Wongeela Luqaas 1 - Waadaa Haarawa1 Ka kabajamitte yaa Tewofilos, Wonittoota nu jiddu'utti raawwataman seenaa ibisu, asiin durana baayi'eewwn barreessanii jiran. 2 Ergaa kana nuuf worri dabarssan, jalqabumaa kaasee ragoota ijaan arganii fi tajaajilttoota dubbii isaa worra turan. 3 Akkuma kana ani jalqabumaa kaasee, waan maraa ufi eegganna'aan eega qoradheen duubatti, seenaa isaa tartiibaan siif barreessuun, mishaa ta'ee isaa ni argadheen. 4 Kana'llee raawwachuun kiyya'llee, dhugummaa barnnoota barattee, akka ta'utti akka hubattuuf jedheeti. Dhalachuu Yohaannisii Cuupha'aa Maleyikkichi Gabri'eel Durssee Dubbachuu Isaa 5 Heerodis arddii Yihuda'aa titti nugusa yeroo turetti, kutaa qeesummaa Abiya'aatii ka ta'e, Zakaariyaas qeesicha jedhamutu jira ture. Inni'llee fiixaa Aroonii keessaa ka dhalattu haadha worraa, Elsaabex ta jedhamttu qaba ture. 6 Lamaanuu Waaqa duranatti qulqullaayota ni turan, ajajaa fi naamusa Goofta'aa'llee ashaa malee ni eeggan turan. 7 Elsaabex dhabidduu waan turtteef finna hin qaban ture, akkuma kana lamaanuu haalaan jaaranii jiran ture. 8 Yeroo sanitti gareen tajaajila qeesummaa Zakaariyaas, tajaajila Mana Waaqaatiif worra kore'ee ni ture, kanaaf inni Waaqa duranatti tajaajila qeesummaa isaa raawwachuu irra ni ture. 9 Akka hujimaata qeesotaa ka baratamee titti, gara Mana Gooftaa ka Waaqeffanna'aa aseenee ixaana aarssu'uuf, carraan ni gayeen. 10 Mana Waaqeffanna'aa keessatti'llee ixaanni yeroo aarffamutti, ummanni marrinuu ala dhaabatanii ni kadhatan turan. 11 Maleeyikkaan Goofta'aa furdda ixaanni itti aarffamu gara mirgaatiin dhaabatee, Zakaariyaasitti ni mulidhate. 12 Zakaariyaas'llee maleyikkicha yeroo argetti, nayee soda'aan ni liqimffame. 13 Maleeyikkichi garuu akkana ni jedheen, «Yaa Zakaariyaas! Hin sodaatiin! Kadhannaan kee siif dhagayamee jira, haati worraa kee Elsaabex ilma dhiiraa siif ni deetti, maqaa isaa'llee Yohaannis jettee ni waamitaan. 14 Dhalachuun isaa siif waan misha'aa fi gammachuu isiniif ni ta'a, baayi'eewwan'llee dhalachuu isaatiin akkuma kana, ni gammadan. 15 Inni'llee Gooftaa duranatti hangafa ni ta'a, daadhii woyyinni'iitii fi ka bira'aa'llee dhugaatii nama macheessu hin dhugu, uduma gadaamessaa haadhaa keessa jiru Hafuura Qulqullu'uun ka guuttame ni ta'a. 16 Inni'llee ummata Israa'eelii keessaa baayi'eewwan gara Waaqa Gooftaa isaanii isaan ni deebisa, 17 akkuma nabiyyicha Eliyaasii hafuuraa fi huminnaan ta'ee inni onnee abbootii gara ijoollee isaanii, onnee namoota hin ajajamnne'llee gara ogummaa ququllaawotaa titti ni deebisa, ummata'llee dammaqissu'uun Goofta'aaf akka qophaayan isaan ni taasisa.» 