Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Wongeela Luqaas 21 - Waadaa Haarawa


Kennaa Haadha Hiyyeessaa
( Mar 12:41-44 )

1 Yesus ol jedhee yoo laalu dureesonni kennaa isaanii sanduuqa kenna'aa keessa kennaa yoo buusan, ni arge.

2 Akkuma kana haati hiyyeessaa takka'llee, saantibii lamaa ka gayu qarshii meeta diima'aa, sanduuqa keessa yoo buufittu ni arge.

3 Akkana'llee ni jedhe, «Dhugamaan isiniin jedha, haati hiyyeessaa hiyyeettiin tun, maraa caalchifittee kennitee jirtti.

4 Isaan ka kennan qabeenna isaanii irraa ka hafe, isiin garuu hiyyeettii taatee uduu jirttu womaayyuu uduu hin hanbbisin, jirttu, waan qabddu maraa ni kennite.»


Waayee Diigamiinssa Mana Waaqeffanna'aa Raaga Yesusii
( Mat 24:1-2 ; Mar 13:1-2 )

5 Namoonni tokko tokko, «Manni Waaqeffanna'aa kun attami bareeda'a? Dhagaayyii gatiin isaa gudda'aatii fi kennaawwan Waaqaaf dhiyaataniin, bareedanii jiran» jedha'aa, ni haasayan ture.

6 Yesus garuu, «Kun ka argitan marrinuu dhagaan dhagaa irratti tuulamee yeroon itti hin hafinne ni dhufa, dhagaayyiin kunniin marrinuu guyyaa tokko, ni diigaman.»

7 Isaan'llee, «Yaa barsiisaa! Kun ka ta'u yoom? Kun yeroon itti ta'u dhiyaachuu isaa malkanni ittiin beekinnu maali'i?» jechu'uun, ni gaafataniin.


Dhufaatii Goofta'aatiin Duranatti Ari'atamuu fi Rakkinna Gayu
( Mat 24:3-14 ; Mar 13:3-13 )

8 Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Akka hin dogoggorreef ufi eeggadhaa! Baayi'eewwan, ‹ani Kristos! Kunoo, yeroon dhiyaatee jira!› jedha'aa, maqaa kiyyaan ni dhufan, isaan'llee hin horddofinaa.

9 Waayee woraanaatii fi waayee jeequmssaa yeroo dhageettanitti'llee hin nayinaa, durssee kun ta'uun isaa ni mala, haa ta'u malee muummeen, bakkumatti hin ta'u.»

10 Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, Ummanni ummata irratti, mootummaan mootummaa irratti ni ka'a.

11 Bakka maratti'llee sochiin cimaan arddi'ii, beelaa fi weerarissi dhibe'ee ni ta'a. Wonittoonni sodaachisaanii fi malkattoonni ol aanaan, sami'itti ni muldhatan.

12 Garuu kun marrinuu ta'u'uun duratti namoonni isin ni qaban, isin ni ari'an, gara bakka woligayi'iitii fi gara mana hidhaa'llee dabarsanii isin ni kennan, waayee maqaa kiyyaatiif'llee gara nugusotaatii fi gara bulchitootaa isin ni geessan.

13 Kun'llee waayee maqaa kiyyaa ragaa bayu'uuf, carraa mishaa isiniif ni ta'a.

14 Kanaaf waayee himannaa isin irratti dhiyaatu deebii kennitaniif sarddamuu akka hin qabnne, durssa'aatii hubadhaa.

15 Diinota keessan keessaa eennu'llee isa durana dhaabachuu yookiin isaan mormmuu ka hin danddeenne, afaanii fi ogummaa isaaf ni kenna.

16 Maatii keessan fi obboleeyyan keessan, firoonni keessan fi waaheloonni keessan uduu hin hafin dabarsanii isin ni kennan, isin keessaa'llee tokko tokko ni ajjeefaman.

17 Waayee maqaa kiyyaatiif'llee namoota mara biratti, ka jibbamttan ni taatan.

18 Garuu rifeenissa mataa keessan keessaa tokkochumaanuu hin baddu.

19 Obissa keessaniin lubbuu keessan ni fayyifattan jedhe.


Yesus Waayee Badiinssa Yerusaalemii Durssee Akka Dubbate
( Mat 24:15-21 ; Mar 13:14-19 )

20 Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Yerusaalem loltoota diinaatiin marffamtee yeroo argitanitti, badu'uuf akka dhiyaatte beekaa,

21 yeroo sanitti worri biyya Yihuda'aa jiran gara gaarotaa haa dheessan, magaalaa keessa worri jiran'llee achii haa bayan, magaala'aan ala worri jiran'llee gara magaalatti'ii titti, hin aseeniin.

