Mudhata Yohaannisii 3 - Waadaa Haarawa(5) Woldaya Amantii Saardeesii 1 Maleyikkaa woldaya amanti'ii ka Saardeesiitiif akkana jedhii barreessi, Kun Hafuuronni torbban Waaqaatii fi urjjiiwwan torbban ka qabate irraa ka dubbatame, hujii kee ni beeka, maqaa keetiin jiraata'a, garuu duutee jirta. 2 Dammaqi, du'u'uuf ka dhiyaatee fi huminna tee shiikkoo si hafitte jirttu jabeessi, Waaqa kiyya duranatti hujiin kee muda maleessa ta'ee hin arganneen. 3 Eegaa barsiisa attamii akka fudhattee fi akka dhageette yaadadhu, eeggadhuun'lle'e, dhiifamaan'llee gara Waaqaa deebi'i, dammaquu yoo dhabaatte garuu akka hattu'uu dimmaa si'itti ni dhufa, saa'aatii kamittu gara kee akka dhufu hin beekittu. 4 Garuu uffata isaanii ka hin batteessin Sardees keessa namoonni muraafnni si'iin woliin ni jiran, isaan uffata adii uffachuun ka isaaniin malu waan ta'aniif, uffata adii uffatanii anaan woliin ni deeman. 5 Injifatee ka moo'u akkuma isaanii uffata adii ni uffata, maqaa isaanii'llee Abbaa kiyyaa fi maleyikkoota isaa duranatti ni beekisisaaf, maqaan worra jiraattotaa itti galmeeffamu kitaaba jireennaa irraa isa hin dhabamsiisuun. 6 Hafuurri woldayoota amanti'iitiin waan jedhu, ka gurra qabu haa dhagayu! (6) Woldaya Amantii Filaadelfiya'aa 7 Woldaya amantii Filaadelfiya'aatiif akkana jedhiitii barreessi, Kun Qulqullu'uu fi dhugaallessa ka ta'e, furttuu mana Daawiitii ka qabatee jiru irraa ka dubbatame, ka inni banu eennu'llee hin cufu, ka inni cufu'llee eennu'llee hin banu. 8 Hujii kee ni beeka, eennuu'llee cufu'uuf ka hin dandeenne, balbala baname durana keetiin kaayee jira, huminni kee shiikkoo ta'uu ni beeka, haa ta'u malee dubbii tiyya eegiddee jirta, maqaa kiyya'llee hin waakkanne. 9 Eegaa, Yihudota uduu hin ta'in nu'u Yihudota worra jedhan sanniin miseenssa yaa'ii sheexanaa ka ta'an sobddoonni dhufanii miila kee jalatti akka kufan isaan ni taasisa, akka ani si jaaladhe'llee akka beekan isaan ni taasisa. 10 Obissa ka qabddu ta'i dubbii kiyya ka ani siin jedhe waan eegiddeef ani'llee biyya lafaa irra worra jiraattan qormmaatu'uuf arddii mara irratti saa'aatii rakkinni dhufu irraa si ni eega. 11 Kunoo dadafaan ni dhufa, gonfaan kee eennu'llee isii irraa akka hin fudhanneef, ka qabddu jabeessiitii qabadhu. 12 Injifatee ka moo'u utubaa Mana Waaqeffannaa Waaqa kiyyaa isa ni taasisaan, achii'llee gonkumaa hin bayu, maqaa Waaqa kiyyaatii fi maqaa magaalaa Waaqa kiyyaa isa irratti ni barreessa, magaalaan tun'llee sami'ii Waaqa kiyya biraa ta buutu, Yerusaalemii haarofititti'i, maqaa kiyya haarawa'llee isa irratti ni barreessa. 13 «Hafuurri woldayoota amanti'iitiin waan jedhu, ka gurra qabu haa dhagayu!» (7) Woldaya Amantii Loodooqiyaa 14 Maleyikkaa woldaya amantii Loodooqiya'aatiif akkana jedhii barreessi, Kun Ameenii ka ta'e, amanama'aa fi ragaa dhugaalessa ka ta'e irraa, uumama Waaqaa maraaf argama ka ta'e irraa ka himame, 15 hujii kee ni beeka, ati qabbanaayaa yookiin oo'a miti, qabbanaayaa yookiin oo'a taatee uduu jiraateetii, mishaa ni ta'a ture! 16 Qabbanaayaa yookiin oo'a uduu hin ta'in ka gunshuurtte waan taateef, afaan kiyyaa baasee si tufu'uuf, 17 ani dureessa, qabeenna baayi'ee ni qaba, wonitti natti dhidhatu womaayyuu hin jiran ni jetta, garuu miidhamaa, gad aanaa hiyyeessa, jaama'aa fi ka qullaa jirttu ta'uu kee hin beekittu, 18 Dureessa ta'u'u'uuf ibiddaan ka qoratame worqqii ana irraa akka bituuf, qaama kee ka qaani'ii dhoffachu'uuf uffata adii akka uffattuuf, argu'uuf'llee akka danddeettu qoricha ijaa bittee akka dibattuuf si gorssa. 19 Ani worra isaan jaaladhu marattuu ni baanadha, isaan'llee ni adaba, kanaaf dammaqi, dhiifamaan gara Waaqaa'llee deebi'i, 20 kunoo! Ani balbala dhaabadhee ni dhadhaya, eennu'llee qoonqqa kiyya dhagayee balbala yoo naaf bane, gara isaa aseenee isa woliin ni nyaadha, inni'llee ana woliin ni nyaata, 21 Ani injifadhee moo'ee, Abbaa kiyya woliin teessoo isaa irra akkuma taa'e, akkuma kana injifatee ka moo'e, anaan woliin teessoo kiyya irra akka taa'u ni taasisaan. 22 «Hafuurri woldayoota amanti'iitiin waan jedhu, ka gurra qabu, haa dhagayu.» |