18 Zakaariyaas garuu Maleyikkichaan, «Wonitti kun dhugaa ta'uu isaa maali'iin beeka? Ani jaaree jira, haati worraa tiyya'llee umri'iin ufi durana deemitee jirtti» jedheen. 19 Maleeyikichi'llee akkana jedhu'uun ni deebiseef, «Ani Waaqa durana ka dhaabadhu Gabri'eel, oduu gammachu'uu kana akka sitti himuuf, Waaqa biraa ergamee dhufee jira. 20 Ati garuu yeroon yoo gayutti dubbii kiyya ka raawwatamu hin amanne, kanaaf wonitti sitti hime kun marrinuu haga raawwatamutti duudaa ni taata, dubachuu'llee hin dandeettu.» 21 Yeroo kanatti namoonni Zakaariyaasiin ni eeganiin ture, Mana Waaqeffanna'aa keessatti'llee waan isaan irraa tureef, ni maalaliffatan. 22 Zakaariyaas Mana Waaqeffanna'aatii yeroo bayetti, namootaan woliin haasayu'uuf hin dandeenne, kanaaf isaan Mana Waaqeffanna'aa keessatti mulidhanni ka isatti mulidhate ta'uu ni beekan, inni'llee harkaan akeeka'aa isaan ni hubachiisa ture. Haala kanaan'llee duudaa ta'ee ni ture. 23 Yeroo tajaajila isaa'llee eega raawwatameen duubatti Zakaariyaas gara mana isaa, ni deeme. 24 Yeroo muraasaan duubatti'llee haati worraa isaa Elsaabex ni ulfooftte, ji'a shanii mana isi'ii keessatti dhokattee ni turtte, akkana'llee ni jette, 25 «Gooftaan waan mishaa kana naaf raawwatee jira namoota jiddu'utti ashaa ni qaba ture'llee, naaf dhabamisiisee jira» jette. Dhalachuu Yesusii Maleyikkichi Gabri'eel Dubbachuu Isaa 26 Elsaabex ulfoofttee ji'a jahaffaa titti malayikichi Gabri'eel arddii Galiila'aa titti gara magaalaa argamtu ta Naazireet jedhamtuu titti, Waaqaan biraa ni ergame. 27 Ka ergame'llee fiixaa Daawiitii keessaa gara ka ta'e Yooseef nama jedhamu, gara ta qaadhimammittee gara durbba duudaa takkaa ture, maqaan durbba duudaa tanaa'llee Mariyaam ture. 28 Maleeyikkichi'llee gara isi'ii dhufee, «Ati kennaa isaa ka bilisaatiin ta guuttamtte, nageenni si'iif haa ta'u! Gooftaan si woliin jira, [Ati dubarttoota jiddu'uu ta eebbifamtte]» isi'iin jedhe. 29 Isiin'llee haasaya maleyikkichaatiin haalaan naatee, «Kun nagaya attamii ta'inna?» jettee, ni yaadde. 30 Maleeyikichi'llee akkana ni jedheen, «Yaa Mariyaam! Waaqa duranatti gaachena argattee jirtaatii hin sodaatin, 31 kunoo! ni ulfooftta, Ilma dhiira'llee ni deetta, maqaa isaa'llee Yesus jettaan. 32 Inni Ol Aanaa ni ta'a, Ilma Waaqa Ol Aana'aa'llee ni jedhama, Gooftaan Waaqinni'llee teessoo abbaa isaa Daawiitii ni kennaaf. 33 Israa'eeliin irratti'llee bara baraaf nugusa ta'a, Mootummaa isaatiif'llee muummee hin qabu.» 34 Maariyaam'llee maleeyikkichaan, «Ani durbba duuda'a, eegaa, wonitti kun attamitti ta'uu danda'a ree?» jetteen. 35 Maleeyikkichi'llee akkana jechu'uun ni deebise, «Hafuurri Qulqulluun gara kee ni dhufa, humnniti Waaqa Ol Aana'aa'llee si irra ni ta'a, kanaaf daai'minni si irraa dhalatu'llee Qulqullu'u, Ilma Waaqaa ni jedhama. 