Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Mudhata Yohaannisii 14 - Waadaa Haarawa


Hoola'aa fi Namoota Kuma Dhibba Fi Afurtamii Afurii

1 Kanaan duubatti kunoo Hoolichi Gaara Xiyoonii irra dhaabatee ni arge, isaan woliin maqaan isaatii fi maqaan Abbaa isaa kallacha isaanii irratti worri itti barreeffame, namoonni kuma dhibba tokkoo fi afurtamii afurii ni turan.

2 Sami'ii'llee qooniqqa fincaayaa bishaan ol aanaa fi qoonqqa hangaasuu ol aana'aa fakkaatu ni dhagaye, qooniqqi dhagaye'llee kiraara sirreesttoonni haala qoonqqa kiraara itti sirreessanii qoonqqa dhagayan ka fakkaatu ture.

3 Teessichaa fi bineensota arffan, jaarsotii duranatti namoonni kuma dhibba fi afurtamii afurii faaruu haarawa ni faarsan, arddii irraa ka fayyan namoota kuma afurtamii afurii malee eennu'llee barachuuf hin dandeenne.

4 Isaan worra hin fuudhin waan ta'aniif dubarttootaan woliin wol qunnamittii raawwachu'uun hin battoofnne, gara hoolchi deemu maraa isa ni horddofaniin. Isaan Waaqaa fi Hoolichaa namoota jiddu'uu akka ka jalqabaa titti ka dhiyaatan.

5 Isaan dhara dubbatanii hin beekan, ashaan'llee worra hin qabnne.


Murtii Waaqaa Ka Beekisisan Maleyikkoota Sadiin

6 Kanaan duubatti ummatoota arddii irra jiraataniif, gosa, afaanota adda addaa worra dubbatanii fi worra gara garaa maratti dubbachu'uuf wongeela bara baraa ka qabate maleyikkaan bira'aa, samii jidduu yoo bararu ni arge.

7 Qoonqqa ol aana'aan'llee, «Waaqa sodaadhaa! kabaja'aan'llee! yeroon murtii isaa gayee jira, sami'ii fi arddii, garba ciisa'aa fi burqqaawwan bishaanii Waaqa uumeef sagadaa!» ni jedhe.

8 Maleyikkaan bira'aa lamaffaan'llee, «Ka macheessu daadhii sagaagala isi'ii ka woyinni'ii ummata mara ka obaaftte, Baabilooniin ol aanttuun sun ni kuftte! kuftte!» jedha'aa, maleyikkicha jalqabaa ni horddofe.

9 Ka bira'aa maleyikkichi sadaffa'aa'llee qoonqqa ol aana'aan akkana jedha'aa isaan ni horddofe, «Bineensichaa fi suuraa isaatiif ka sagadan, malikata isaa kallacha isaanii irratti yookiin harka isaanii titti ka godhatan marrinuu,

10 Daadhii woyiinni'ii ka dheekkamissa Waaqaa ni dhugan, daadhiin woyiinni'ii kun'llee uduu hin makamin duloo dheekkamissa isaa titti ka buufame, akkuma kana maleyikkoota Qulqullaawota duranattii fi Hoolicha duranatti, ibiddaa fi dinni'iin ni makkaraaran.

11 Ibidda isaan makkaraarssuu keessaa aarri bayu, bara haga baraa titti gara olii ni baya, bineenssichaa fi suuraa isaatiif'llee ka sagadan, malikata maqaa isaa'llee ka godhatan marrinuu, guyya'aa fi halkan'llee boqannaa hin qaban.

12 «Ajaja Waaqaa worra eeggatanii fi Yesusiin'llee amanu'uun qulqullaawota jabaatan dhaabatan irraa, obissi eeggamu asi irratti.»

13 Sami'ii qoonqqa akkana jedhu ni dhagaye, «Kana barreessi, ammaa achitti ka Gooftaa Yesusii ka ta'anii worri du'an, isaa ka eebbifaman!» Hafuurri Qulqulluun'llee, «Ee» «Dadhabbii isaanii irraa akka boqataniif, hujiin isaanii isaan ni horddofa» jedha.


Dheekkamissa Goofta'aa Arddii Irratti

14 Kanaan duubatti ni laale, kunoo duumessa adii ni arge, duumessa irratti'llee Ilma Namaa ka fakkaatu taa'ee jira, mataa isaa irratti'llee gonfata worqqi'ii gonfatee jira, harka isaa titti'llee haamttuu qara qabddu qabatee jira,

15 maleyikkaan bira'aa Mana Waaqeffanna'aatii bayeeti, ka duumessa irra taa'een qoonqqa ol aana'aan, «Callaa ardi'ii gayee jira, yeroon haama'aa'llee dhiyaatee jira!»

16 Duumessa irra ka taa'ee jiru'llee, haamittuu isaa gara arddi'ii ni erge, arddiin'llee ni haamamitte.

17 Maleyikkaan bira'aa'llee Mana Waaqeffanna'aa ka samii jiruu ni baye, inni'llee haamittuu qara qabeettii qabatee jira ture.

18 Ibidda irratti aangoo ka qabu maleyikkaan bira'aa furdda biraan bayeeti, maleyikkicha haamttuu qaramitte qabatee jiruun, «Mataan firiiwwanii waan bilchaataniif haammittuu kee qaramaa ergi! mataawwan woyinni'ii maraa arddii irraa muriitii wolitti qabi!» jechu'uun, qoonqqa ol aana'aan ni iyye.

19 Maleyikkichi'llee hamttuu isaa gara arddi'ii titti ni erge, mataawwan firiiwwan woyinnii arddi'ii'llee ni mure, bakka itti cuunffaa dheekkamissa ol aanaa Waaqaa keessatti'llee ni gateen.

20 Magaala'aan ala ka jiru bakka itti cuunffaa woyinnii magaala'aa titti'llee ni cuunffame, bakka itti cuunffa'aatii haga lugaama farddaa titti ka ol jedhee fi haga fageenna kiilomeetira meetira dhibba sadihi ka gayu, dhiiginni'llee bayee ni jige.

Lean sinn:



Sanasan