Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Wongeela Luqaas 10 - Waadaa Haarawa


Yesus Wongeela Akka Barsiisaniif Ergamittoota Torbaatamii Lamaa Erguu Isaa

1 Kanaan duubatti Gooftaan kaanniin namoota torbaatamii lama ni file, inni'llee gara deemu'uuf yaade gara magaala'aa durssanii akka deemaniif, lama lama taasisee isaan ni erge.

2 Akkana'llee isaaniin ni jedhe, «Kunoo, callaan baayi'e'ee, hojjattoonni calla'aa garuu isaan muraasonni, kanaaf Gooftaan calla'aa hujii calla'aatiif hojjattoota dabalataa akka ergu, kadhadha'aanii.»

3 Eegaa deemaa, kunoo akka hoolotaa yayyiiwwan jidduu isin ni erga,

4 karaa keessaniif'llee womaayyuu hin qabatinaa, korojoo qarshii'llee yoo ta'e, qaraciitii'llee yoo ta'e, kophee'llee yoo ta'e hin qabatinaa, namaan woliin nagaya wol gaafachu'uun karaa irra dhaabatanii, yeroo hin balleesinaa.

5 Mana aseentan marattuu durssa'aatii, nageenni mana kanaaf haa ta'u jedhaa,

6 Naminni nagayaa jaalataan mana kana keessa yoo jiraate nageenni keessan isa irra ni bula, yoo ta'uu dhabaate ammoo, nageenni keessan gara keessan ni deebi'a.

7 Hojjata'aaf mindaan ni mala, kanaaf mana aseenttanitti waanuma isiniif dhiyeessan nyaata'aatii fi dhuga'aa turaa, manaa gara mana bira'aa'llee hin deeminaa.

8 Gara magaalaa kamiituu yoo aseentanii fi namoonni'llee yoo ufitti isin fudhatan, waanuma isiniif dhiyeessan nyaadhaa.

9 Dhukkubisattoota magaalaa sanitti argaman'llee fayyisaa, ummataan'llee, Mootummaan Waaqaa gara keessan dhiiyaattee jirtti jedha'aa, dubbadhaa.

10 Garuu gara magaalaa kamiituu yoo aseentan namoonni ka isin ufitti fudhatan yoo taate, gara bakka yaa'ii magaala'aa baya'aatii, akkana isaaniin jedhaa,

11 Kunoo, awwaaruma miila keenna irra jiru ka magaalaa keessanii'llee ni dhadhawanna, garuu Mootummaan Waaqaa gara keessan akka dhiyaate beekaa.

12 Guyyaa murti'ii magaalattii kana irra, magaalaa Sadoomiitiif adabbiin ni diqqaataaf, isiniin ni jedha.


Amanuu Dhabuu Isaaniitiin Magaalota Balaaleffataman
( Mat 11:20-24 )

13 Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Si uunsha'a Koraazii! Si uunsha'a Betsayidaa! Baasonni isin keessatti taasfaman, Xiiroosii fi Sidoona'atti taasfamanii uduu jiraataniitii, namoonni achi ni jiraatan turan uffata isaanii ka gaddaa uffataniitii fi daaraa irra ta'anii, duraanuu gara Waaqaa ni deebi'an turan.

14 Kanaaf guyyaa murti'ii titti isin irra Xiiroosii fi Sidoona'aa adabbiin isaanii ni salphata.

15 Ati'llee Qifirnaahoom! Haga sami'ii titti ol jechu'uuf barbaaddee jirta? Eegaa gara siioolii ni buuta.»

16 Deebi'ee'llee Yesus barattoota isaatiin, «Ka isin dhagayu ana ni dhagaya, isin ufitti ka hin fudhanne ana ufitti hin fudhatu, ka ana ufitti hin fudhanne'llee ka ana erge hin fudhatu» isaaniin ni jedhe.


Ergamittoonni Torbaatamii Lamaan Bakka Itti Ergamanii Deebi'anii Dhufuu Isaanii

17 Ergamittoonni torbaatamii lamaanuu bakka itti ergamanii gammachu'uun deebi'anii ni dhufan, gara Yesusii'llee dhiyaatanii, «Yaa Gooftaa! Maqaa keetiin hafuuronni nuuf ajajamanii jiran» jedhaniin.

18 Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Sheexanni akka bakakka'aa titti darbamee sami'ii yoo bu'u ni argeen,

19 kunoo! Boofaa fi qaajjibbuu irra akka ijjattaniif, huminna diinaa mara'llee akka dandeettaniif, aangoo isinii kennee jira, wonitti isin miidhu tokkoo hin jiru.

20 Garuu maqaan keessan galmmee sami'ii titti waan barreeffameef gammadaa malee, hafuuronni waan isiniif ajajamaniif, hin gammadinaa.»


Yesus Gammachuu Isaa Akka Ibisse
( Mat 11:25-27 ; 13:16-17 )

21 Yeroo sanitti Yesus Hafuura Qulqullicha isaatiin gammadee akkana ni jedhe, «Gooftaa sami'ii fi arddi'ii yaa Abbaa! Waan kana ogeessotaa fi beekitotaa jalaa dhossitee, worra hin baratinii waan ibisiteef si galateeffadha, ee yaa Abbaa, kana raawwachu'uuf fedhii kee mishaan ta'ee jira.