36 Firittittiin tee Elsaabexilee dhabidduu jedhama'aa jiraattee amma gara jaaruma isi'ii titti, ilma dhiiraa ulfoofttee jirtti, haga ulfooftte'llee kunoo ji'a jahaffaa isi'iiti. 37 Waaqaaf wonitti isa dhibu hin jiru.» 38 Kanaan duubatti Maariyaam, «Kunoo! Ani tajaajilttuu Goofta'aati, akkuma ati jette naaf haa ta'u» jetteen. Yeroo kanatti maleyikkichi isii biraa fooyamee ni lixe. Maariyaam Elsaabeexiin Laaluu Isi'ii 39 Yeroo sanitti Maariyam gara magaalaa biyya Yihuda'aa ta gaaraa jirttuu, dadafaan kaatee ni deemtte. 40 Gara mana Zakaariyaasii'llee aseenttee, Elsaabexiin nagaya ni gaafatteen. 41 Elsaabex qooniqqa nagaya Maariyaamii yeroo dhageettetti, daa'immnni gadaamessaa isi'ii keessa ture ni utaale. Elsaabex'llee Hafuura Qulqullu'uun guuttamttee, 42 qooniqqa isi'ii'llee ol fudhattee akkana ni jette, «Ati dubarttoota jiddu'uu ta eebifamtte, ka si irraa dhalatu'llee ka eebbifame. 43 Haati Gooftaa kiyyaa ana laalu'uuf dhufuun isi'ii, anaaf ulfinna ol aanaa attamiiti, 44 uduma qoonqqa gaafii nagaya keetii dhagaya'aa jirutti, daai'mnni gadaamessaa kiyya keessa jiru, gammachu'uun ni utaale. 45 Ati Gooftaan waan dubbate maraa ka raawwatu ta'uu isaa amanuu keetiin, attam ta eebbifamitte!» Kadhannaa Maariyaamii Ka Galataa 46 Maariyaam'llee akkana ni jette, «Lubbuun kiyyaa Gooftaa ni galateeffatti, 47 hafuurri kiyya'llee Waaqa qoricha kiyyaan ni gammaddi, 48 Waaqinni ana tajaajilttuu gad aanttuu laalee jiraatii, Adhaa jala qabee dhaloonni marrinuu, ati ta eebbifamitte naan jedhan, 49 Waaqinni Ol Aanaan wonittoota guguddoo naaf raawwatee jiraatii. Maqaan isaa'llee Qulqullu'u. 50 Waaqinni namoota isa sodaatan maraaf, dhalootaa haga dhalootaa titti, dhiifama ni taasisa. 51 Ciqilee isaa cima'aan huminna isaa muldhisee jira, ufi tuulttota'llee yaada isaanii woliin isaan bittinneessee jira, 52 Bulchitoota ol aanttota teessoowwan isaanii irraa, isaan buusee jira, gad aantota garuu ulfinnaan, ol isaan qabee jira. 53 Worra beelayan waan misha'aan isaan quubssee jira, dureeyyii garuu harka duwwaa isaan geegessee jira. 54 Abrahaamii fi fiixaa isaatii bara baraan, dhiifama isaaniif mulidhise yaadachu'uun, Tajaajilaa isaa Israa'eelii gargaareenii jira. 55 Kana'llee ka raawwate abbootii teenna ta duraatiif, dubbii kenne ta abddi'ii raawwachu'uuf.» 56 Mariyaam'llee Elsaabexiin woliin ji'a sadihiif eega turtteen duubatti, gara mana isi'ii deebitee ni deemitte. Dhalachuu Yohaannisii Cuupha'aa 57 Elsaabex yeroon dayiinssa isi'ii gayeeti, ilma dhiiraa ni deette. 58 Olloonni isi'iitii fi firoonni isi'ii marrinuu Gooftaan dhiifama ol aanaa isi'ii akka taasiseef dhagayanii, isii woliin ni gammadan. 