Wongeela Luqaas 11 - Waadaa HaarawaWaayee Kadhanna'aa ( Mat 6:9-13 ; 7:7-11 ) 1 Guyyaa tokko Yesus bakka tokkotti ni kadhataa ture, kadhannaan isaa'llee yeroo xumuretti barattoota isaa keessaa tokko, «Yaa Gooftaa! Yohaannis barattoota isaa kadhannaa akkuma barsiisee, ati'llee akka itti kadhannu nu barsiis!» jedheen. 2 Yesus'llee, «Yoo kadhattan akkana jedhaa isaaniin jedhe, ‹[samii ka jiraatu] yaa Abbaa keenna! maqaan kee Qulqulluu haa ta'u! mootummaan kee haa dhufittu! 3 Buddeena keenna ka guyyaa kanaa, guyyamaan nuuf kenni! 4 Akkuma nu worra nu miidhaniif dhiifama taasfinnu, balleesaa keenna nuuf dhiis. Gara qormaataatti'llee nu hin galchin› [hamaa jaalaa nu baasi malee.]» 5 Itti aansee'llee Yesus barattoota isaatiin akkana ni jedhe, «Fakkeennaaf isin keessaa tokko waahela qabaatee, waahelli isaa sun halkan qixxe'een garas gara mana waahela isaa dhaqee, ‹yaa waahela kiyya, yabo'oo buddeena sadihii naa liqeessi, 6 waahela kiyya ka ta'e naminni tokko karaa fago'oo natti dhufee, nyaata dhiyeessuuf womaa hin qabu!› yoo jedheen, 7 «Eegaa waahelli isaa sun mana keessaan ta'ee, ‹yabo'oo ana hin rakkisin! Balballi cufamee jira, ijoolleen tiyya'llee anaan woliin siree irra rafanii jiran, kanaaf ka'ee buddeena barbaadde si kennu'uuf hin danda'u› jedhaanii ree? 8 Yoma waayee waahelummaa isaatiif' ka'ee isaa kennu'uuf ka hin barbaadinii'llee, ka'ee waan isa barbaachisuun maraa ni kennaaf» isiniin jedha. 9 «Kanaaf ani'llee isiniin ka jedhu kana, kadhadhaa isiniif kennama, barbaadaa ni argattanii, cufantaa'llee dhadhayaa isinii banama, 10 ka kadhatu marrinuu ni fudhata, ka barbaadu'llee ni argata, cufantaa'llee ka dhadhayuu ni banamaaf.» 11 Isin irraa hoo yaa abbaa, ilmi isaa [qixxaa yoo kadhateen dhagaa ka kennuuf eennu?] qurxummii hoo yoo kadhateen bakka qurxummi'ii bofa ni kennaafii ree? 12 Yookiin killee yoo kadhateen, qaajjibbuu ni kennaafii ree? 13 Isin hamaaleyyii taatanii uduu jirttan ijoollee keessaniif waan mishaa kennu'uuf eega beekittan, samii ka jiraattu abbaan keessan ammoo worra amananiif, Hafuurri Qulqulluu attami caalissisee, isaanii hin kenninneef. Yesusii Fi Bi'el Zebul ( Mat 12:22-30 ; Mar 3:20-27 ) 14 Guyyaa tokko Yesus jinnii naminni akka hin dubbanne taasisu nama duudaa tokko keessaa ni baasa ture, jinniin yeroo keessaa bayetti'llee, namichi duudaan dubbachuu jala ni qabe, ummanni'llee waan kanaan haalaan ni maalale. 15 Tokko tokkoon isaanii garuu, «Jinnii ka baasuun itti gaafatamaa Jinniiwwanii ka ta'e, Bi'el Zebuliin» jedhan. 16 Kunniin ammoo isa qormmaatu'uuniif barbaadanii, sami'ii malikata tokko akka isaanitti muldhisuuf ni gaafataniin. 17 Yesus garuu yaada isaanii beekee akkana isaaniin ni jedhe, «Mootummaan tokko qoodamee ufii isaatii ka adda bayu yoo ta'e, mootummaan sun ni bada, akkuma kana maatiin tokko ufii isaatii ka qoodamu yoo ta'e ni kufa. 18 Kanaaf sheexanni ufii isaatii qoodamee gargar ka bayu yoo ta'e, mootummaan isaa attamitti jabaatee dhaabachu'uuf danda'aa? Isin garuu, ‹inni hafuurota ka baasu Bi'el Zebuliin› naan jettan. 