22 Waayee badii kanaatiif raaginni barreeffame akka raawwatamuuf, kun yeroo halo'ootii fi yeroo adabbi'iiti.

23 Yeroo sanitti worra ulffaatii fi haawwotii harmma hoosisaniif uunsha'a! arddii irratti rakkinni ol aanaan ni ta'a, kanaan'llee ummata irratti, dallanisuun Waaqaa ni dhufa.

24 Isaan keessaa'llee baayi'eewwan billayaan ni ajjeefaman, kuunniin'llee booji'amanii gara biyya adda addaa ni fudhataman. Barri ummata Waaqaa dhuga'aa titti hin amannee haga raawwatamutti, Yerusaalem ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amaneetiin ta dhiitamtte ni taati.»


Deebi'ee Dhufiinssa Iima Namaa
( Mat 24:29-31 ; Mar 13:24-27 )

25 Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Adu'uu fi ji'a, urjjiiwwan irratti'llee malkanni maalale'ee ni mulidhatan, arddii mara irratti'llee ummattoonni marrinuu qoonqqa naasisaa garba ciisa'aa fi danbali'ii irraa ka'een sodaatanii ni sarddaman.

26 Biyya lafaa irratti waan dhufu eeggachu'uun namoonni soda'aan ni jeeqaman, yeroo sanitti huminoonni sami'ii ni raafaman,

27 kanaan duubatti'llee Ilmi Namaa huminna ol aana'aa fi ulfinnaan, duumessa irraan yoo dhufu, namoonni ni arganiin.

28 Kun marrinuu ta'uu yeroo jalaqabutti fayyinni keessan dhiyaatee jiraatii, ol jedha'aatii gara olii laalaa» jedhe.


Fakkeenna Muka Harbbu'uu Ka Dhufaatii Goofta'aa Muldhisuu
( Mat 24:32-35 ; Mar 13:28-31 )

29 Itti ansee'llee Yesus fakkeenna kana isaanitti ni hime, «Haala muka harbbu'uutii fi mukkiin kaanniin'llee hubadha'aatii, laalaa,

30 baalon isaanii yoo babayan yeroo argitanitti, bonni akka dhiyaate ni beekittan.

31 Bifa kanaan kun marrinuu ta'uu yoo jala qabeu yeroo argitanitti, Mootummaan Waaqaa dhufu'uuf dhiyaachuu isi'ii beekaa.»

32 «Dhugamaan isiniin jedha, kun marrinuu haga raawwatamutti, dhaloonni kun hin dabrru.

33 Sami'ii fi arddiin ni dabrran, dubbiin kiyya garuu hin dabrru» jedhe.


Waayee Dammaqanii Eeeggachu'uu

34 Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Baayi'inna nyaataatii fi dhugaati'iitiin, machi'iin baashayu'uu fi waayee jireennaa biyya lafaatiif sarddamu'uun'llee, onneen keessan akka hin hadoonneef, ufi eeggadhaa! Kana ta'uu yoo dhabaate garuu guyyaan sun akka siibo'oo titti, dimmaa isin ni qaba.

35 Guyyaan sun arddii irratti namoota arigaman maraa, dimmaa isaan ni qaba.

36 Kanaaf waan hamaa dhufu mara jalaayyuu bayu'uuf, huminna akka argatanii fi Ilma Namaa durana'llee dhaabachu'uuf akka dandeettan, kadhata'aa yeroo maraa jabaadhaa.»

37 Yesus guyyama guyya'aan Mana Waaqeffanna'aa titti ni barsiisa ture, yoo dhiitutti garuu gara Gaara Ejerssa jedhamuu irra baya'aa, ni bula ture.

38 Namoonni marrinuu Yesus yoo dubbatu dhageeffachu'uuf ganama obboro'oon, gara Mana Waaqeffanna'aa gara isaa ni dhaqan turan.

Lean sinn:



Sanasan