Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Mudhata Yohaannisii 18 - Waadaa Haarawa


Kufuu Baabiloonii

1 Kanaan duubatti aangoo ka qabu maleyikkaan bira'aa sami'ii yoo bu'u ni arge, ulfinna ifa isaa irraa ka'een arddiin ni ifitte,

2 Qoonqqa ol aana'aan'llee akkana jechu'uun ni iyye, «Baabilooniiin ol aanittuun Kuftte! Kuftte! Bakka jireenna jinniiwwan battiiwwanii ni taate, bakka bulttii hafuurota batti'ii'llee ni taate! Bakka bulttii hafuurota batti'ii'llee ni taate! Waan fuula guursisuu fi boqata sinbirrootaa jibbisiisan'llee ni taate!

3 Ka batteessu daadhii woyinni'ii ka sagaagalititti'ii ummata maraa obaafttee jirtti, nugusonni arddi'ii isii woliin sagaagalanii jiran, daldalittoonni arddi'ii'llee qananii isi'ii baayi'ee irraa ka ka'een, dureessota ta'anii jira.»

4 Qoonqqa bira'aa'llee sami'ii akkana yoo jedhu ni dhagaye, «Yaa ummata kiyya! Cubbuu isi'ii titti hin hirmmaatinaa, isii keessaa bayaa!

5 Tuulaan cubbuu isi'ii haga sami'ii gayee jira, Waaqan'llee balleessaa isi'ii yaadatee jira,

6 haga isiin kenniteen isi'ii kennaa, hujii isiin raawwatteen'llee dachaa kafala'aafii, Duloo isiin dhugaatii adda addaa itti wolitti makitte keessatti, dacha'aa fi cimaa taasisa'aatii wolitti jalaa makaa,

7 haguma isiin ulfinnaa fi itti toliinssa mataa isi'iitiif kenniteen, makkaraarnnaa fi gadda kenna'aafii, isiin onnee isi'ii titti, ‹akka mootitti'ii titti taa'ee jira, haadha hiyyeessaatii miti'llee gaddi'llee gonkumaa narra hin gayu› jechu'uun, ni dhaadatti.

8 Kanaaf balaawwan isi'ii marrinuu guyyaa tokkoon isii irra ni gayan, du'aa, gaddaa fi beelli'llee isii irraa ni gayan, ibiddaan'llee ni gubatti, isii irratti ka murtteessu Waaqinni Gooftaan, ol aana'aa.»

9 Isii woliin worri sagaagalanii fi titti toliinssaan ka jiraatan nugusonni ardi'ii, isiin yoo gubattu aara bayu yoo argan waayee isi'iitiif iyya'aa ni booyan,

10 Makkaraarnna isi'ii sodaachu'uun'llee fagoo dhaabatanii, «Ati magaalattiin ol aanittuu, ati magaalattiin cimttuu yaa Baabiloon! Murtiin kee sa'aatii tokko keessatti waan dhufeef si uunisha'a! Si uunisha'a!» ni jedhan.

11 Fe'aa dooniiwwan isaani'ii ammaa achitti ka bitu waan hin jirreef daldalittoonni arddi'ii isi'ii ni booyaniif, ni gaddaniif'lle'e,

12 Worqqii, meeta, dhagaa gatiin isaa gudda'aa, dooqa, uffata haphii, uffata hamara, uffata haarri'ii, uffata diima'aa fi muka foolii mishaa qabu mara, ilkaan arbbaa, muka gatiin isaa mi'aa ta'e, sibiila diimaa, sibiilaa fi dhagaa adii irraa meeshaa hojjatame mara,

13 qarafaa, urgoofttuu, muka urgaayu, qumibbi'ii, ixaana, dhaadhii woyinni'ii, zayiitii ejerssaa, daakuu, qamadii, loowwan, hoolota, faradoo, gaariiwwan fardaa, garbootaa fi namoota kaanniin'lle'e.

14 Daldalttoonni'llee, «Ati ka hawwite wonittoonni mishaawwan marrinuu si irraa fagaatanii deemanii jiran, qabeenni keetii fi faayyonni kee marri'llee badanii jiran, ammaa achitti kanniin maraa gonkumaa isaan hin arggattuun!» isi'iin ni jedhan.

15 «Wonittoota kaniin maraa bita'aa daldalttoonni dureeyyii ta'an makkaaraarnna isi'ii sodaachu'uun, fagoo ni dhaabatan, booya'aatii fi gadda'aa'llee,

16 uffata haphi'ii fi uffata hamara, uffata diimaa'llee ni uffatti ka turtte, worqqi'ii fi dhagaa gudda'aatiin, dooqaan'llee ni bareeddi ka turtte, magaalattii ol aanttu'uuf uunisha'a! Uunisha'a!

17 Qabeenni hagasii marri saa'aatii tokkotti ni bade!» ni jedhan. Ajajoonni dooni'ii marri, namoonni dooni'iin deeman marri, doonii irra worri hojjatanii fi garba ciisaa irratti worri daldalan marrinuu fagoo ni dhaabatan,

18 isiin yoo gubattu aara bayu yeroo arganitti, «Magaalaa ol aanttuu tana ka fakkaattu magaalaan bira'aa gonkumaa ni jirtti turee ree?» jedha'aa, ni iyyan.

19 Mataa isaanii irratti daaraa ni firfirrissan, booya'aatii fi gadda'aa'llee akkana jedha'aa ni iyyan, «Garba ciisaa irratti doonniiwwan worri qaban marrinuu, qabeenna isi'iitiin dureeyyii worri ta'an, magaalaan ol aanttuun sun saa'aatii tokko keessatti waan badeef, isi'ii uunisha'a! Uunisha'a!»

20 Yaa samii! Isi'iin gammadi! Waaqinni waayee keessaniif isii irratti waan murtteesseef, isin Qulqulloonni fi ergamittoonni, nabiyyoonni'llee, gammadaa!

21 Kanaan duubatti maleyikkaan cimaan tokko, dhagaa guddaa daakka'aa ka gayu dhagaa tokko fuudhee, gara garba ciisa'aa ni dabrre, «Magaalattiin ol aanttuun Baabiloon kana huminnaan dhiibamttee ni kuftti, ammaa achitti'llee gonkumaa deebitee hin argamittu,

22 Qooniqqi worra kiraara sirreessaniitii fi qooniqqi worra sirbitootaa, qooniqqi worra ulullee afuufittotaatii fi qooniqqi worra xurunbbaa laali'ii afuufittotaa, deebi'ee si keessatti hin dhagayamu, ogummaa hujii harkaa ka bifa kamiituu naminni ogeessi hojjatu ammaa achitti si keessatti hin argamu, qooniqqiti dhagaa daakka'aa'llee ammaa achitti si keessatti hin dhagayamu.

23 Ibisaan ifaa ammaa achitti si keessatti hin ibisu, qooniqqi ka fuudhuutii fi qooniqqi idaayyitti'ii'llee ammaa achitti si keessatti hin dhagayamu, daldalittoonni tee namoota ol aanttota arddi'ii ni turan, asimmaa keetiitiin ummata kee mara dogoggorssiiftee jirta.»

24 «Isii keessatti arddiin nabiyyootaa fi Qulqullu'uu irratti dhiiginni namoota ajjeefamanii marrinuu, argamee jira.»

Lean sinn:



Sanasan