19 Eegaa, ani jinni'iin Bi'el Zebuliin ka baasu yoo ta'e, ijoolleen teessan hoo maali'iin isaan baasan ree? kanaaf ijoolleen teessanuu isinitti ni murteessan. 20 Eegaa ani hafuurota huminna Waaqaatiin ka isaan baasu yoo ta'e, Mootummaan Waaqaa gara keessan dhufuu isi'ii beekaa.» 21 «Naminni jabaan tokko meeshaa woraanaa qabatee mana isaa ka eeggatu yoo ta'e, qabeenni isaa akka ta'utti ni eegamaaf. 22 Garuu ka isa caalu naminni jabaan dhufee isa yoo injifateen, meeshaa woraanaa ka inni ittiin ufi dhaadan irraa ni fudhatama, qabeenna isaa mara'llee saamee ni qooda.» 23 «Ka anaan woliin hin ta'in marrinuu naan ni morma, ka ana woliin'llee wolitti hin qabanne, ni bittineessa.» Deebi'ee Gara Namaa Aseenuu Hafuura Batti'ii ( Mat 12:43-45 ) 24 «Hafuurri battiin nama keessaa yeroo bayetti bakka itti boqatu barbaadu'uun, bishaan bakka hin jirre lafa gogeetii mara keessa ni naanaya, bakka itti boqatu yoo dhabe garuu ‹gara dhufetti deebi'ee haa deemuu› ni jedha. 25 Deebi'ee yoo dhufutti'llee qulqullaayeetii fi qophaayee, ni argataan. 26 Kanaan duubatti deemee isa caala'atti worra hammaatan kaanniin, hafuurota torbaa qabatee ni dhufa, mana duraan inni keessa turetti'llee galanii achi'llee ni jiraatan, haalli muumme'ee ka nama sanii'llee, ka jalqabaa irra ka hammaate ni ta'a.» Eebba Dhuga'aa 27 Yesus kana yeroo dubbatutti dubarttiin takka ummataa jiddu'uu qoonqqa isi'ii ol fudhattee, «Haati si deettee hoosftte ta eebbifamitte» jette. 28 Yesus garuu, «Isaan ka eebbifaman ammoo dubbii Waaqaa dhagayanii, hujii irra worra oolichan» isi'iin jedhe. Malikatummaa Yoonaasii ( Mat 12:38-42 ) 29 Namoonni baayi'een gara isaa dhufanii yeroo wolgayanitti Yesus akkana ni jedhe, «Dhaloonni kun dhaloota hama'a, malikata argu'uuf ni barbaada, garuu malikata nabiyyicha Yoonaasii malee malkanni bira'aa, hin kennamuuf. 30 Nabiyyichi Yoonaas namoota magaalaa Nanawwe'eetiif malikata akkuma ture akkuma kana Ilmi Namaa'llee dhaloota kanaaf malikata ni ta'a. 31 Mootittiin kibbaa guyyaa murti'ii titti dhaloota kanaan woliin kaatee isa irratti ni murtteesiti, isin'llee ogummaa Solomoonii dhagayu'uuf daangaa biyya lafaatii dhufittee jirtti, garuu kunoo, ka Solomooniin caalu asi ni jira. 32 Akkuma kana namoonni magaalaa Naanayee guyyaa murti'ii titti dhaloota kana woliin ka'anii isa irratti ni murtteessan, namoonni Naanayee lallaba Yoonaasii yeroo dhagayanitti, cubbuu isaaniitiin gaabbanii gara Waaqaa titti deebi'anii jiran, garuu kunoo, ka Yoonaasiin caalu asi ni jira.» Ibissaa Qaamaa ( Mat 5:15 ; 6:22-23 ) 33 Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Ibisaa ibisee bakka dhossa'aa ka kaayu, yookiin ginddoo ka itti gonbbisu eennu'llee hin jiru, kana irra namoonni gara keessaa yoo aseenan akka isaatti muldhatutti, ol fageessanii baattuu ibisa'aa irra ni kaayaan. 34 Ibisaan qaama keetii ija teetti, ijji tee fayyaalettii yoo ta'e qaaminni kee guutuun ka ifaan guuttame ni ta'a, ijji tee dhukkubisataa yoo ta'e garuu, qaaminni kee guutuun dukkana ni ta'a. 35 Kanaaf ifin si keessa jiru dukkana akka hin taaneef, ufi eeggadhu. 