqulleesitee laalu'uuf ni dandeetta.» Mukinni Firii Isaatiin Akka Beekkamu ( Mat 7:16-20 ; 12:33-35 ) 43 Mukinni mishaan firii badaa hin daraaru, akkuma kana mukinni badaan'llee firii mishaa hin daraaru. 44 Mukinni marrinuu firii isaatiin ni beekkama, qoree irraa firiin harbbu'uu hin guuramu, akkuma kana ximirroo qore'ee irraa firiin woyinni'ii hin guuramu. 45 Kanaaf naminni mishaan onnee isaa mishaa irraa, waan mishaa ni baasa, naminni hamaan'llee onnee isaa hamaa irraa waan hamaa ni baasa. Naminni ka afaan isaatiin dubbatu waanuma onnee isaa guutee irraa hafe. Dhagaa Siidaa Irratti Yookiin Cirracha Irratti Fakkeenna Manniin Ijaaramanii ( Mat 7:24-27 ) 46 «Waan ani isinitti himu hin raawwattan, eegaa, waayee maali'itiif yaa Gooftaa! Yaa Gooftaa! Jedha'aa ana waamitan? 47 Gara kiyya ka dhufuu fi dubbii kiyya'llee dhagayee ka raawwatu, eennuun akka fakkaatu isinitti haa himuu, 48 inni'llee gad fageennaan qotee mana isaa siidaa dhagaa jaba'aa irratti, mana hunddeefamee fakkaata, lolaan bishaanii'llee dhufee mana san ni dhiibe, garuu hunddee jabaa irratti waan ijaarameef, sochoosu'uunii hin dandeenne. 49 Dubbii kiyya dhagayee ka hin raawwanne garuu, hunddee mana isaa biyyee irratti nama ijaare fakkaata, lolaan bishaanii dhufee mana san yeroo dhiibeen bakkumatti ni kufe, kufaatiin isaa'llee haalaan ol aanaa ni ta'e.» |