59 Daai'mnni dhalatee guyyaa saddeetaffaa titti, naamusa gadoomaa daa'imaa irratti argamu'uuf, olloonni isi'iitii fi firoonni isi'ii wol gayanii ni dhufan, maqaa abba'aatiin Zakaariyaas jedhanii isa waamu'uuf barbaadanii turan, 60 haati garuu, «Akkana hin ta'u, maqaan isaa Yohaannis» jette. 61 Isaan'llee, «Maatii kee keessaa maqaa kanaan ka waamame eennu'llee, hin jiruu?» isi'iin jedhan. 62 Kanaan duubatti abbaa isaatiin, «Ilmi kee eennu jedhamee akka waamamuuf barbaadda?» jedhanii, malikataan ni gaafataniin. 63 Zakaariyaas'llee waan barreessaniin akka kennaniif gaafatee, «Maqaan isaa Yohaannis» jedhee ni barreesse, marrinuu waan kanaan ni maalaliffatan. 64 Yeroma sanitti Zakaariyaas arrabinni isaa hiikkamee dubbachu'uuf ni danda'e, Waaqa'llee galateeffachuu jala ni qabe. 65 Kana irraa kan ka'een olloota isaanii mara irrattuu, sodaan ni bule, oduun'llee lafa gaara biyya Yihuda'aa maratti, ni dhagayame. 66 Waan kana ka dhagayan marrinuu, «Daai'minni kun maal ta'uuf danda'a?» jedha'aa, wol ni gaafatan ture. Kun'llee ka ta'eef gargaarissi Waaqaa, dhugamaanuu isaan woliin waan jiruuf. Raaga Zakaariyaas Dubbate 67 Abbaan daa'imaa Zakaariyaas'llee Hafuura Qulqullu'uun guuttamee, akkana jechu'uun raaga ni dubbate, 68 «Ummata isaa dhiifamaan waan laalee fi waan isaan fayyiseef, Waaqinni Israa'eelii Gooftaan, haa galateeffamu! 69 Fiixaa Daawiitii tajaajila'a keessaa, Fayyisaa ol aanaa kaasee jiraatii, 70 bara durii irraa jalqabee akkuma afaan nabiyyoota Qulqullaawota isaatiin dubbatetti, 71 harka diinota keennaatii fi himattoota keennaatii, nu fayyisee jira, 72 kana'llee taasisuun isaa abbootii keennaaf dhiifama akka taasisuu fi ka dubbate waadaa dubbii isaa Qulqullu'uu'llee akka raawwatu yaadu'uun. 73 Waadaa kana'llee, kaku'uun ka kenne abbaa keenna Abrahaamiif ture, 74 dubbiin abddii isaa'llee harka diinota keennaatii bilisa baanee, sodaa malee, akka isa tajajilluuf, 75 akkuma kana bara jireenna keennaa marattuu, Waaqa duranatti Qulqullumma'aa fi qulqullaayomnna, jiraachuu akka dandeennuuf. 76 Deebi'ee'llee ati daa'ima nana, nabiyyicha Waaqa Jiraata'aa ni jedhamtta. Karaa isaa'llee qopheessu'uuf dursitee Gooftaa duranatti, ni deemitta. 77 Gooftaan'llee cubbuu isaaniitiif dhiifama taasisu'uun, beekkomissa fayyinnaa isaanii ni kenna. 78 Waaqinni keenna dhiifamaa taasisa'aa fi gara laafessa waan ta'eef ifin fayyinnaa gara oliitii, akka nuuf ifu ni taasisa. 79 Inni worra dukkanaa fi gaadisa du'aa jala jiran maraafuu ni ibisa, tarkaaniffii keenna'llee gara karaa nagayaa titti, ni eemara.» 80 Daai'mnni'llee guddate, hafuuran'llee ni jabaate, haga yeroo ummata Israa'eelii titti muldhatee titti'llee, gammoojjii ni jiraate. |