22 «Wonitti marrinuu Abbaa kiyya irraa naaf kennamee jira, Ilmi eennuun akka ta'e Waaqa Abbaa malee eennu'llee ka beeku hin jiru, akkuma kanaan Waaqinni Abbaan eennuun ta'uu isaa Ilma malee yookiin Ilmi isaa ibisu'uuf nama eeyyamuuf malee, ka bira'aa eennu'llee ka beeku hin jiru.»

23 Itti aansee'llee Yesus gara barattoota isaa deebi'eeti, addatti akkana isaaniin ni jedhe, «Waan isin argitan kana ka argan, isaan ka eebbifaman.

24 Dhugamaattuu nabiyyoonni baayi'ee fi nugusonni'llee waan isin argitan kana argu'uuf hawwanii turan, garuu isaan hin argine, waan isin dhageettan kana'llee dhagayu'uuf hawwanii turan, garuu hin dhageenne» isaaniin jedhe.


Samaariyicha Gara laafessa

25 Guyyaa tokko barsiisaan seeraa tokko gara Yesusii ni dhufe, isa qormaatu'uf'llee barbaadee, «Yaa barsiisaa! Jireenna bara baraa argachu'uuf maal raawwachu'utu narra mala?» jechu'uun, ni gaafateen.

26 Yesus'llee, «Seera keessatti maaltu barreeffamee jira? Dubbiffittee attamitti hubattan?» jedheen.

27 Namichi'llee, «Seerri ammoo ‹Waaqa kee Gooftaa onnee tee Qulqullu'uun, lubbuu tee muda maleetti'iin, huminna kee muda maleessaa fi yaada kee muda maleessaan jaaladhu!› Akkuma kana, ‹ollaa kee akka mataa keetii taasisii jaaladhu!› jedha» ni jedheen.

28 Yesus'llee, «Qajeelatti deebifittee jirta, eegaa ati'llee kana raawwadhu! Jireenna bara baraa'llee ni argatta» jedheen.

29 Barsiisaan seeraa garuu mataa isaa qulqullaawota fakkeessu'uuf barbaadee, «Haa ta'u malee waahelli kiyya eennu?» jechu'uun, ni gaafateen.

30 Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Naminni tokko Yerusaalemii gara Iyaariko'oo yoo bu'u karaa irra uduu jiru saamttonni isa argatanii uffata isaa irraa ni mulqatan, eega dhaananiiniin duubatti'llee du'aa fi yeroo dhidhiitatutti, dhiisanii ni deeman.

31 Akka tasaa qeesichi tokko karaa saniin ni deema ture, nama dhaanamee gatame yeroo argeenitti, womaayuu uduu isa hin garggaariniin gara bira'aatiin dabrree ni deeme.

32 Akkuma kana leewichi tokko'llee karaa saniin ni deema ture, inni'llee namicha yeroo argetti womaayuu uduu hin raawwatiniif, karaa bira'aatiin bira dabrree ni deeme.

33 Namichi Samaariyaa tokko garuu karaa saniin yoo dabrru gara namichaa ni dhufe, yeroo isa argetti'llee garaa ni laafeef,

34 Gara isaa'llee dhiyaatee zayiitii fi daadhii woyinni'ii madaa isaa irratti ni jisse, subbe'een'llee maree ni hidheef, kanaan duubbatti harree mataa isaa yaabbachiisee, gara mana keessummoonni bulanii tokko ni fideen, achitti'llee ufi eeggannaa addaatiin ni kunuunseen,

35 Guyyaa itti aanutti'llee dinaara lamaa baasee abbaa mana keessummoonni bulaniitiif kenneeti, ‹nama kana ufi eegganna'aan naa dhukkubsachiisiin, baasii dabalataa yoo baaftte'llee yeroo deebi'utti, si ni kafala› jedheen.»

36 «Eegaa, namoota sadiin kanniin keessaa, saamtotaan dhaanamee nama kufeef, waahela ka ta'eef kamiin sitti fakkaata?»

37 Barsiisaan seeraa'llee, «Ka garaa isaa laafe sanii fi ka isa gargaareen san» jechu'uun, ni deebiseef. Yesus'llee, «Eegasuu deemi, ati'llee akkuma kana raawwadhu!» jedheen.


Yesus Mana Maarita'aaf Maariyaamii Titti

38 Yesus barattoota isaa woliin karaa itti fufee gara ganda tokkoo ni gaye, achitti'llee Maaritaa ta jedhamttu dubarttiin takka, mana isi'ii titti ufitti ni fudhatteen,

39 isin'llee obboleettii Maariyaam jedhamttu qabddi ture, Maariyamiin tun'llee miila Yesusii jala teettee, barsiisa isaa ni dhageefatti ture.

40 Maaritaan garuu nyaataa qopheesu'uun akka cimaa ta'e ni dadhabiddi ture, kanaaf gara Yesusii dhiyaattee, «Yaa Gooftaa! Obboleettiin tiyya tun hujii maraa anumatti dhiiftee, adda kiyya yoo dadhabu uduu argitu, ni caldhifttaa? Yabo'oo akka ana gargaartuuf itti himi!» ni jetteen.

41 Gooftaan Yesus garuu akkana jechu'uun ni deebiseef, «Maaritaa, Maaritaa, ati waan baayi'een ni sarddamtta, ni jeeqamtta'lle'e,

42 garuu wonitti barbaadamaan waan tokko qofa, Maariyaam waan fooyyaye filattee jirtti, isa'llee ka isii irraa fudhatu eennu'llee hin jiru.»

Lean sinn:



Sanasan