36 Eegaa qaaminni kee guutuun dukkanni woyiituu uduu itti hin jiraatin ifaan ka guuttame yoo ta'e, garri ati qabddu marrinuu akka waan ibisaan ifa isaa si'iif caaralluu titti, ifa guddaa ni ta'a.» Fariisotaa Fi Barsiisonni Seera Balaalffatamuu Isaanii ( Mat 23:1-36 ; Mar 12:38-40 ) 37 Yesus kana yeroo dubbatutti Farisichi tokko laaqana ni afeereen, gara mana Farsichaa'llee aseenee laaqana nyaachu'uuf gara qori'ii ni dhiyaate. 38 Yesus'llee laaqana nyaachu'uun duranatti harka isaa waan hin miicatniif, Farisichi ni maalalffate. 39 Kanaaf Gooftaan Yesus akkana ni jedheen, «Isin Fariisonni duuba kubbaaya'aatii fi qori'ii'llee qulqulleesitanii ni miican, keessa keessantti garuu saamichaa fi hammeenni, isinitti guutee jira. 40 Isin yaa gowwoota! Waaqinni ka duubanaa uume, ka keessaa hoo hin uuminne moo? 41 Burcuqqo'oo fi qorii keessan keessa waan jiru hiyyeesotaaf kennaa, kanaan duubatti wonitti marrinuu qulqulluu isiniif ni ta'a.» 42 Isin Fariisonni isinii uunsha'a! Gara tokkoon amssuuda'aa fi sunkurttaa keessaa'llee, biqilttoota adda addaa didiqqoo irraa'llee kudhan keessaa harka tokko ni baafittan, gara bira'aatiin garuu murtii sirri'iitii fi jaalala Waaqaa ni dhiifittan, san yoo raawwattan kana'llee dhiisuun isin irra hin jiru ture. 43 Isin Fariisonni isinii uunsha'a! Bakka wolgayi'ii keessa barcumaa ulfinnaa irra taa'uu ni jaalatan, akkuma kana bakka yaa'ii'iitii fi bakka gabaya'aa titti, akka naminni marri gad jedhee nagaya isin gaafatuuf, ni barbaadan. 44 Namoonni uduu hin beekin malikata ittiin deeman awwaalli hin qabnne waan fakkaataniif, isinii uunsha'a! 45 Barsiisota seeraa keessaa tokko Yesusiin, «Yaa barsiisaa, kana yoo jettu nu'llee arrabissuu keeti bee!» jedheen. 46 Yesus'llee akkana ni jedhe, «Isin'llee barsiisonni seeraa isinii uunsha'a! Nama irratti fe'aa ulffaataa ni feetan, isin garuu ba'aa harkaanuu hin tuxxaniin. 47 «Akkuma kana nabiyyoota abbootiin keessan ajjeesaniif, awwaallan isaanii bareechisu'uun ka hojjattan waan taataniif isiinii uunsha'a! 48 Eegaa nabiyyoota abbootiin keessan isaan ajjeesaniif awwaala isaanii hojjachiisuu keessaniin isin hirmmaattotaa hujii hamaa isaaniitiif isin ragoota.» 49 Sababaa kanaan'llee ogummaan Waaqaa akkana ni jetti, nabiyyootaa fi ergamittoota'llee gara isaanii ni erga, tokko tokko isaanii ni ajjeesan, worra hafan'llee ni ari'atan, 50 Biyyi lafaa yeroo uumamittee jala qabee dhiiga jige ka nabiyyootaatiif, dhaloonni kun murti'iin itti ni gaafatama. 51 Dhugamaanuu isinitti hima, Abeeliin irraa jala qabee furddaa fi Mana Waaqeffanna'aa jiddu'utti haga ka ajjeefame haga Zakaariyaasii titti, waayee dhiiga jigeetiif dhaloonni kun murti'iin itti ni gaafatama. 52 «Isin barsiisonni seeraa isinii uunsha'a! Furttuu balbala beekkomisaa ka ta'e furttuu dhuga'aa qabatanii jirttan, garuu isin mataan keessanuu hin aseenne, aseennuu worra barbaadan'llee akka hin aseenne ni dhoogitan.» 53 Yesus bakka sanii deemu'uuf yeroo ka'etti, barsiisonni seeraatii fi worri Fariisotaa'llee isa mormmu'uu fi gaafii baayi'ee'llee, dhiyeessu'uufii jala ni qaban, 54 kana'llee ka taasisaniif haasayuma isaatiin, isa qabu'uuf barbaadaniiti. |